Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Afgaanistaan dhiisanii bahuun murtoo sirriidha jechuun morman

Maxxanfame

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan murtoon loltoota Ameerikaa Afgaanistaanii baasuuf fudhatan sirriidhuma jedhan - hidhattoonni Taalibaan murtoo kan hordofeetu gara aangootti deebi'an.

''Yeroo dheeraaf achi turuun filannoo hin turre,'' jedhan Baayidan haasawa uummata biyyattiif taasisan irratti. Haasaan isaanii kunis Ameerikaan turtii ganna 20n booda biyyattii gadhiistee guyyaa tokkoon booda dhagahame.

Waraanni biyyattii xiyyaaraan namoota 120,000 ol Taalibaan jalaa baasuuf hojii hojjeteef guddaa jajaniiru.

Hidhattoonni warra Taalibaan, kun injifannoodha jechuun gammachuu ibsataa turaniiru.

Waraanni Ameerikaan durfamu 2001 keessa gara Afgaanistaan seenuun, mootummaa Taalibaan yeroo sanaa aangorraa gugse.

Kunis kan tahe haleellaa 9/11 jedhamuun kan beekamu kan raawwate gareen jihaadistii al-Qaayidaa, biyyattiitti maadheeffatee ture jechuuni.

Aabba Baayidan akkaataa saffisaan waraanni Ameerikaa biyyattii keessaa baheen walqabatee biyya keessaafi biyyoota michootaan guddoo komataman. Sababa kanaan humni nageenyaa Afgaanistaan kan humnoota Ameerikaan waggootaaf leenji'aafi deeggaramaa ture oggasuu burkutaa'e.

Hidhattoonni Taalibaan guutuu biyyattii guyyoota 11 keessatti deebisanii qabachuu kan danda'an oggaa tahu, dhumarrattis magaalaa guddoo Kaabul Hagayya 15 galaniiru.

Pireezidant Baayidan hojii biyyaa baasuu lammiilee US, biyyoota michuu biroofi lammiilee Afgaan isaaniif hojjechaa turan milkeessuuf, loltoota 6,000tti siqan bobbaasuun, buufata xiyyaaraa to'atan.

Namoonni kumaatamatti lakka'aman balalii biyyaa bahu yaabbachuuf jecha, gara buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Kaabulitti yaa'an.

Haasaa isaanii Kibxataan Aabba Baayidan hojii biyyaa baasuu lakkoofsa guddaan raawwatameef waraana kan galateeffatan wayita tahu, Ameerikaanota ammallee Afgaanistaan jiraniifi biyyaa bahuu barbaadan achii baasuuf yaalii gochuu akka itti fufan waadaa galaniiru. Kanneen achitti hafan 200 ni tahu jedhameera.

Pireezidantiin Ameerikaa kun ejjennoo isaanii biyyattii dhiisanii bahuu sirriidha jechuun mormaniiru.

''Waraana dhuma hinqabne kana ittifufsiisuu hin danda'u, akkasumas biyyaa bahuu dhuma hinqabnes dheereessuu hin barbaadne,'' jechuun ''waraanni Afgaanistaan keessaa amma xumurameera,'' jedhan.

Ameerikaan aggaammii itti dhufu ofirraa qolachuuf waraanaa achitti bobbaasuun ishee hiika hinqabus jedhan.