'Maqaa bara garbummaa naaf mogga'e ofirraa jijjiiruuf durseen hiriira'

Maxxanfame

Mootummaan Daach baasii maqaa jijjiirrachuuf kaffalamu erga haqee booda, horteen maatiiwwan Afriikaa bara garbummaa miidhaa jala turanii maqaa yeroo sana mogga'eef jijjiirrachuu eegalan.

Koreen dhimma kana hordofu, Utrecht council, maallaqa wayita maqaa jijjiirratan kaffalamu yuuroo 835 haqeera.

Kana gochuudhaan namoonni maqaa bara garbummaa moggaafameef akka ofirraa kaasan gargaaraa jira.

Akka seeraa Daach'tti maqaan namaa yoo waan arrabsoo fakkaatuu fi safuu cabsu ta'e jijjiirrachuun baayyee rakkisaa miti.

Garuu yoo maqichi duudhaa biyyattiin kan walqabatu ta'e kaffaltiirratti dabalataan waa'een maqichaa qoratamuu qaba.

Dhaabbata Seenaa Garbummaa Daach qoratu kan hooggantu Liindaa Nooitmeer, ''haala yeroo garbummaa ture deebisuuf maallaqa gaafachuun sirrii miti. Kanaafuu murteen koree Utrecht sirriidha,'' jetti.

Garbummaa jarraa sadii

Bara 1596 fi 1829 gidduutti Daach lammiilee Afrikaa miiliyoona walakkaa ta'an karaa garba Atlaantikii gara biyyasheetti fe'uun hojii qonnaa hojjechiisaa turte.

Lammiileen kunneen akka dhala namaatti osoo hin taane akka meeshaa fi qabeenya dhuunfaatti ilaalamaa turan, maqaansaaniis ni geeddarama.

Liindaa Nooitmeer gochi akkanaa ''akka gocha namummaa dhala namaarraa mulquuti,'' jetti.

"Waan hundatu geeddarame. Akka meeshaatti fe'amta. Akka looniitti. Maqaa qofa osoo hin taane afaan, eenyummaa, amantii fi seenaa keenya kan Afriikaan walqabatu hunda dhabne,'' jedha Guno Mac.

Nezarlaandis biyyoota bara 1963 keessa sirna garbummaa balleessan keessatti, Biriiteen booda waggaa 30 jechuudha.

Namoonni garbummaa jalaa bilisa ba'an maqaatu kennamaaf, abbaa garbaa akkuma fedhasaatti maqaa isatti tole moggaasa.

Linda Nooitmeer maqaawwan namoota garbummaa jalaa walaboomaniif kennamaa turan ergamtummaa kan calaqqisiisaniidha jetti.

Seenaan garbaa fi garboomfataa osoo xumura hin argatin yaadatamaa akka jiraatu kan ibsuudha jette.

Namoonni hedduun maqaa jijjiirrachaa jiru

Namoonni seenaa garbummaa keessa darban hedduun horteesaanii ganamaa Afriikaatti deebi'uun eenyummaasaanii isa dhugaa fi maqaa isaanii isa sirrii qorachuutti jiru.

Erga koreen dhimma kana ilaalu, Utrecht, maqaa bilisaan jijjiirrachuun akka danda'amu ibsee booda bara darbe qofa namoonni 3,000 ta'an maqaa hortee maatiisaaniif moggaafame jijjiiruuf fedhii agarsiisaniiru.

"Maqaa horteen maatii keenyaa ittiin waamamaa turan isa sirriitti deebi'uu dhabuu dandeenya. Garuu yoo xiqqaate maqaa qabiyyee Afrikummaa of keessaa qabu, kan seenaa maatii keenyaa mul'isutti deebisuudha. Maqaa haala kanaan ijoollee keenya moggaasuun seenaa keenyatti akka deebinuuf hedduu gargaara,'' jette Aadde Nooitmeer.

Haata'u malee namoonni hedduun Daach keessa jiraatan ammallee maqaasaanii jijjiirrachuuf sodaa keessa jiru.

Sababiin isaa ammoo carraa barnootaa, hojii fi mana jireenyaa argachuurratti dhiibbaa waan qabaatuufi.