'Ibsi ergamaa addaa EU ittigaafatamummaa kan hin qabneefi dhara' - Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia
Itoophiyaan haasaa ergamaan addaa Gamtaa Awuroppaa (EU) Pekaa Haaviistoo qondaalonni Itoophiyaa ''ummata Tigraay balleessuu barbaadu'' jedhee dubbii miira itti-gaafatamummaa hin qabneefi dippilomaasummaan itti hir'atedha jechuun gonkumaa akka hin fudhanne beeksiste.
Minisiteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dubbii Ministeera Haajaa Alaa Finlaand kana ilaalchisuun guyyaa Jimaataa ibsa baaseera.
Ergamaa addaa EU ta'uun dowwannaa Itoophiyaafi Sudaaniitti taasisan ilaalchisuun A L I Waxabajjii 8, 2013 haasaa walgahii paarlaamaa koree Dhimmoota Alaafi Misoomaa Gamtichaatiif taasisanii ture kana kan dubbatan.
Minisiteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dubbiin Haaviistoo kun, "ifaan ifatti tuffii mootummaa Itoophiyaa kan mul'isuufi karaa hin malleen dhimma keessoo keessa seenuuf haala mijeeffachuudha," jedheera.
Dubbiin ergamichaa kun kan nama qaanfachiisuufi haala qabatamaa Itoophiyaan keessa jirtu kan hin beeknedha jedheera.
Ministirichi dowwannaawwan gabaaboo lamaan qofa, "Itoophiyaafi ummata ishee beeka haalli itti jedhan dogongora qofaa osoo hin taane, ilaalcha ofumaan sirrii of gochuu kan mullisuufi koloneeffattummaa mullisudha," jedheera.
Ergamichi EUn hojiiwwan naannoo Tigraayiitti dursi kennamuuf qaban jedhuun ilaalchisee waa'ee adeemsawwan jiranii dubbataniiru.
Ejjannoon gamtichaa loltoonni Ertiraa naannicha gadhiisanii akka bahan, deeggarsi namoomaa addaan hincinne akka qaqqabu, qorannoon bilisaafi walabaa akka gaggeeffamu, mootummaa Tigraayiifi mootummaa jiddugalaa jidduutti mariin akka gaggeeffamu fi labsii dhukaasa dhaabu jedhaniidha.
Ministirichi daawwannaa isaanii Guraandhalaatiin gama mootummaa Itoophiyaatiin loltoonni Ertiraa Tigraay hingalle kan jedhu dabalatee, sarbamawwan mirgoota namoomaa fi buqqa'insi hin raawwatamne jedhee ture jedhan.
Haata'u malee dowwannaa baatii Ebla irratti hanga tokko deeggarsi namoomaa qaqqabuu dubbataniiru. Haata'u malee kan hindaangeeffamne hinturre jedhan.
Lammaffaarrattis, qorannoo qaama walabaafi bilisa ta'een kan jedhu Komishinii Mirga namoomaa kan mootummaa ta'eefi Dhaabbanni UN hojjataa jiru, bu'aan isaas eegamaa jira jedhanilleen loltoonni Eritaa garuu ammallee naannichaa hinbaane jedhan. Dhukaasa dhaabunis hojiirra hinoolfamne jechuun yaadataniiru.
Dowwannaa baatii Eblaa tureen EUn akka ejjannootti kan qabate daandii loltoonni Ertiraa ittiin bahan dabalatee, ergaa labsii dhukaasa dhaabuufi paartiilee mormiitoota Tigraay waliin marii gaggeessuun eegalamuu qabaata jedhu dabarsuu isaanii dubbataniiru.
Tibban Tigraay dowwadheetti buufataaleen fayyaa barbadaa'usaaniifi dubartoota gudeedaman argeera jedhan.
Kana malees Lixa Tigraay ummanni miliyoona 1-2 ta'u buqqaafamusaatiifi manneen barnootaa hedduufi bakkeewwan dahannoo yeroo biraa keessa akka turan tibba sanatti dubbatanii ture.
Mootummaan Itoophiyaa namoota buqqa'an akka deebisu dubbatulleen karoorri qabatamaa garuu hinjiru kan jedhan Ministirichi, waliigalatti naannichatti miidhaan mirga namoomaa olaanaan dhufuu akka danda'u hubachiisaniiru.
Ministiirri Haajaa Alaa Itoophiyaa gama isaatiin, marii mormiitoota Tigraay waliin jedhu akka hinfudhannee fi ''garichi kan paarlaamaan shororkeessaa jedhameedha'' jedheera.
