Addabaabaayii Masqalaa: Addabaabaayii seenaa gurguddoo Itoophiyaa keessummeessu

Addabaabaayiin Masqalaa amma kan fakkaatu

Madda suuraa, AA City Press Secretary/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Addabaabaayiin Masqalaa amma kan fakkaatu
Maxxanfame

Handhuura magaalaa Finfinnee bakka Hora Finfinneetti addabaabaayii guddaa ijaaramedha. Sirna Dargii keessa 'Abiyoot Addabaabaay' jedhama. Amma immoo Masqal Addabaabaay jedhu.

Addabaabaayiin kun bara dhufaa darbaa seenaa Itoophiyaa keessatti addabaabaayii isa guddaa biyyattii bakka taateewwan gurguddoo seenaa biyyattii keessatti yaadataman keessummeessedha.

Addabaabaayiin kun qophiiwwan amantii, siyaasaa, ispoortii, aadaa, hojiiwwan aartiifi kanneen biroo ilaalchisuun qophaa'an baroota hedduuf keessumsiisaa tureera.

Akka Abbootiin Gadaa Tuulamaa jedhanitti, bakki amma Addabaabaayii Masqalaa jedhamu kun qaama ardaa Hora Finfinneeti.

Horri Finfinnee ammoo hara ja'an Galaan keessaa isa angafaati jedhu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Holaa.

Kanaaf, Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaaf addaan citee tures waggoota lamaan darbanirraa kaasee bakka Addabaabaayii Masqalaa kana dabalatee guutummaa ardaa Hora Finfinneetti bakka ummanni hedduu argamanitti kabajamuu eegaleera.

Mootummaan Dargii humna waraanaan gaggeeffamuufi sirna Maarkisistii hordofu gara aangootti dhufees maqaa addabaabaayii kanaa 'Abiyoot Addabaabaay' kan jedhutti jijjiiruun waggoota 17'f maqaa kanaan beekamaa turuun isaa ni yaadatama.

Bara Dargii sana keessa maqaan Addabaabaayii Masqalaa jedhu hafee yeroo 'Abiyoot Addabaabaay' jedhametti kan duraan achitti kabajamaa ture ayyaanni Masqalaas bakka biraatti kabajamaa ture.

Addabaabaayiin Masqalaa kun bakka guddaa sirni Daamaraa namoonni kumaan lakkaa'aman irratti hirmaataniifi turistoota baayyees hawwatudha.

Kana malees, bara mootichaa keessa raayyaan eegumsa mootii Hayilesillaasees guyyoota ayyaana waggaafi qophiiwwan gara garaarratti kan ummata bal'aaf agarsiisa itti dhiyeessan ture.

Kanaan alattis Addabaabaayiin kun taateewwan seenaan yaadatu hedduu kessumsiiseera.

Bara mootummaa Dargii keessa Fulbaana 2 guyyaan 'Abiyootii' sirna ho'aatiin bakka gaggeessitoonni biyyoota addunyaa 'Sooshaalistii' ta'an argamanitti agarsiisa gara garaatiin Addabaabaayii kanatti kabajama ture. Kun hanga bara 1991tti kan itti fufee kabajamaa turedha.

ALI baroota 1970man keessa humni waraanaa Somaaliyaa gama baha Itoophiyaatiin daangaa cabsee yeroo seenetti 'raayyaan ummataa' biyya eeguuf kallattii gara garaarraa walitti qabame leenjii erga xumureen booda gaggeessaan gara adda waraanaatti hiriira ummataa guddaan deeggaramee taasifameef asuma Addababaayii kanarratti ture.

Ministirri muummee duraanii Mallas Zeenaawii ijaarsa Hihaa Haaromsaa Guddichaa Laga Abbayyaaf dhakaa bu'uuraa Benishaangul Gumuz Gubaatti erga kaa'aniin booda uummata deeggarsaaf ba'eef waa'ee hidhichaa ilaalchisuun haasaa jalqabaa kan taasisan Addabaabaayii Masqalaa kanatti ture.

Haaromsa Addabaabaayii Masqalaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee baajata birrii biliyoona 2.5 baasuun pirojektii haaroomsaafi ijaarsa Addabaabaayii Masqalaa haaromsuu raawwatee Dilbata Waxabajji 13, 2021 eebbisiiseera.

