'Waaqa qofaatu aangoorra na kaasuu danda’a' - Pirezdaantii Biraaziil

Maxxanfame

Guyyaa Walabummaa Biraazil Kibxata kabajamerratti Pirezdaant Jaayir Bolsonaaroo haasa namoota hedduu rifachiise dubbate.

Magaalaa Sawoo Paawuloo keessatti deeggartoota isaa kumatamaan walitti qabaman duratti, Waaqa qofaatu aanqoorra na kaasa jechuun dubbate.

Dabalataanis, dhabbilee isaafi wayiloota siyaasa isaa ari’achaa jiru jedhu kan akka Kongiresiifi Mana Murtii Olaanaas qeeqeera.

Manni murtichaa dhiyeenya Bolsonaaroo irratti qorannoon adda addaa akka gaggeeffamuuf ajajee ture.

Haasaa akkanaa maaliif taasise?

Pirezdaant Bolsonaaroon yeroo hunda haasaa qeeqaafi arrabsoo mormitoota isaa irratti xiyyeeffatee taasisuun beekama.

Ta’us garuu qorannoon hedduu irratti gaggeeffamaa jiruufi aangoo irraa akka kaafamuuf waamichi taasifamaa jiru amala pirezdaantii kanaa daran hammeesseera.

Guyyaa walabummaa irratti hiriirri inni gaggeesse, erga mormituun isaa Luwiiz Inasiyoo, filannoo bekkamtummaatiin %9 isa dursee booda, ammayyu deeggartoota hedduu akka qabu agarsiisuuf kan godhedha jedhamee yaadama.

Filannoon pirezdaantumma Onkololeessa 2022 keessa kan taasifamu ta’us, beekkamtiin Bolsonaaroo isa yeroo kaan caala guddaa gadi bu’eera.

Qorannoon Dhaabbata Atlaasiin gaggeeffameen lammileen Biraazil %61 ta’an buclhiinsi isaa badaa ykn baayyee hamaa jechun ibsaniiru. Kun %23 yeroo jalqaba bara 2019tti filatame jiru waliin yemmuu madaalamu guddaa dabaleera.

Akkataa inni itti weerara koronaavayirasiif deebii kenne irratti hundaa’uun yaaliin aangoorraa isa kaasuuf taasifame Kongiresiin dhorkamee ture.

Torban darbe, “eegereekoof filannoo sadii qofatu jira: hidhamuu, ajjeefamuu ykn injifachuudha,” jechuun hoggantoota amantaa – kanneen isa deeggaranitti himeera.

Ammas haasaa guyyaa walabummaa irratti taasiseenis kanuma irra deebi'uun, “Waaqa qofaatu aangorraa na kaasa” jedheera.

Filannoo irratti shakkii uumuu

Haasaa isaa kanarattis dabalataan, ‘qoosaa’ filannoo 2022 irratti hin hirmaadhu jechuun, sirna filannoo Biraazil irratti shakkii kaaseera.

Filannoo hannaaf banaadha jechuun, sirni filannoo akka filannoo elektiroonikii gara sagaaleen waraqaan kennamuutti akka geeddaramuuf yaalii tasisee ture.

Qeeqxonni isaa akka jedhanitti, tarii filannoo bara dhufuu irratti yoo injifatameef jecha akkuma pirezdaantii duraanii US Doonald Tiraamp oduu hanni ni jiraata jedhu tatamsaasuu barbaada.

Waamicha pireezdaantichaa simachuun namootni gara 140,000 ta’an alaabaa Biraazil qabachuun magaala Saawoo Paawuloo Dirree Poolitaa irra hirriiranii turani.

Deeggartoonni isaa hedduu Manni Murtii Olaanaa fi Kongiresiin aangoo isaanii qisaasesaniiru, Bolsanaroo ari’ataniiru himata jedhuun dhaabbileen lamaan akka cufamaniif gaafataniiru.