'Maqaa bara garbummaa naaf mogga'e ofirraa jijjiiruuf durseen hiriira'

Siidaa yaadannoo garbummaa, Oosterpark
Ibsa waa'ee suuraa, Daach jaarraa sadii oliif lammiilee Afriikaa miiliyoona walakkaa ta'an garboonfachuun gara biyyasaa galcheera
Maxxanfame

Mootummaan Daach baasii maqaa jijjiirrachuuf kaffalamu erga haqee booda, horteen maatiiwwan Afriikaa bara garbummaa miidhaa jala turanii maqaa yeroo sana mogga'eef jijjiirrachuu eegalan.

Koreen dhimma kana hordofu, Utrecht council, maallaqa wayita maqaa jijjiirratan kaffalamu yuuroo 835 haqeera.

Kana gochuudhaan namoonni maqaa bara garbummaa moggaafameef akka ofirraa kaasan gargaaraa jira.

Akka seeraa Daach'tti maqaan namaa yoo waan arrabsoo fakkaatuu fi safuu cabsu ta'e jijjiirrachuun baayyee rakkisaa miti.

Garuu yoo maqichi duudhaa biyyattiin kan walqabatu ta'e kaffaltiirratti dabalataan waa'een maqichaa qoratamuu qaba.

Dhaabbata Seenaa Garbummaa Daach qoratu kan hooggantu Liindaa Nooitmeer, ''haala yeroo garbummaa ture deebisuuf maallaqa gaafachuun sirrii miti. Kanaafuu murteen koree Utrecht sirriidha,'' jetti.

Linda Nooitmeer

Garbummaa jarraa sadii

Bara 1596 fi 1829 gidduutti Daach lammiilee Afrikaa miiliyoona walakkaa ta'an karaa garba Atlaantikii gara biyyasheetti fe'uun hojii qonnaa hojjechiisaa turte.

Lammiileen kunneen akka dhala namaatti osoo hin taane akka meeshaa fi qabeenya dhuunfaatti ilaalamaa turan, maqaansaaniis ni geeddarama.

Liindaa Nooitmeer gochi akkanaa ''akka gocha namummaa dhala namaarraa mulquuti,'' jetti.

Guno Mac Intosch
Ibsa waa'ee suuraa, Guno Mac Intosch carraa argametti fayyadamuun maqaasaa gara Yaw jijjiirrachuuf murteesse
1px transparent line

"Waan hundatu geeddarame. Akka meeshaatti fe'amta. Akka looniitti. Maqaa qofa osoo hin taane afaan, eenyummaa, amantii fi seenaa keenya kan Afriikaan walqabatu hunda dhabne,'' jedha Guno Mac.

Nezarlaandis biyyoota bara 1963 keessa sirna garbummaa balleessan keessatti, Biriiteen booda waggaa 30 jechuudha.

Namoonni garbummaa jalaa bilisa ba'an maqaatu kennamaaf, abbaa garbaa akkuma fedhasaatti maqaa isatti tole moggaasa.

Daach waggoota 200 caalaniif garboota hedduu karaa garba Atlaantikii fe'aa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daach waggoota 200 caalaniif garboota hedduu karaa garba Atlaantikii fe'aa ture

Linda Nooitmeer maqaawwan namoota garbummaa jalaa walaboomaniif kennamaa turan ergamtummaa kan calaqqisiisaniidha jetti.

Seenaan garbaa fi garboomfataa osoo xumura hin argatin yaadatamaa akka jiraatu kan ibsuudha jette.

Namoonni hedduun maqaa jijjiirrachaa jiru

Namoonni seenaa garbummaa keessa darban hedduun horteesaanii ganamaa Afriikaatti deebi'uun eenyummaasaanii isa dhugaa fi maqaa isaanii isa sirrii qorachuutti jiru.

Erga koreen dhimma kana ilaalu, Utrecht, maqaa bilisaan jijjiirrachuun akka danda'amu ibsee booda bara darbe qofa namoonni 3,000 ta'an maqaa hortee maatiisaaniif moggaafame jijjiiruuf fedhii agarsiisaniiru.

"Maqaa horteen maatii keenyaa ittiin waamamaa turan isa sirriitti deebi'uu dhabuu dandeenya. Garuu yoo xiqqaate maqaa qabiyyee Afrikummaa of keessaa qabu, kan seenaa maatii keenyaa mul'isutti deebisuudha. Maqaa haala kanaan ijoollee keenya moggaasuun seenaa keenyatti akka deebinuuf hedduu gargaara,'' jette Aadde Nooitmeer.

Linda Nooitmeer
BBC
From the 600,000 enslaved who came from Africa and went to Curaçao, Suriname, and all the other islands, after slavery, there were 60,000 left.
Linda Nooitmeer
1px transparent line

Haata'u malee namoonni hedduun Daach keessa jiraatan ammallee maqaasaanii jijjiirrachuuf sodaa keessa jiru.

Sababiin isaa ammoo carraa barnootaa, hojii fi mana jireenyaa argachuurratti dhiibbaa waan qabaatuufi.