Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Meeshaaleen waraanaa humnoonni Ameerikaa Taalibaanitti dhiisanii bahan hangami?
Suurri hidhattoonni Taalibaan Buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Hamid Karzaayi magaalaa Kaabul argamutti meeshaalee waraanaa loltoonni US Afgaanistaanitti dhiisanii bahan waliin agarsiisu mul'ataa jira.
Walumaagala loltoonni Ameerikaa Hagayya 31, 2021 dura bahuuf karoorfataniin xiyyaara garagaraa 73, konkolaattota waraanaa 100'tti siqan akkasumas meeshaalee kaan dhiisanii bahaniiru.
Haa ta'u malee, hoogganaan Ajajaa Giddugalaa US Janaraal Keneet Maakenzi meeshaalee kanneen hidhattoonni Taalibaan akka itti hin fayyadamne ta'aniiru jedhan.
''Gosoonni xiyyaaraa tasa deebi'anii balali'uu hin danda'an,'' jechuun himan.
Xiyyaaronni Kaabulitti gataman:
- Helikoptarota MD-530, haleellaa dhihoof itti dhimma bahan
- Xiyyaarota salphoo A-29 haleellaa raawwachuuf tajaajilan fa'i.
Waxabajjii keessa humni nageenyaa Afgaanistaan:
- Helikoptaroota MD-530 43 Ameerikaan kenname akkasumas
- Xiyyaarota salphoo A-29 jedhaman 23 fayyadamaa turan.
Gatiin xiyyaara salphoo A-29 jedhamtu qofaan ishii dolaaraa miiliyoona 10 ol ta'u gabaafameera.
Viidiyoon gaazexeessaa LA Times Naabih Bulosidhaan waraabame hidhattoonni Taalibaan helikooptara geejjibaa CH-46 Sea Knight jedhamu waliin mul'isa.
Helikoptarri Taalibaanonni waliin mul'atan kana dura Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatu hojjettoota isaa imbaasii Kaabul irraa baasuuf itti fayyadamaa ture.
Akka gabaafametti taanaan gosoonni helikoptaraa CH-46 Sea Knight jedhaman torba akka hin dalagne godhamanii gatamaniiru.
Xiyyaarri namoota gejjibsiisuuf gargaaruufi C-130 Hercules jedhamuus mul'ateera.
Akka Janaraal Maakenziin jedhanitti, konkolaattonni haxxee hidhamerraa of ittisuu danda'aniifi MRAP jedhaman torbaatamas akka hin hojjenne taasifamaniiru.
Gatiin konkolaataa MRAP tokko dolaara 500,000 - dolaara miiliyoona 1 ni ta'a.
Dabalataan wantoonni Kaabulitti gataman keessaa:
- konkolaattota waraanaa Humvee jedhaman 27
- meeshaalee farra rokeettiifi ofirraa ittisuuf tajaajilan jiru.
Humnoonni waraanaa Afgaanistaan meeshaalee waraanaa kanniin balleessuuf carraaqqiin taasisan xiqqaadha.
Suuronni saatalaayitii akka agarsiisanitti mootummaan Afgaanistaan jiguu dura xiyyaaronni muraasni gara Uzbeekistaan akka balaliifaman ta'eera.
Akka xinxaltoonni jedhanitti xiyyaaronni muraasni balaliistota leenji'an, suphaa gahaafi meeshaalee jijjiirraaf oolan malee Taalibaan itti dhimma bahuu rakkata.
Ta'us ammallee meeshaan lakkoofsaan ibsuuf rakkisu harka Taalibaan seeneera.
Xiyayaronni 167, helikoptaroota 33 UH-60 Black Hawk jedhamaniifi xumura baatii Waxabajjiitti harka humnoota nageenyaa Afgaanistaan turan amma harka Taalibaan seenaniiru jedhamee amanama.
Ammatti hidhattoonni Taalibaan ifatti meeshaalee waraanaa US qabanii mul'atu. Humnoonni Taalibaan qawwee M4 jedhaman waliin yoo socho'an Kaabul keessatti mul'ataniiru.
Akka Ameerikaan ibsitetti, Afgaanistaan deebisanii ijaaruuf Mudde 2017 hanga Ebla 2020'tti konkolaattota waraanaa Humvees jedhaman 2,500 humnoota Afgaaniif kenniteetti.
Gatiin gargar ta'u maluus gatiin konkolaataa tokkoo dolaara 250,000'tti tilmaamameera. Meeshaaleen waraanaa kaan Taalibaan gargaaruu danda'anis jiru.
Akka ekispartoonni jedhanitti kishaafee yookaan manaxxirii halkaniin hamma tokko ilaaluuf gargaaruufi goggles jedhaman 16,000 Ameerikaan loltoota Afgaaniif bara 2003 - 2021 kennite Taaliban harka seenuu malu.