Namoonni hedduun soorama bahuusaanii maaliif dhokfatuu?

Maanguddoo umurii sooramaa ijoollee akkaayoo waliin bishikileetii irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota muraasaaf soorama bahunn yeroo itti ofu mul'isan gaarii miti
Maxxanfame

Osoo jecha ''soorama'' jedhu intarneetii irra barbaaddanii tarii fakkiiwwan namoota rifeensa harrii makatee kushinaa keessa shubbisan, kaan ammoo ijoollee akkayoosaanii hammatanii deeman fa'i argitu ta'a.

Dhugaan namoota hedduu garuu kanaan adda ta'u danda'a. Keessattu baatiiwwan jalqabaa muraasni itti soorama bahamu namoota hedduuf rakkoo miira amananii fudhachu qabaachuu mala jedhan Pirofesarri Mana Barnootaa Bizinasii Harvaard, Teressaa Amaabilen.

"Yeroo baayyee cimaa ta'u danda'a,'' jedhu qorattuun tun. Pirof. Amaabilee fi waahillan isaanii waggoota afur keessatti oggeessota 120 waliin ilaalcha isaan soorama bahu irratti qaban kubbaaniyyoota US bakka garaa garaa irraa gaaffiifi deebii taasisaniiru.

Jara kanneenis sadarkaa oogummaasaanii garaa garaa irratti ilaalcha isaan qaban gaafatan.

Argannoon jalqabaa baayyee ifaadha. Wayita soorama bahamutti miirri gammachu jalaqaba ture battalumatti geeddarama kan jedhu ture.

Harvard professor Teresa Amabile
Ibsa waa'ee suuraa, Prof Amaabileen dhimmi sooramaa kan dhimma maallaqaa caalaa itti yaaduu qabna jedhu

"Namoota baayyeedhaaf akka waan haaraatti mudataan,'' jetti.

''Namoonni baayyeen soorama karoorfachuun dhimma maallaqaa qofaa se'u. Garuu qophii xin-sammuufi walitti dhufeenyaalleen ni barbaada.

"Waa'ee oogummaan keenya edilee erga xumurameen booda soorama baanee eenyu ta'u akka barbadnu itti karoorsu qaban. Namoonni qorannoo keenya keessatti akkasiin karoorsan haala jireenya ce'umsaa gaarii qabu.''

Maanguddoo dubartii waliin bohaaraa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sorama bahuun namoota jaalannu waliin dabarsuuf yeroo gahaa akka argannu nu taasisa garuu ammoo miira hojii malee taa'uu namatti uuma

'Oduuwwan kaleessaa'

Qorannoo gaggeeffamee keessaa dhugaan tokko kan adda baafamee wayita gaaffiin namoonni sooraman bahan attamiin akka of ilaalan gaafataman ture.

''Yeroo baayyee 'ani ogeessa fayyaa soorama bahe,' ykn 'ogeessa barnootaa soorama bahe,'...jedhu. Ammalleen maqaa oogummaasaanii duraa sana eenyummaasaanii ammaa dubaa qabu,'' jetti Pirof. Amaabeleen.

''Kana nama dinqu ammoo muraasni isaanii cirumaa soorama bahuu ni haalu. Amma oogummaa sana keessa hojjataa kan jiran ta'u baatulleen oogummaa dura hojjataa turan himatu.

"Maaliif akka akkas jedhan gaafatamnaanis, akka nama homaa hinfayyadneetti ilaalamu waan hin barbaadneef irraa ka'uun akkas akka jedhan dubbatu. Namni tokkos, 'akka oduu kaleessaa osoo hintaanee akka oduu harraatti ilaalamun barbaada' jedhan,'' jetti.

Badhaafanaa noobeelii Edmund Phelps

'Hojii lafa waan haaraan itti baramu'

Edmundi Filpsi walgahii eegeeree maanguddummaa irratti haasaa taasisaa turan. Filpsi Saayinsii Ekonomiksiitiin bara 2006tti badhaasa Nobeelii argatan. Wayita sanattis maanguddoo waggaa 80taa turan.

