Lola Tigraay: Abbaan Alangaa Janaraal Tsaadiqaan dabalatee qondaaltoota waraanaa TPLF 74 irratti himannaa bane

Maxxanfame

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaahee dabalatee qondaaltoota waaraanaa olaanoo TPLF 74 irratti mootummaa federaalaa humnaan diiguuf yaalu jechuun yakka shororkeessummaan himate.

Waraana Tigraayiiytti mudate hordofee qoondaaltonni waraanaa ajajni hidhaa irratti bahee ture kunneen amma abbaan alangaatiin himannaan irratti baname.

Qondaaltota waraanaa olaanoo himannaa kana keessatti hammataman keessaa Leetanaal Janaraal Taaddasaa Warradaa, Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaay, Meejar Janaraal Yohaannis W/Giyoorgiis, Birgaadar Janaraal Migibee Haayileefi kan biroo ni argamu.

Himatamtoonni galmee maqaa Janaraal Taaddasaatiin baname kana keessatti hamataman kuneenis, ''mootummaa federaalaa humnaan kuffiisuu yaaduun aanga'oota TPLF kan shororkeessuummaan farajame irraa ergama fudhachuun komaandii loltummaa Tigraay haleellaa raawwachuu danda'u hundeessaniiru,'' jedheera.

Kanaanis komaandii loltummaa hoogganuun buufata raayaa ittisa biyyaa Izzii kaabaa Tigraay keessatti eddoowwan garaa garaatti argaman, poolisiin federaalaafi dhaabbilee mootummaa federaalaa, akkasumas naannoolee Amaaraafi Affaar, akkasumas Ertiraa irratti haleellaa raawwataniiru jedhan.

Shakkamtoonni himannicha keessatti eeraman 74 kunneenis keewwatawwan seera labsii ALI bara 1996 adda addaafi labsii Shororkeessuummaa bara 2012tti bahe cabsuun waan argamaniif Abbaan Alangaa Waliigalaa himannaa shororkeessummaa irratti banuu himeera.

Abbaan Alangaas himannicha naaf mirkanneessuu kan jedheen ragaalaa namaa 500 ol, galmeewwan fuula kuma shanii ol fi odeeffannoo teeknikaa fi viidiyoo qabsiisuun mana murtiif dhiyeessuu ibseera.

Galmeen himannaa kanaas dhaddacha Yakka Farra-Shororkeessummaa sadaffaa Mana Murtii Olaanaa Fedraalaatti banamuun ilaalamaa jiraachuutu himame.

Shakamtoota himataman 74 keessaa 20 manneen sirreessaa adda addaa keessatti kan argaman yoo ta'u, kan hafan 54 ammoo bakka hin jirreetti himannichi irratti banamuu Abbaan Alangaa beeksiiseera.

Haaluma walfakkaatuun, Abbaan Alangaa torban darbe keessaa galmee dursaa TPLF Dr Dabrastiyoon Gabramikaa'el jalatti namoota 62 irratti himannaa banunsaa ni yaadatama.

Galmee himannaa kana keessatti aanga'oonni TPLF fi dhaabbileen isa jalatti argaman himatamaniiru.

Kannanis, Dabratsiyoon Gabramikaa'el, Fatilawarq Gabra Igzaabe, Geetaachoo Raddaa, Alamsaggad Gabrawaahid fi Geetaachoo Asaffaa dabalate namoota 62tu himatame.

Abbaan Alangaa akka jedhetti, miseensoonni koree hoji-raawwachiiftuu TPLF himannaan irratti baname, miseensoota koree jidduugala TPLF murte dabarsuuf hirmaannaa olaanaa qabaniifi miseensoota kaabinee mootummaa naannichaa keessatti argamu.

Dabalataan dhaabbileen EFFOR, aanga'oota dhaabbilee dhunfaafi kan mootummaa, miseensota aanga'oota komishinii filannoo Tigraay, dureewwan paartilee siyaasaa filannoo seeraan alaa Tigraay keessatti qooda fudhataniifi namoota beekamoo aanga'oota olaanoo TPLF duraanii keessatti argamu.

Himannaan irratti banamees, diddaafi karaa seeraan alaatiin filannoo gaggeessuun mootummaa naannichaa beekamtii qabuufi heeraan hundeeffame jijjiruun, akkasumas mootummaa federaalaa humnaan jijjiiruuf kan dandeessisu humna waaraanaa komaandii loltummaa Tigraay jedhamu ijaaruun raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa qaqabsiisuu kan jedhudha.

Haleellaa Sadaasa 4, 2020 humnootiin finciltootaa TPLF buufata raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa Kaaba biyyattiitti argamurratti raawwate hordofuun, Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaafi poolisiin federaalaa aanga'oota siyaasaafi waraanaa haleellicha keessaa harka qabu jedheen to'achuu kan dandeessisu ajaja hidhaa irratti baasuun ni yaadatama.

Manni Maree Fedreshiniis mootummaan Tigraay seeraan ala jechuun akka diigamuuf murtee kan dabarse yoo ta'u, baatiiwwan muraasaan dura ammoo TPLF kan duraan naannicha bulchaa tureen Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa shororkeessaa jechuun farrajeera.

Duula waraanaa baatiiwwan saddeetiif gaggeeffameen booda ammoo mootummaan Fedraalaan gam-tokkeen labsii dhukaasa dhaabuu gargaarsa namoomaaf jechuun labsuun naannicha keessaa bahuu beeksiisee ture.

Haata'u malee, kana hordofees humnootii TPLF naannicha to'achuun ''bulchiinsi naannichaa seera qabeessi eddootti deebi'eera'' jechunsaani ni yaadatama.