Ayyaana Masqalaa: Daamaraaf muka akkamiitu filatamaa?

Daamaraa boba'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Oromoon Birraan bari'ee ayyaanota waggaa gara garaa kabajatu keessaa tokko Daamaraafi Masqaladha. Daamaraan Fulbaana keessa jala-bultii ayyaana Gubaa ykn Masqalaafi Irreecha Birraa irratti kabajama.

Masqalii hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti achi-dhuftee amantaa qabaatus, Oromoota biratti ammoo bifa adda addaatiin kabajama.

Oromoon ayyaana Masqalaa kana ayyaanota waggaa kaanirraa addatti hoo'isee kabaja. ''Masqalli Mootii ayyaanaati!'' jedhama.

Ayyaanni Damaraafi Masqalaa kuni kutaalee Oromiyaa adda addaatti sirnoota ittiin kabajamu garagaraa qaba.

Nutis haala ayyaanni kun itti kabajamu ilaaluuf haala Oromoonni Salaalee jala bultiirraa kaasee ittiin qophaa'aniifi Wallagga Bahaatti akkamiin akka kabajamu baruuf jaarrolee naannichaa dubbisneerra.

Ayyaanichi jala bultiirraa kaasee guyyoota lamaaf sagantaalee adda addaa kan qabu yoo ta'u, guyyootni lamaanuu tartiiba mataa isaanii akka qaban maanguddoon dubbsinee kunniin ni himu.

Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu irraa kan dubbifne maanguddoon Obbo Amdee Abarraa, Ayyaanni Masqalaa hawwiidhaan kan eegamu ta'iiwwan aadaa hedduu kan ofkeessaa qabudha jedhu.

Daamaraan Oromoo biratti dhimmoota dudhaafi falaasama uumaafi uumamaa jabduu of keessaa qaba kan jedhan ammoo Abbaa Gadaa Dassaaleny Fayyisaa Sooriiti - Godina Wallagga Bahaa irraa.

Keessattuu hawaasa baadiyyaa biratti yeroo ce'umsa waqtii Gannaatii gara ifa Birraatti taasifamu waan ta'eef bakka guddaa qaba jedhu.

Abaaboon daddaraaree, fooliin Birraa urgaa'ee akaakuun dhangaa lafaa gahes nama hawwachuu jalqaba.

Dargaggeessis: Daamaraa muree si boraasisa,

Ishee dheengaddaa aayyoo keetti himee si gorraassisa jechuun weedduu Birraa weeddisuu yeroo itti jalqaban jedhu maanguddoon kun.

Shamarranis: Aadaan daraartee Birraan bariitee,

Yeroon kan keenya taatee... jechuudhaan gareedhaan Balattii sirbuu kan jalqaban guyyaa Daamaraa irraa kaasee akka ta'e ibsu Abbaan Gadaa Dassaaleny.

Jala Bultii ayyaana Masqalaa (Daamaraa)…

Jalabultiin Ayyaana Masqalaa Fulbaana 16 guyyaa xomborri itti ibsamu Daamaraa jedhamuun beekamudha.

Guyyaa kana muka Daamaraan ittiin ijaaramutu ganamaan qopheeffama jedhu Obbo Amdeen.

"Mukti Daamaraa kuni laaftoo, birbirraa, mukarbaa yookan baargamoo ta'uu danda'a. Mukti kuni qaqallaadha. Isa dura garuu muka 'Jabaa' jedhamutu qophaa'a," jedhan.

Jabaan maali?

Akka maanguddoon Salaalee kuni jedhanitti Jabaan muka furdaa kan Laaftoo irraa gabaabsamee muramee guyyaa xombora ibsaa kanaaf qophaa'udha.

"Mukti kuni Gurcuudha. Garuu muka jiidhaadha malee gogaan hin qophaa'u. Jabaan kuni galgala bakka Xombora ibsan sanatti qarqara kaa'amee boba'a" jedhan.

Jiraataan aanaa Dagam Obbo Bahaaruu Dastaa akka jedhanitti ammoo Jabaan muka Laaftoo kan galgala bakka abiddi qabatu keessa kaa'amee Xomborri irraa qabsiifatamu jedhan.

