Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantii Biraazil Bolsonaaroo: Na ajjeesu, na hidhu yookaan irra deebiin filama
Pireezidantiin Biraazil Jaayir Bolsonaaroo filannoo pireezidantummaa bara dhufurra egereen koo waa sadii jedhan: mana hidhaa, du'a yookaan moo'icha.
Qondaalli siyaasa gara mirgaa jedhamu leellisan kun (right-wing), nama siyaasaa biraa Luis Inacio Lula da Silva jedhamaniifi pireezidantii duraanii turaniin yaada namootaan durfamaa jiru. Namni kun ammoo siyaasa gara bitaa (left-wing) jedhamu kan leellisanidha.
''Fuuldura kootiif filannoo sadiin qaba: hidhaa bu'uu, ajjeefamuu yookis moo'icha,'' jechuun gaggeessitoota warra wangeelaatti himan.
Namni qondaala waraanaa duraanii turan kun, filmaatni mana hidhaa jedhu tasumaa waan tahu miti jedhan. Maaliif jennaan ''addunyaarra namni kamuu anan sodaachisuu hin danda'u,'' jedhan.
Aabba Bolsonaaroo 2018tti wayita duula na filadhaa gaggeessan waan qara qabuun waraanamanii, xiqqoof du'arraa oolan.
Dubbiin isaanii ammaa kunis kan dhagahame, wayita muddamni isaaniifi qaamolee manneen murtiifi filannoo gidduu cimee jirutti.
Pireezidantiin ganna 66 kun filannoo bara dhufu irratti dorgomuuf yaada kan qaban oggaa tahu, sirna filmaataa biyyattii kompiyutaraan raawwatu irratti gaaffii dhiyeessaa turan. Inumaayyuu bu'aa filannichaa hin fudhadhu haga jechuu gahaniiru.
Gaafa Roobii manni murtii filmaataa Biraazil, sirni filannoo isaan morman kun rakkoo homaatuu hinqabu jechuun murteesse.
Haatahu malee walgahii gaggeessitoota Kiristaanaa wajjin guyyaa Sambataa taasisaniin, Aabba Bolsonaaroon ejjennoo isaanii amma duraa irraa gargar hin gorre.
''Pireezidantii 'addaan ba'uu' hin feenefi sababa hin taane qabna. Garuu jireenya keessatti wanti hunduu daangaa qaba. Akkasiin jireenya itti fufuu hin barbaadu,'' jedhan.
Pireezidantichi gaggeessitoota warra wangeelaatiin, hiriira guutuu biyyaatti gaafa Fulbaana 7'f qabamerratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.
Gaafa Jimaataa ammoo, saba warra ganamaa (indigenous) biyyattii keessaa 150 kan tahan, masaraa pireezidantii fuuldurati walitti qabamuun mormii dhageessisaa turan. Kunis murtee manni murtii waa'ee lafasaanii ganamaa dabarsuu isaatin dura ture.
Pireezidant Bolsonaaroon hawaasni durii kunniin babal'ina hojii qonnaa danqaa jiru jechuun, seera mirga isaanii daangessu deeggaraniiru.