Sagalee keenyaan nama jaalallee nuuf tahu hawwachuu dandeenyaa?

Maxxanfame

Waa’ee eenyummaa nama tokkoo ‘akkasi’ jennee himuudhaaf, yeroo dubbatu dhagahuu caalaa waanti murteessaa tahe hin jiru. Kunis roga jireenya keenya ammayyaa hunda ilaallata.

Hiriyyaa, jaalallee akkasumas namoota siyaasaa illee otoo hin hafiin akkaataa dubbii isaanii irratti hundaa’uun filanna.

Kuni maaliif tahee yoo jettan? Akkaataan sagalee keenya itti baafnu isa yaadnuun ol waa’ee keenya waan dubbatuufi jedhu warreen dhimma kanarratti qorannoo geggeessan.

Yuniversiitii Montpellier, Firaansitti qorattuu xiin-qooqaa kan tahan Melissa Barkat Defradas namoota waan kana qoratan keessaa tokko.

‘’Nama itti dubbanutti afaan keenya fayyadamnee ergaa dabarsuu qofa osoo hin taane, waa’ee sadarkaa baayolojikaalaa, hawaasaa, diinagdee, hojii fi fayyaa keenyaa odeeffannoo ni qoodna, ’’jedhu

Odeeffannoon garaagaraa kuni hundi haala qulqullina sagalee keenyaan unurraa kaanitti bifa ergaadhaan darba.

Sagaleen namootaa garaagarummaa hin beeksisne baay'ee qaba. Kanaanis battalatti waa’ee nama nutti haasa’uu tilmaamuu eegalla.

Sagalee nama tokko dhageenyee akka amala gaarii ykn bareedaa qabaniif hin qabne tilmaamuu dandeenya?

Fakkeenyaaf yeroo filannoo taasifnu nama sagalee akkamii qabu irra filanna?

Yeroo baay'ee namoota sagalee furdaa fi jabaa qabantu sagalee namoota baay'ee argata.

Akkasumas namoonni sagalee akkasii qaban warra kaan caalaa carraa qacarrii hojii qabaatu, dorgomtootaafi amanamoodhas jedhama.

Gama biraan akkaataan dubbii keenyaa haala keessa jirru irratti hundaa’uun geeddaramuu danda’a.

Yeroo kabaja sagantaa tokko irratti michoota keenyaa waliin walitti qabamnu akkaataa dubbii keenyaan wal-akkeessina, hiriyyoota akkaataa dubbii kan keenya fakkaatu qaban waliin dabarsuus filanna.

Katarzyna Pisanski, Yunivarsiitii Liyoonitti akkaataa sagaleen itti uumamu qoratti.

Akka isheen jettutti, namoonni hariiroo waliigalaa qabnurratti waanti jalqabaa nama biraa irratti hubannu akkaataa itti dubbatu dha.

‘’Kunis daddafanii dubbachuu fa’i dabalata, fakkeenyaaf namni inni nuti itti dubbannu suuta jedhee haasa’a yoo taheef nutis sagalee keenya gadi-qabuu jalqabna. Kana malees nama saala keenyaan faallaa tahetti haasofna taanaanimmoo, akkeessuu faa dandeenya, akkaataan uumama keenyaa hanga tahe tokko nu daangessullee jechuu dha.’’

Ogeettiin kuni kanas kan raawwannu hariiroo hawaasaa jabeeffachuuf jechadha jetti.

Sagalee keenyaan jaalallee hawwachuu dandeenyaa?

Akkaataan dubbii nama tokko tokkoo kan isa kaaniirra jaalalaan nu hawwachuu danda’a jettanii yaadduu?

Sagaleen furdaa fi jabaa tahe namootni siyaasaa sagalee uummataa akka argatan godha jedhamee akkuma yaadamu, dhiiroti sagalee jabaa qabanis akkasuma hawwatoodha jedhamu.

Melissa’n akka jedhanitti hammi hormoonii testestiroonii (hormoonii saal-quunnamtii) dhiirootaa fi dheerina sagalee isaanii gidduu hariiroo fuggisootu jira.

Kana jechuun sagalee dhiira tokkoo furdaa(gadi-bu’aa) dha taanaan hammi teestestiroonii isaa olaanaadha jechuudha.

Akka baayolojiitti hormooniin teestestiroonii dhimma hormaataa dhiirotaa gama milkeessuun faayidaa guddaa qaba.

Kanaaf dhiirri tokko hammuma sagaleensaa furdatu jaalallee baay'ee argata jechuudha, ijoollee godhachuu irrattis akkasuma.

Haala kanaan sagalee isaa fayyadamuun nama jaalalleesaa tahuu dandadeessutti waa’ee eenyummaasaa, dabalatee waa’ee dhimma hormaataa fi saalaa irratti odeeffannoo ni kennaa jechuu dha.

Yeroo sagaleen dhiiraa furdaa tahu dhukkubaaf madiinummaa gaarii qaba, jabaa fi bulchaadha jechuu dha.

Saayintistoonni jijjiiramaa tirtaa(evolutionary scientists ) dubartoonni bara ammayyaa kana keessa jiran maaliif dhiira sagalee furdaa qabu jaalatu kan jedhu ibsuuf sababeessa hariiroo hormonii testestironii fi sagalee furdaa gidduu jiru fayyadamu.

Haa tahu malee ibsi sagalee dhiirotaaf fayyadamne kun dubartootaaf ni hojjetaa laata?

Qorannoon garaagaraa akka addunyaatti dhimma sagalee dubartootaafi jaalalaaf hawwachuu ilaalchisee hojjetame akka agarsiisutti, dubartoonni sagalee qal’aa qaban irra jireessaan jaalallee argachuu irratti milkaa’u.

Dubartoonni umrii shamarummaa irra jiran warra kaan caalaa sagalee qal’aa qabu. Kunimmoo hangam akka isaan wal-horuu dhaaf barbaachisan yaada kenna.

Katarzyna’n, ''yeroo durii dubartoonni dhiira tokko hawwachuudhaaf sagalee isaanii qal’isanii itti haasa’u, dhiyeenya kana garuu jijjiiramni mul’ateera,'' jedhan.

Qorannoon yeroo dhiyoo Firaansitti dalagame akka agarsiisu dubartoonni dhiira jaalatanitti sagalee isaani gad-buusanii(furdisanii)itti haasa’u.

Kanaanis ofitti amanamummaa fi bilchina himachuu yaaluu jedha. Dhiironnis warreen sagalee isaanii furdisanii haasa’an filataniiru.

Qorannoon Firaansitti dalagame kuni biyyoota birootti hojjechuu dhiisuu danda’a taha yookiinimmoo nu hunduu akkaataa filannoo keenyaa suuta suuta jijjiiraa jiraachuu malla.