Dhimma dhukaasa dhaabuun hin raawwatamne jedhurrattis Ministirri Haajaa Alaa ''Duulli seera kabachiisuu humnootii wal qixa ta'an lamaan osoo hintaane gareen shororkeessaa biyyattii irratti jeequmsa akka hinfinneef taasifamuudha.
Mootummaanis garichi qabsoo shororkeessummaa isaa dhaabee harka akka kennuuf waamicha taasiseef hinfudhanne,'' jedheera.
Ibsi ergamaa kanaa kaayyoo dhokataa kan qabu yoo ta'u, keessattuu qondaaltonni olaanoon Itoophiyaa ummata Tigraay balleessuuf barbaadu dhimmi jedhu kan ergamichi yaadassaniin ykn haala ta'een hubannoonsaanii burjaaja'ee ta'uu mala jedheera.
Qondaalli kun eessattifi maal dubbatan?

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalli kun deebii kana kan kennan tibba paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa gaaffiiwwan ''Itoophiyaatti yakki waraanaa raawwatameeraa? MM Abiy Ahmad fi Isaayyaas Afawarqiin yakka waraanaa raawwataniiru jettee yaaddaa? Qorannoon bilisaa ni jiraata jettee yaaddaa? Qondaaloonni kunneen yakka waraanaatiin ni gaafatamuu? jedhan gaafatamaniitti ture.
Gaaffiiwwan sarbama mirgoota namoomaa ykn yakki waraanaa raawwatamaniiru jedhan jiru kan jedhan Ministirichi, wayita ammaatti gabaasaaleen dhaabbilee mirga namoomaa walaba ta'anii akka jiran himaniiru.
Haata'u malee gabaasni UNtti Dhaabbata Komishinii Mirga Namoomaa fayyadamu akka qaban gorsaniiru. Dhimmi kunis yaa'ii mirga namoomaa Motummoota Gamtomaniitiin ilaalamu qabas jedhaniiru.
''Anaaf keessattuu miidhaa dubartootarra jiru waraana naannicha jiru kamuu keessatti raawwatamee kan hinbeeknedha,'' jedhaniiru ergamaan addaa kun.
Dhimma kanarratti fedhiin Itoophiyaa maaliidha kan jedhu wayita himanis, ''Baatii Guraandhalaa tibba qondaaltoota olaanoo Itoophiyaa argetti haasaan isaan fayyadamaa turan ummata Tigraay akka balleessan, ummata Tigraay waggoota itti aanan 100f guutummaatti akka barbadeessan kan fakkaatuudha,'' jedhan.
''Kun anaaf sarbama mirga namoomaa olaanaafi yakka kan agarsiisuudha. Ummata lakkoofsa gadaanaa qabdu duguugdee kan balleessitu yoo ta'e kun maaliidha?
Ummata Tigraay hunda balleessuu hindandeessu. Dhimma ifa ta'eedha. Deebii kennuu qabna sababiinsaas kun nuuf duguuggaa sanyii ta'uu danda'a,'' jedhan.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa gamasaatiin, paarlaamaa Awuroppaa irratti ''Qondaaltonni olaanoon Itoophiyaan ummata Tigraay waggaa 100f duguuganii balleessuuf'' barbaadu jecha jedhu gonkumaa kan sobaan umameedha jedheera.
Ergamaan kunis yeroo lama dowwannaaf Itoophiyaa wayita dhufaniitti MM Abiy dabalatee, Pirezidaanti Saahila Warqi Zawudee, Ittaanaa Minisitra Mummee Dammaqa Makonniin fi Ministira Nagaa Mufariyaat Kaamiil waliin dhimma Naannoo Tigraay dabalatee dhimmoota garaagaraa irratti mirii taasisaniiru.
Ibsi Ministeera Haajaa alaa kun dabaluunis, Peekaa Haaviistoo ergamaa amanamaa walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Gamtaa Awuroppaa jedhee akka hinfudhannee dubbateera.
Itoophiyaan Gamtaa Awuroppaa waliin walitti dhufeenya walta'iinsaa akka qabaattuf yoo barbaadame karaa walaba ta'een hojjachuu qabaata jedheera. Rakkinicha hiikuufis karaa ijaaraa ta'een hojjachuu qabaatas jedheera.
Gamtaan Awuroppaa gamasaatiin guyyaa waraanni itti eegalee kaasee mootummaa Itoophiyaa, TPLF akkasumas ambaasaaddaroota Gamtaa Awuroppaa waliin marii taasisuufi yaaddoo isaa ibsu dubbateera.
Waraanichis du'aatii namoota hedduu, buqqa'iinsa miliyoona lamaa fi barbadiinsa bu'uuraalee misoomaa qaqqabsiiseera jedheera.














