Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwiidin ajjeechaa jumlaa hidhamtoota Iraan bara 1988'f lammii Iraan tokko himatte
Siwiidin keessatti abbootiin alangaa ajjeechaa jumlaa hidhamtoota irratti bara 1988 keessa raawwatameef lammii Iraan irratti himannaa yakka waraanaa banan.
Shakkamaan kun nama umuriin isaa waggaa 60 yoo ta'u, Naamiid Nuur jedhamuun adda baafameera.
Bara 1988 keessa ture Iraaniifi Iraaq kan wal waraanan. Hogganaa Olaanaan Iraan hidhamtoonni garee mormituu hidhannoo qaban kan Iraaq deeggartu waliin hidhata qabu jedhaman akka ajjeeffamaniif ture kan ajajan.
Abbootiin alangaa kunneen akka jedhaniitti, shakkamaan kunis mana hidhaa dhiheenya magaalaa guddoo Iraan, Tehraan keessa hojjataa ture. Abbookaatoon isaa ammoo himannicha akka haalee ejjansiiwwan oduutti hime.
Gareewwan mirgaaf falman haqa ajjeechaa namoota gara 5,000 kanneen guutuu Iraan keessatti raawwatameef yeroo dheeraaf duula gaggeessaa turan.
Dhimmi kunis akka haaraatti xiyyeeffannaa kan argachuu danda'es, filannoo Iraan baatii tokkoon dura gaggeessiteen Ibraahim Raasiin pirezidaantii ta'uun filatamuu hordofeeti.
Hagayya keessa aangoo kan fudhatan Mr Raasiin, abbootii seeraa bara 1988 keessa namoota afur dhaddacha icciitii taa'uudhaan hidhamtoonni kumaatama ta'an sochii siyaasaa isaanitiif irra deebiin akka himatan taasisan keessa tokko.
Inni garuu irra deddebbin murtoo du'aa sana keessaa gahee akka hin qabne waakkataa ture. Ta'us garuu ammoo sababii seera amantaa (fatwa)tiin duree Olaanaa duraanii Ayaatolaah Khomeeni itti murtaa'uu dubbatan.
Shakkamaan Mr Nuur erga Stokhoolm qaqabaniin waggaa lamaan dura to'atamuu miidiyaaleen Siwiidin gabaasaniiru.
Innis ajjeechaa jumlaa sirreeffamtoota 'hedduu' kanneen gartuu mormituu Mujaahedin-e Khalq (MEK) kan Dhaabbata Mujaahedin Ummata Iraan jedhamuun beekamu ni deeggaru jedhamuun Adooleessaa fi Hagayya 1988tti ajeeffaman keessaa harka qabaachuun himatame.
Akkasumas, sirreeffamtoonni akka dararamaniifi miidhaan irra gahuu taasiisuunis ni shakkama.
Ibsa guyyaa Kibxataa baheen, Abbaan Alangaa Siwiidin himannichi kan yeroo shakkamaan mana hidhaa Gohaardaasht kan Kaaraaj keessatti argamutti gargaaraa abbaa alangaa ittaanaa tureetiin kan walqabatudha jedhe.
MEKn bara 1980 fi 1988tti wayita Iraaqiifi Iraan wal lolanitti waraana Iraaq cinaa hiriiruun lolaa ture. Sababii kanaatiin kanneen ajjeeffaman hundi akka yakka waraanaatti ramadamuun ture.
Waraanichi Hagayya 20, 1988 dhaabbatulleen ajjeechichi garuu ittuma fufee ture.
Mr Nuur amma yakka namoomaa irra ajjeechaa namoota kanneen irratti raawwatameen himatamaa jira.
Yakki namoomaa hanga bara 2014tti seera biyya Siwidiinin akka yakka cimaatti hin ilaalamu ture.
Dhaddachi dhimmichaa Hagayya 10 irraa eegaluun hanga Ebla bara dhufaatti akka itti fufu eegama.
Ragaa dhaddacha kanaa kan ta'an Iraaj Mesdaaghi, ergaa toora tiwitara isaaniirratti barreessaniin, himannichaan ''injifannoo olaanaa'' jedhaniiru.