Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti balaa lolaatiin lubbuun namoota 80 olii darbuu anga'oonnii biyyattii himan
Balaa lolaa ji'oota lamaan darba keessa qaqqabeen Sudaanitti lubbuun namoota 80 olii darbuu aanga'oonni biyyattii beeksisaniiru.
Miidhaan sababa lolaa biyyattii keessatti kan namootarra gahe kun ji'a waqtiin Gannaa itti jalqabe Adoolessa irraa kaasee yoo ta'u qabeenyi hedduunis balaa lolaa uumameen manca'eera.
Dubbi himaan mana maree ittisa balaa biyyaalessaa Sudaan, balaa lolaa ji'ootaaf walitti aansuun uumameen miidhaa qaqqabe ilaalchisee ibsa kenneen; walumaagalatti sababa lolaa hamaatiin lubbuun namoota 84 darbee kanneen 67 ta'an irraan ammoo miidhaan qaqqabuu dubbateera.
Rooba cimaa ji'a Adoolessaa irraa kaasee roobeen, kutaaleen bulchiinsotaa biyyattiin qabdu 18 keessaa yoo xiqqaate 14 keessatti miidhaan qaqqabuu ibasameera.
Balaan lolaa kun miidhaa nama irraan gaheen alattis manneen 30,000 ol ta'an kan miidhe yoo ta'u, oyiruu qonnaa irra turanis balleessee, bu'uuraalee misoomaarras miidhaa guddaa geessiseera.
Mootummoonni Gamtoomanii (UN) gama isaatiin odeeffannoo miidhaan bokkaafi lolaa cimaan Sudaanitti qaqqabsiise baaseen akka eeretti, namoonni 102,000 rakkoof saaxilamaniiru.
Sababa Hidha Haaromsa Laga Abbayyaa ijaaramaa jiruutiin hanqinni bishaanii mudachuu danda'a jechuun yaaddoo qabdu ibsataa kan turte Sudaan, bokkaa biyyattii keessatti roobuufi lolaa Laga Abbayyaatiin uumamuun rakkoon ishee mudachaa jira.
Waggaa darbe keessa biyyattiin lolaa hamaa ishee mudatee tureen namoonni 100 yoo du'an, manneen 100,000 ta'an ammoo manca'aniiru. Baruma darbe kana balaa lolaa uumamee tureen namoonni 600,000 ol ta'an rakkoo hamaaf saaxilamanii turan.
Sababii kanaanis ji'oota sadiif kan turu labsii yeroo muddamaa biyyaalessaa labsuun, lammileen biyyattii miidhaan irra gahe gargaaruuf carraaqaa akka turte ni yaadatama.