Ameerikaan pirezidaantiin haaraan Iraan Ibraahim Raasii marii nukilaaraatti akka deebi'uuf gaafatte

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan pirezidaantiin haaraa Iraan gara marii waliigaltee nukilaaraa seenaa qabeessa ta'e bra 2015tti akka deebi'uuf waamciha dhiyeessite.
Carraan dippilomaasii bara hunda banaa hin ta'u jechuun akeekkachisan dubbi himaan Isteet Dippaartimantii Ameerikaa.
Waldhabdeen Ameerikaafi Iraan gidduu bara 2018 wayita pirezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Donaald Tiraamp marii nukilaaraa keessaa bahuun qoqqobbii deebiisanii kaa'anii jalqabee ammaataa adeeme.
Ibraahim Raasii kan Kamisa kaleessaa haangoo ifatti fudhatanis, ''karoorawwan dippilomaasii'' qoqqoobbii Iraan irraa kaasuuf gargaaran hunda nan deeggara jedhan.
Isteet Dippaartimantiin Ameeriikaa akka jedheetti, pirezidaant Ibraahim Raasii waliigaltee murteessaa bara 2015 irra gahamee sana haaroomsuuf carraa kanaatti fayyadamuu qabu jedhe.
''Qoqqoobbaawwan seeraan alaa Ameerikaan ummata Iraan irra keesse hundi ka'u qabaata,'' jedhan.
Biyyoonni lixaa Iraan meeshaalee waraanaa nukilaaraa gabbisaa jirti jechuun himatanilleen Tehiraan garuu hin fudhattu.
Waliigaltee bara 2015tti Iraaniifi biyyoota jaha -UK, US, Faransaay, Chaayinaa, Raashiyaafi Jarman gidduutti taasifameen Iraan hojii nukilaara gabbiisuu waan dhaabdeef qoqqophaan dinagdee irraa ka'ee ture.
Haata'u malee, Iraan deebiite hojii nukilaara gabbisuu waan eegalteef Tiraamp mariicha keessaa bahan.
Mariin magaalaa guddoo Awustiraaliyaa Veenaatti Iraaniifi biyyoota hanga ammaatti maricha keessa jiraan kaan gidduutti gaggeeffamaa turulleen yeroof dhaabbateera.
Yaada Mr Raasiin sirna aangoo fudhannaa irratti taasisan hordofuunis, dubbi himaan Isteet Dippaartimantii US, Need Piraayis gaazexessitootaan, ''Iraan daftee akka gara mariitti deebiitee nutis hojii keenya xumurruuf gaafanna,'' jedhan.
''Ergaan nuti pirezidaant Raasiif qabnu ergaadhuma hogganaa duraaniif qabnudha... US dantaawwan nageenya biyya keenyaafi kan wal taatoota ishee eeguun ni cimsiti. Iraanis furmaatawwan dippilomaasi jajjabeessuuf carraa kanatti ni fayyadamti jennee eegna,'' jedhan.
Mr Raasii kan harbeessaan duree amantaa ta'an aangoo Haasan Rowuhaanii kan biyyoota warra lixaatiin akka nama hubataatii ilaalamu irraa itti darban.
Dureen waggaa 60 kunis hogganaa Olaanaa Iraan, Ayaatolaah Ali Khaameenee waliin akka wlaitti siqan himama.
Ameerikaan bara 2019tti ture sarbama mirgoota namoomaatiin walqabatee Mr Raasii irra uggura keessee kan turte.













