Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Dammaqaa Makonnin walgahii UN irratti maal dubbatan?
Ministira Mummee Ittaanaa fi Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Makonnin Itoophiyaan yaalii dhimma keessoo biyyattii keessa galuuf taasifamu kamuu kan hin fudhanne ta'uu dubbatan.
Yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 76ffaa Niiw Yoorkiitti gaggeeffamaa jiru irratti haasaa kan taasisan Obbo Damaqaan, motummaan isaanii gama deeggarsa namoomaa ilaal4latuun murtee hin daanggeeffamne kan qabu ta'uu himuun, garuu ammoo jidduu galmaata kamuu kan hin fudhanne ta'uu dubbatan.
Sochiilee deeggartoonni gargarsa dhiyeessaniifi kanneen bilisa, walabaa fi dudhaalee namoomaatiif abboomaman taasisaniif, mootummaan deeggarsa barbaachisu hunda kan raawwatu ta'uu ibsan.
''Kanaan alatti garuu sababii kamiinuu yaaliin dhimma keessoo keenya keessa galuuf taasifamu fudhatama hinqabaatu,'' jedhan.
Kana malees haasaa kanaan dhimmoota waqtaawaa Itoophiyaa ilaallatan adda addaa irratti ejjannoo mootummaa isaanii ibsaniiru.
Dhiyeessii deeggarsa namoomaa
Ministirri Muummee Ittaanaa Dammaqaa Makonnin waraanaa kaaba biyyattiitti gaggeeffamu ilaalchisee bal'inaan kan dubbatan yoo ta'u, kanaan walqabatees irra deddeebiin ka'aa kan jiru dhimma dhiyeessii deeggarsa namoomaas kaasaniiru.
Wayita motummaan isaanii deeggarsa namoomaa barbaachisu guutuuf yaalii taasisaa jirutti, ''gareen balleessaa karoora rakkina deeggarsa namoomaa hojiirra oolchusaatiin alatti duulli hololaa hameenyaan guutamee nurratti banameera,'' jechuun himatan.
Itti dabaluunis, ''boqonnaa amma irra geenyeen deeggarsi namoomaa meeshaa kaayyoo siyaasaa ittiin raawwatamu akka ta'e hubataa jirra,'' kan jedhan Obbo Dammaqaan, odeeffannoo sobaa qindeessuun hubannoon dogongoraa akka umamuu fi himannaan sobaa dhiyaachuu dubbatan.
Haata'u malee motummaan Itoophiyaa dirqama dhiyeessii deeggarsa namoomaa isaa bahuu, labsii namoomaa gam-tokkee labsuu akkasumas sarbama mirgootaa ilaalchisuun qorannoon akka gaggeeffamuufi ittigaafatamummaan akka jiraatuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu kaasuun, ''ta'ulleen garuu himannaawwan sobaa hambisuun hindanda'amne'' jedhan.
Dhaabbileen Mootummoota Gamtomanii fi mootummoonni biraa, deeggarsi namoomaa gara naannooTigraay akka hingalleef mootummaan Itoophiyaa danqaa ta'eera jechuun irra deddebbii himataa turaniiru.
Obboo Dammaqaanis kana ilaalchisuun deebii kennaniiru.
Dhiibbaa alaa
Itoophiyaan wayita qoqqobbiin biyyoota kaan irra kaa'amu mormuu ishee kan kaasan Obbo Dammaqaan, ''Adeemsi haqa qabeessa hintaane Itoophiyaa irratti akka hinraawwatamneef ni mormina,'' jedhan.
Kana malees, ''dhiibbaan hinbarbaachifne kamuu yoo jiraate illeen dirqama walabummaa Itoophiyaa, tokkummaa bulchiinsaafi bilisummaa siyaasaa eegsisuun keenya ni baana,'' jedhan.
Itoophiyaan yaada gaarii fi walta'insaa michoota ishee irraa dhiyaataniif kan simattu ta'u kan kaasan Obboo Dammaqaan, haata'u malee yaada ijaaraa, wal amanamummaa fi waliigaltee kan uumuu ta'uu qabaata jedhan.
