Afgaanistaan: Meeshaaleen waraanaa humnoonni Ameerikaa Taalibaanitti dhiisanii bahan hangami?

Hidhattoota Taalibaan buufata xiyyaaraa Kaabulitti meeshaalee waraanaa US waliin mul'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Taalibaan buufata xiyyaaraa Kaabulitti meeshaalee waraanaa US waliin mul'atan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Suurri hidhattoonni Taalibaan Buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Hamid Karzaayi magaalaa Kaabul argamutti meeshaalee waraanaa loltoonni US Afgaanistaanitti dhiisanii bahan waliin agarsiisu mul'ataa jira.

Walumaagala loltoonni Ameerikaa Hagayya 31, 2021 dura bahuuf karoorfataniin xiyyaara garagaraa 73, konkolaattota waraanaa 100'tti siqan akkasumas meeshaalee kaan dhiisanii bahaniiru.

Haa ta'u malee, hoogganaan Ajajaa Giddugalaa US Janaraal Keneet Maakenzi meeshaalee kanneen hidhattoonni Taalibaan akka itti hin fayyadamne ta'aniiru jedhan.

''Gosoonni xiyyaaraa tasa deebi'anii balali'uu hin danda'an,'' jechuun himan.

Xiyyaaronni Kaabulitti gataman:

  • Helikoptarota MD-530, haleellaa dhihoof itti dhimma bahan
  • Xiyyaarota salphoo A-29 haleellaa raawwachuuf tajaajilan fa'i.

Waxabajjii keessa humni nageenyaa Afgaanistaan:

  • Helikoptaroota MD-530 43 Ameerikaan kenname akkasumas
  • Xiyyaarota salphoo A-29 jedhaman 23 fayyadamaa turan.

Gatiin xiyyaara salphoo A-29 jedhamtu qofaan ishii dolaaraa miiliyoona 10 ol ta'u gabaafameera.

Xiyyaara salphoo A-29 gatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara salphoo A-29 gatame

Viidiyoon gaazexeessaa LA Times Naabih Bulosidhaan waraabame hidhattoonni Taalibaan helikooptara geejjibaa CH-46 Sea Knight jedhamu waliin mul'isa.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Helikoptarri Taalibaanonni waliin mul'atan kana dura Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatu hojjettoota isaa imbaasii Kaabul irraa baasuuf itti fayyadamaa ture.

Akka gabaafametti taanaan gosoonni helikoptaraa CH-46 Sea Knight jedhaman torba akka hin dalagne godhamanii gatamaniiru.

Hidhataa Taalibaan helikoptara MD-530 waliin Kaabulitti suuraa ka'

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhataa Taalibaan helikoptara MD-530 waliin Kaabulitti suuraa ka'u

Xiyyaarri namoota gejjibsiisuuf gargaaruufi C-130 Hercules jedhamuus mul'ateera.

Xiyyaara C-130 Hercules Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Hamid Karzaayitti gatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara C-130 Hercules Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Hamid Karzaayitti gatame

Akka Janaraal Maakenziin jedhanitti, konkolaattonni haxxee hidhamerraa of ittisuu danda'aniifi MRAP jedhaman torbaatamas akka hin hojjenne taasifamaniiru.

Gatiin konkolaataa MRAP tokko dolaara 500,000 - dolaara miiliyoona 1 ni ta'a.

Dabalataan wantoonni Kaabulitti gataman keessaa:

  • konkolaattota waraanaa Humvee jedhaman 27
  • meeshaalee farra rokeettiifi ofirraa ittisuuf tajaajilan jiru.

Humnoonni waraanaa Afgaanistaan meeshaalee waraanaa kanniin balleessuuf carraaqqiin taasisan xiqqaadha.

Suuronni saatalaayitii akka agarsiisanitti mootummaan Afgaanistaan jiguu dura xiyyaaronni muraasni gara Uzbeekistaan akka balaliifaman ta'eera.

Akka xinxaltoonni jedhanitti xiyyaaronni muraasni balaliistota leenji'an, suphaa gahaafi meeshaalee jijjiirraaf oolan malee Taalibaan itti dhimma bahuu rakkata.

Ta'us ammallee meeshaan lakkoofsaan ibsuuf rakkisu harka Taalibaan seeneera.

Xiyayaronni 167, helikoptaroota 33 UH-60 Black Hawk jedhamaniifi xumura baatii Waxabajjiitti harka humnoota nageenyaa Afgaanistaan turan amma harka Taalibaan seenaniiru jedhamee amanama.

Meshaalee waraanaa kana dura humni waraanaa Afgaanistaan qabu
Ibsa waa'ee suuraa, Meshaalee waraanaa kana dura humni waraanaa Afgaanistaan qabu

Ammatti hidhattoonni Taalibaan ifatti meeshaalee waraanaa US qabanii mul'atu. Humnoonni Taalibaan qawwee M4 jedhaman waliin yoo socho'an Kaabul keessatti mul'ataniiru.

Hidhattoonni Taalibaan meeshaa waraanaa 'M4 Carbine' jedhamu qabatanii mul'ataniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Taalibaan meeshaa waraanaa 'M4 Carbine' jedhamu qabatanii mul'ataniiru

Akka Ameerikaan ibsitetti, Afgaanistaan deebisanii ijaaruuf Mudde 2017 hanga Ebla 2020'tti konkolaattota waraanaa Humvees jedhaman 2,500 humnoota Afgaaniif kenniteetti.

Gatiin gargar ta'u maluus gatiin konkolaataa tokkoo dolaara 250,000'tti tilmaamameera. Meeshaaleen waraanaa kaan Taalibaan gargaaruu danda'anis jiru.

Akka ekispartoonni jedhanitti kishaafee yookaan manaxxirii halkaniin hamma tokko ilaaluuf gargaaruufi goggles jedhaman 16,000 Ameerikaan loltoota Afgaaniif bara 2003 - 2021 kennite Taaliban harka seenuu malu.