Mukti jabaan kuni jiidhaa waan ta'ee fi galgala boba'ee waan hin dhumneef jechas gaafa Masqalaa ganama dubartoonni akka sunsumaatti itti fayyadamanii irratti marqaan marqama jedhan.

Daamaraa boba'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Wallagga Bahaatti - Daamaraaf muka (koota) akkamiitu filatamu?

Daamaraan akkuma akka naannootti muka mukarraa adda ta'an filachuun walitti qabanii kan ittiin mana keessatti daamaran [qoraan gogaafi muka jiidhaa walirra tuuluun bobeeffatan], akkasumas balbala irra dhaabanii ammoo ibsatanidha jedhu Abbaa Gadaa Dassaaleny Fayyisaa.

Daamaraaf mukti haaraa kanneen kaanirraa adda ta'e ni jira kan jedhan Aab Dassaaleny, baddeessaa, makkaannisa, laaftoofi nafuroon keessatti argamu.

Garuu namuu akka ayyaana isaatti ilaalee muka oomiillee itti ni dabalatas jedhu.

Tokkoon mukaa Daamaraaf filatamanii hiika mataa isaanii qabu kan jedhan Abbaan Gadaa Dassaaleny, fakkeenyaaf laaftoon ibidda ho'isa, ibiddas ni bulcha waan ta'eef filatama jedhu.

Nafuroonis akkasuma ibddii isaan diban hin dhaamu akka isaan himanitti.

''Akaakuu mukaa jiidhaafi gogaan guyyaa Daamaraa manaafi balbala ho'isuun kun jireenyi keenya waggaa guutuu kan itti ho'e yaa ta'u ergaa jedhu qaba," jechuun maaliif akka Daamaranillee ibsan.

Jiraataan biroo godinicharraa BBCn dubbise Obbo Malkaamuun qoraaniifi muka jiiraa mana keessatti bobeeffatamuun alatti mukti jiidhaa Daamaraaf lagaa muraman manatti hirkifamu jedhu.

Abbaa Gadaa Dassaalenyis ta'e Obbo Malkaamuun gaafa Daamaraa namni dhangaa/midhaan lafaa ga'e qofaa kan akka ancootee, raafuu, buqqee/dabaaqulafi asheeta boqqolloo nyaata jedhu.

Daamaraan galgala mana keessatti qoraan gogaafi muka jiiraan bobeeffatamee asheeta ibiddicharratti waaddachuun akaakuun dhangaas irra naqamee nyaatama jedhan.

Yeroo lafti gara bariitti dhiyaatu ammoo ibsaatu ibsama. Ibsaa kana miseensi maatii hunduu ibsii balbala kanatti ibsamurratti argamanii 'Iyookoo daraari' jedhanii sirbaa ibsatu, jedha.

Muka mana keessatti ittiin aamaramuun mukkeen jiidhoon balbalatti hordomuun dhaabaman ykn manatti hirkifaman lakkoofsi isaanii ergaa qaba akka maanguddoon kun ibsanitti taanaan.

"Fakkeenyaaf, mana nama barana bultoo ijaarratee tokko duratti muka sadiiti dhaabbata ykn hirkifameetu daamarama. Adadumaan waggaa itti aanu, shan, toorba, sagal, jedhaa deema."

Namoonni tokko tokko muka daamaraa kana balbala dhaabbachuun daamaran kana midhaan gaasa'e ykn sirriitti margee ija harkisu keessa geessanii dhaabu.

"Midhaan ulfoodha; akkuma namaa midhaan kabaja waan qabuuf mukti daamaraa keessa dhaabbama. Akkasumas, iji hamaa midhaan sana ilaalus akka muka sana ilaaluu danda'a."

Daamaraa ayyaana hawataa kan taasisu dhangaa haaraa lafaa gahe nyaachuufi daamaranii ibsuu qofaa osoo hin taane carraa maatiifi firoonni ittiwalga'anii gammadanidhas jechuun bakka ayyaanni kun hawaasa keessatti qabu ibsan.