''Dhimma keessoo mootummaa tokkoo irratti yaaliin yaada ykn deeggarsa taasisuuf raawwatamu kamuu hubannoo walxaxiinsa rakkinichaa guutuu gaafata,'' jechuun himan.
Waraanaa naannoo Tigraay keessatti umame hordofuun biyyoonni lixaa keessattuu Ameerikaan qaamolee waraanicha keessatti hirmaatan irratti dhiibbaawwan adda addaa taasisuuf yaalaa jiraachuun ni yaadatama.
Dhiheenya kanas pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraanichaan walqabatee ajaja qoqqobbiiwwan adda addaa kaa'uuf kan dandeessisu mallattteessuun isaanii ni yaadatama.
Rakkoolee mariin hiikuuf
Obbo Dammaqaan yaadawwan rakkoolee mariin hiikuu ilaalchisee qaamolee adda addaatiin ka'uu ilaalchisuunis, mariin yeroo hundaa furmaata filatamaa mootummaa isaanii ta'uu ibsan.
''Itoophiyaan yaaliiwwan nageenyaa haqa qabeessa ta'aniif karrishee banaadha'' jechuun, motummaan isaanii Gamtaa Afriikaafi bakka bu'aa Olaanaa Gaanfa Afriikaa waliin ta'uun marii biyyaa Itoophiyaan hoogganamu gaggeessuuf akka hojjatu himan.
Itti dabaluunis Itoophiyaan eenyuufuu yaaddoo nageenyaa akka hintaane kaasuun, ''Itoophiyaan yeroo kamuu jaallattuu nageenyaa ta'uun kan jiraattuu fi nageenyaa qaxanichaa fi addunyaatiifis kan gamashee ni gumaachiti,'' jedhan.
Dhimma daangaa Sudaan waliin jiru
Waraanaa Tigraay hordofee waraanni Sudaan naannawa daangaa harka Itoophiyaa tureefi kan Sudaan kiyya jettuu to'achunsaa ni yaadatama.
Kanaan walqabatees walitti dhufeenyi biyyoota lamaan laafeera. Itoophiyaan Sudaan naannolee qabattee keessaa waraanashee baaftee mariin akka eegalamuuf gaaffatulleen, Sudaan gama isheetiin kana hinfudhatiin haftee jirti.
Obbo Dammaqaan gama isaanitiin dhimma kana yaa'ii mootummoota Gamtomanii kanarratti kaasuun, daangaan biyyattii weerara jalatti kan argamu ta'uu fi ammas Itoophiyaan furmaata nagaatiif karrishee banaa ta'uu ibsaniiru.
Hidha Guddicha Abbayyaa
Hidhi Guddichi Haroomsaa kan Itophiyaa, Masriifi Sudaan jiduutti baroota dheeraaf madda wal dhabdee ta'e ilaalchisuunis, hidhicha Itoophiyaan kan qabeenyaa isheetiin ijaarte ta'uunsaa biyyoonni kaanis dandeettii isaanitiin ijaarsa walfakkaatu gaggeessuu akka danda'an miira kaka'umsaa uuma jedhan Obbo Dammaqaan.
Rakkoolee ijaarsa hidha guddicha waliin walqabate Itoophiyaa mudate ilaalchisuunis Obbo Dammaqaan akka jedhaniitti, ''bishaan keenya irraa akka hindhugneef dhorkamuun keenya nama gaddisiisa'' jedhaniiru.
Fedhii dhalootaa biyyattiin qabeenyaa umamaa isheetti fayyadamuuf qabdu ''kan sababii fedhii ofiin qofaa itti fayyadamamuu fi waliigaltee koloniitiin daangeeffamu miti,'' jechuun, dhimmicha haala hunda fayyadamaa taasisuun Gamtaa Afriikaatiin hoogganamuun xumura irra gahuuf qophii ni ta'u jechuun biyyisaanii abdii akka taasiftu ibsaniiru.