Gamtaan Awurooppaa giddu-seentummaa waraanaaf 'humna jabeeffachuun nu barbaachisa' jedhe

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa (EU) Ursula Von der Leyen gamtaan isaanii yaaddoo nageenyaa fi gaaga'ama addunyaa ittisuuf humna waraanaa isaa jabeessuu qaba jedhan.
Paarlaamaa Awurooppaa gubbaatti kan dubbatan qondaalli kun humni waraanaa EU ''qaama furmaataa ta'a'' jedhanii akka amanan himan.
EU gidduuseentummaa waraanaa ilaalchisee fedha siyaasaa gahaa agarsiisuu qabdu jedhameera.
Keessumaa duulli Afgaanistaan kan US'n durfamu fashaluu hordofee EU'n of danda'ee waraanaan duuluu danda'uu qaba yaadni jedhu dhiyaateera.
Qondaalli kun yaa'ii ittisaa EU bara dhufuu Faransaay ni keessummeesitis jedhan.
Ya'ii paarlamaa kan waggaa 'State of the Union' ittiin jedhan irratti ''Awurooppaan sadarkaa tokko fuuladuratti siiqxee argamuu qabdi'' jedhan.
EU'n seenaa isaa keessatti gama waraanaan gara caalu Nato'tti hirkachuun beekama.
Humnoonni US dursitu Afgaanistaan keessaa bahuu hordofee kufaatii biyyattii mudateen booda EU'n imaammata ittisaa mataa isaa qabachuu irratti gaaffiin ka'aa jira.
Jalqaba ji'a kanaatti ministirri ittisaa Jarman EU'n dhimma waraanaan walqabatee taatuu jabduufi fi tarsiimawaa taasisuu irratti mariin guddaan akka godhamu gaafataniiru.
UK'n gamtaa kana keessaa bahuunis dhimma nageenyaarratti xiyyeefannaan akka kennamu dirqisiiseera.
Gamtaan Awurooppaa gartuu waraanaa 'EU battlegroup' jedhamu kan mataa isaa kan qabu ta'uus, maallaqa deeggarsaan walqabatee waldhibdeen isa mudateera, duulaafis rincicatu jira.
''Addunyaarratti waraana isa hammayyaa yoo qabaatte, garuu ammoo itti fayyadamuuf qophii miti yoo taate maal bu'aa qaba'' jedhan Komsihinarri gamtichaa von der Leyen.
Biyyootni EU hedduun isaanii miseensa Nato ta'anis gariin isaanii keessumaa kanneen Raashiyaa waliin daangaa qooddatan hariiroo US waliin qaban qabbaneessuu hin fedhan.
Barreessaa olaanaan Nato Jens Stoltenberg ji'a kana dhimma waraanaa EU yoo dubbatan, gamtichi imaammata ittisaa waloo qabaachuun gaarii akka ta'e himanii, humna waraanaa haaraa ijaaruu irratti garuu akeekkachiisaniiru.
Von der Leyen garuu gamtaan isaanii ergamoota Nato fi UN hin hirmaachifneen nageenya biyyoota ollaa isaa fi kaanis eeguuf gumaacha gaarii gochuu akka danda'an ibsan. Yaaddoowwan gama saayibariin jiruufi nageenya saayibaraa mirkaneessuutti adda duree taanas jedhan.
Kana ilaalchisees xumura bara kanaatti gamtaan isaanii Nato waliin ta'uun labsii waloo baasa jedhan.