Guyyoota isaanii muraasas Maadriid keessatti yunvarsitootaaf haasaa taasisuun, waraqaa qorannoo dhiyeessuu fi miidiyaalee waliin gaaffiifi deebii taasisuun dabarsan.

''Jireenya gaarii jiraachuuf hojiin murteessaadha,'' jedhu Filpsi.

"Namoota baayyeef hojiin madda jireenya hiika qabuu isa guddaadha. Haatiif abbaan ijoolleesaanii guddisuun qabamu ta'a, inni garuu hanga dhumaatti kan itti fufu mit.

"Namoota hundaafu hojiin wantoota haaraa baruuf gahee murteessaa qaba. Eddoon hojii ammoo lafa jijjiramootaan guutameefi bakka itti waan hojjachu dandeessuu itti hubattuufi adda baaftuudha. Inni lafa hundumti keenya muuxannoo haaraa itti argannuudha.''

Mario Vargas Llosa

Badhaafamaa Noobelii kan ta'an kan biraa Maariyoo Vaargaas yaada Filipsi kanaan waliin galu. Umuriin mana 80maa keessatti kan argaman yoo ta'u guyyaatti sa'aatii 10am - 2pm minjaalaasaanii irraa hindhabaman.

''Torbanitti guyyaa torbaaf, waggaatti baatii 12f nan hojjadha,'' jedhan BBCtti wayita dubbataniitti.

"Akka waan hojii ta'eetti natti hindhagahamu. Yeroo cimaa ta'e keessa darbulleen anaaf barreessuun gammachudha.

"Wantin ani godhus carraawwan jireenya sana keessatti badan osoo hintaane waan gaarii ta'e fudhachuun yaala. Yeroo boqonnaa qabaachun gaariidha.''

Hokkarawwan naasaa?

Umuriin sooramaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti akka dhimma cimaatti kaafamaa jira.

Hojii kee barreessuu ykn oggeessa dinagdee yoo ta'e, namoota hojii humnaa hojjatan caalaa waggoota dheeraa hojjachuu dandeessuu ta'a.

Haata'u malee dhaabbiilee qacaraniifi motummaan hanga umuriin sooramaa sun guututti namoota dafani akka duriitti hojjachu dadhabaniif kan durgoofi kanfaltii sooramaa hinkanfallee ta'e hokkoorrii siviilii umamuu danda'a jechuun akeekkachisuu Deevid Biluum yunvarsitii Harvaard irraa.

Picture of protester at Tahrir Square in 2011

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Deviid Biluum walqixuummaan maanguddootaaf hojiirra hinoolfame yoo ta'e rakkina hawaasummaa kan akka waraaqsa Arabaa mudachu mala jedhu

"Yeroo tokko tokkoos yoo umuriin itti soorama bahamu osoo ol kaafamee namoonni silaa waggaa tokko, lama, sadii ykn afur keessatti bahuuf turan battalumatti bahu hindanda'an jechuudha. Kanaafu kanfaltii sooramaa hinargata. Kun ammoo biyyoota Awurooppaa keessatti baayyee itti caala jedhu Pirof. Biluum.

Namoonni hojii humnaa hojjatan akka warra hojii sammuu hojjatanitti waggaa 60 fi 70 irratti haala walfakkaatuun hojjachu hindanda'an, jedhu.

''Jara kanneeniif imaammanni soramaa walfakkaataan kan hojiirra oolfamu yoo ta'e haala walqixa ta'een isaan hintataajilu.

''Walqixxuummaa dhabuu sanatu furamu qabaata. Akka ta'u baannaan ammoo warra hojii humnaa hojjataniif hpjii sammoo hojjatan garuu kan umurii walfakkaatu irratti argaman jidduutti loogii taasifna jechuudha,'' jedhan.

Biyyoota guddatan keessatti haalli kun baayyee rakkoo ta'aa jiraatulleen hanga ammaatti imaammanni bahuun furmaanni kennamuuf yaalame xuraata qofaa ta'u kaasu qorattoonni.