Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti mormitoonni al ergiin boba'aan deebii'ee akka eegaluuf waliigalan
Anga'oonni ce'umsaa Sudaan mormitoota baha biyyattii keessatti ujummoowwan boba'aa murteessoo lama cufuun akka gara biyya keessaafi biyyaan alatti hin yaaneef dhaabanii turan waliin waliigalteerra gahan.
Mormitoonni hawaasa Beejaa irraa ta'an kunneenis torbanootaaf mormii gaggeessuun, sararawwan ujummoo biyya karra galaanaa hinqabne Sudaan Kibbaa irraa boba'aa alatti erguuf ooluu fi kan boba'aa hin qullaa'iin gara Sudaaniitti geessan cufanii turan.
Sababiin mormii isaanis waliigaltee nageenyaa motummaan bara darbe gareewwan riphee loltoota adda addaa waliin mallatteessee ture keessaa hambiifamuutti aaruun jedhameera.
Waliigaltichi motummaan gareewwan riphee loltoota waliin mallatteessee sunis qaamaa biyyattii keessatti aangoo ce'umsaa yeroo dheeraa waraanaa irraa gara bulchiinsa siviliitti taasifamu ture.
Guyyaa Dilbataa bakka bu'aan aanga'oo ce'umsaa tokko mormitoota waliin marii taa'ee ture.
Marichis waliigaltee jaarsoolii hawaasaaa Beejaatiin akka al ergiin boba'aa yeroof karaa buufata Baashaayeeriitn darbuutiin kan hordofe ture. Buufanni Baashaayeer ammoo Buufata guddicha Sudaan karaa al ergiiwwan Sudaan Kibbaa irraa ittiin fe'amuutii baayyee dhihoodha.
Jaarsoliin Beejaa kunneenis waliigaltee yeroo kanaan booda dhimmicha irratti gadi fageenyaan mari'achuuf torban barbaadna jedhan.
Bakka bu'aan motummaa gama isaatiin jalqaba irratti hanga waldhabdeen kun furamuutti Buufata Sudaan hin dhiifnu jedhanii turan.