Sirna Daamaraa, Xombora ibsuu Oromoota Salaalee biratti

Jala-bultii ayyaana Masqalaa galgala isaa akka aadaa Oromoota Salaaleetti dhuunfaa dhuunfaadhaan qe'ee ofiitti hin ibsamu.

Ollaan walitti yaa'ee bakka tokkotti xombora ibsee sagantaa jala bultii kana waliin kabaju.

"Dura Daamaraa guyyaa qopheeffatan sana bakka ollaan hundi itti walgahu (Afdaarii) jedhamuun beekamutti. Dhiironni muka Daamaraa lama lama qabatanii bakkicha bifa geengootiin dhaabu. Sana booda itti naanna'anii eebbifatu," jedhan Obbo Amdeen.

'Iyyookaa, Iyyookaa, kan baranaan nu geesse,

Iyyookaa Iyyookaaa, kan bara dhuufutinis nugahi,' jedhanii daamaraatti naanna'anii eebbifatu.

Abbaa amantii daamaraa dura Fannoo qabate

Madda suuraa, Getty Images

Qophii nyaata aadaa…

Ayyaana Masqalaa irratti nyaanni fi dhugaatiin hedduutu qophaa'a. Isa kanaafis dubartoonni ji'a tokko dursanii qophii jalqabu jedhan haati siinqee aanaa Dagam Aadde Abarruu Tolasaa.

"Daabboon, booknis ni qophaa'a. Caccabsaa fi akaayiin garbuu, nuugiin tumamee ayyaana Daamaraa galgalaa kanaaf qopheessina. Dubartoonni sagantaa kanaaf ji'a tokko dursanii qophaa'u," jedhan.

Guyyaa Masqalaa ganamas marqaa malee nyaanni biraa jalqaba hin nyaatamu. Dubartoonni ganama ka'anii marqaa garbuu irraa qophaa'e hojjetanii maatii nyaachisu jedhan.

Ayyaanni Masqalaa kuni namaaf qofa osoo hin taane, looniifis akka guyyaa ayyaanaatti ilaalama Oromoota Salaalee biratti.

Sababni isaas guyyaa Masqalaa kana loon bakka duriitti hin bobbaafaman. Kaloo haaraa takkaa dheedamee hin beekne gaafas tikfamu. Masqala namnis beelladnis qixxuma quufa jechuudha.

Sirboota Daamaraa/Masqalaa

Iyyoolee...., daraaree....

Masqala baalii yoon sirbe maalii...

Masqalan sirba maaltu na jibba...

Ayyaana waggaa ayyaantuuti arga.

Iyyoolee...., daraaree.... jechuun iyyooshee, dareekoo jechuun walitti yaa'uun akka sirbamullee yaadataniiru Abbaan Gadaa kun.

Akkaataan Daamaraan Oromoo biratti ittiin kabajamu naannoo naannootti garaa garummaa qabaatus jala bultiin hanga baatii tokkotti dhiironniifi shamarran ni sirbu.

Sirboota kana keessaa Iyyoolee, Iyyaasee kan yeroo Masqalaa addatti sirbamudha.

Yerooo baayyee sirboonni tibba ayyaana kanaa ittiin nama amansiisuufi maalalchiifachuuf dhiiraafi shamarraaniin gurmuudhaan ta'anii manarra deemanii sirbamus jira.

Sirbi akka Goobee/Do'ee jedhamus yeroo jala-bultii Daamaraa/Masqalaa kan sirbamudha.

Itti-aansuun wayita waqtiin Irreecha Birraa gahu ammoo sirbi ergaa hedduufi yeedaloo mimmiidhagaa qaban akka Kaa'oo fardaa bahanii sirbamus jira jedhu.

Ayyaanni Masqalaa yeroo ganni darbee biraan bari'u waan ta'eef Qeerrooniifi Qarreeen yeroo itti gammadanii ayyaaneffatan waan ta'eef sirbaan miira isaanii ibsatu akka Obbo Mokonnin BBC Afaan Oromootti himanitti.