Ijaarsi kun miidhagina magaalattii akka dabaleefi fuula Addabaabaayii seena qabeessa kanaas akka jijjiire dhugaa bahu.

Xumuramuu ijaarsa Addababaayii kanaan booda sirna eebba isaarratti kan argaman ministirri muummee Abiy Ahimad, "Addabaabaayiin Masqalaa bakka lammiileen kallattii biyyattii hundarraa itti walga'an, seenaa hedduu kan dabarseefi addabaabaayii hunda keenyaati," jedhaniiru.

"Addabaabaayiin Masqalaa waan hedduu kan arge, waan hedduus kan dabarse gar-tokkee eenyummaa keenyaaf itti wal geenyudha," jechuun eddichi kan waan hedduu dabarse ta'uu isaa dubbataniiru.

Addabaabaayiin Masqalaa yeroo ammaa kan fakkaatu

Madda suuraa, AA City Press Secretary/FB

Addabaabaayii Masqalaa

Maqaa kana kan argate ayyaana Masqalaa waggaa waggaan ji'a Fulbaanaa keessa kabajamurraati.

Ayyaanni Daamaraa waggaa waggaan ALI Fulbaana 16 kabajamu, hordoftoonni amantaa Kiristaana Ortodoksiifi turistoonni kuma hedduutti lakka'aman ni hirmaatu.

Ayyaana Abiyotii Fulbaana 2 bara 1967 A L I

Madda suuraa, Surafel Atnafu

Jijjiirama maqaa

Addabaabaayii Masqalaa maqaan jedhu bara Dargii keessa jijjiiramee Addabaabaayii Abiyootii jedhamee ture.

Maqaan isaa jijjiiramuu qofa osoo hintaane bakka sanatti ayyaana Masqalaa osoo hin taane guyyaa Abiyootiifi Dafqaan bulaatu itti kabajamaa ture.

Fakkiiwwan Kaarl Maarkis, Fireederiik Eengilsiifi Vilaadmiir Leeniin Addabaabayicha irratti fannifamanii turan Itoophiyaa Sooshaalistii taate kan mul'isaniifi sammuu namoota hedduu keessaa kan hin badne turan.

Kufaatii Dargiin booda Addabaabaayichi gara maqaa duraan Addabaabaayii Masqalaatti deebiifameera.

Bakka dhimmi siyaasaa itti gaggeeffamu

Qophiiwwan dhimma siyaasaa ta'an gara garaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaniiru.

ALI bara 1997tti paartileen mormituufi biyya bulchu ADWUIn yeroo filannootti hiriira baayyee gurguddaadha jedhaman irratti keessumsiifamanii turan.

MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufuu hordofes hiriirri deeggarsaa ALI Waxabajji 16, 2011 kan gaggeeffame Addabaabaayii kanarratti ture.

Addabaabaayiin Masqalaa yeroo hedduu hiriirawwan deeggarsa mootummaatiif qophaa'an keessumsiisulleen hiriirawwan mootummaa mormuun gaggeeffaman xiqqaa hin taanellee keessumsiiseera.

Addabaabaayii Masqalaa

Madda suuraa, Getty Images

Bakka gaggeessaa

Addabaabaayiin Masqalaa namoonni bebbeekamoo ta'an yeroo du'aan boqotanitti bakka gaggeessaan kabajaa itti taasifamuufidha.

Muuziqaa Itoophiyaa keessattii beekamaa kan ta'e weellisaa Xilaahun Gassasaa yeroo du'etti warri isa dinqisiifatan kumaatamaan bahanii bakka kanatti gaggeessaa taasisaniif.

MM duraanii Mallas Zeenaawwiin yeroo du'aanittis namoonni kuma hedduun Addabaabaayii kanatti ba'uun gaggeessaa taasisaniif.

Hoji-gaggeessaa Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa kan ture Injinar Simmanyawu Baqqalaa lubbuun isaa kan darbeefi gaggeessaanis kan taasifameefiif Addabaabaayiidhuma seena qabeessa ta'e kanatti.

Qophiiwwan muuziqaa

Artistoonni bebbeekamoo biyyattii keessa jiran hojii aartii isaanii dhiyeessuuf bakki filatan tokkoffaan Addabaabaayiidhuma Masqalaa kana.

Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Dagi Pictures

Dhimmoota waqtaawaa gara garaa waliin walqabsiisuun qophiin muuziqaa bakka kanatti dhiyaataniiru.

Aartist Haacaaluu Hundeessaa qophii addaa kabaja Injifannoo Aduwaa waggaa 123ffaa waliin walqabsiisuun Addabaabaayii Masqalaa kanatti qophii qalbii namoota hedduu keessaa yoomiyyuu hin badne qopheessee ture.

Bodee fi gaachana qabachun fardeen haalaan faayaman waliin qophii gootota Oromoo Injifannoo Aduwaarratti seenaa hojjetan yaadachuuf Aartistiin kun qopheesse Addabaabaayiin kun miiraafi miidhagina yoomiyyuu yaadatamu keessummeesseera.

Aartist Haacaaluunis qophii Bitootessa 4, 2019 qopheesse kanarratti Gabayyoo Gurmuu hanga Magarsaa Badhaasaatti, Garasuu Dhukiitii hanga Baalchaa Abbaa Nabsootti, Abdiisaa Aagaatii hanga Balaay Zallaqaa Qilxuutti gootota kaasuun cookee geerareera, Addabaabaayiima Masqalaa kanatti.

Tewoodiroos Kaasaahun (Teedii Afiroos) qophii muuziqaa bakka jaallattoonni isaa kumaan lakkaa'man argamanitti dhiyeessee ture.

Mootii Reegee jedhamuun kan beekamu Boob Maarleen guyyaan dhaloota isaa 75ffaan bakka maatiin isaafi namoonni muuziqaa bebbeekamoo biroon argamanitti Addabaabaayii Masqalaa kanatti gaggeeffamee ture.

Bakka ispoortii

Addabaabaayiin Masqalaa namoota fayyaaf jecha sochii qaamaa taasisanirraa kaasee sochiin ispoortii gara garaa bakka itti gaggeeffamudha.

Sababa gara garaatiin darbee darbee jijjiiramullee dorgommiin Fiigicha Guddichaa ka'umsiifi xumurri isaa Addabaabaayii Masqalaati.

Dorgommiin konkolaataafi biskileetis bakkuma kanatti yeroo gaggeeffamu arguun waan haaraa miti.

Atleetonnis gareedhaan ta'anii bakka kanatti shaakala ni taasisu.

A L I Ebla 23, 1969 Impeeliyaazimii mormuun hiriira Addabaabaayii Abiyootitti ba'ame

Madda suuraa, William Campbell

Godambaa

Addabaabaayii Masqalaa godambaawwan lamatu jiru.

Inni jalqabaa Godambaa Finfinneeti. Godaambaan kun ALI bara 1986 kan hundeeffame yoo ta'u, jijjiiramawwan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa magaalattii galmeessifte ol-kaa'uudhaaf kan hundeeffamedha.

Godaambaan lammaffaa ammoo Wareegamtoota Goolii Diimaati. Godaambaan kun waggoota 11 dura kan hundeeffamedha.

Sirna Dargii keessa wareegamtoota Goolii Diimaatiin lubbuu dhaban yaadachuutiif kan ijaarame yoo ta'u, saanduuqa reeffaa, suuraawwan namoota ajjeefamaniifi meeshaaleen gara garaa kan qabatedha.

Walumaagalatti...

Addabaabaayiin Masqalaa kanneen armaan olitti tarreeffamanitti dabalataan tajaajilawwan gara garaa keessummeessuufi taateewwan seena qabeessa ta'an itti raawwatamanidha.

Bakkeewwan Finfinnee keessatti beeksisawwan gara garaa biilboordii gurguddootiin itti dhaabaman ykn fannifaman keessaa tokko Addabaabaayii Masqalaati.

Kanaan dura bakka namoonni taaksii itti qabataniifi irraa itti bu'an ta'uun gargaaraa tureera; amma garuu awutoobusoonni gurguddoo karaa dheeraa deeman kutaaleen biyyaatti ramadaman Addabaabaayii Masqalaatii ka'u, achittis dhaabbatu.

Addabaabaayiin Masqalaa namoota tokko tokkoofis bakka itti wal beellaman, warra kaaniif ammoo bakka itti yeroo isaanii dabarsanidha.