Keeniyaafi UKn al-Shabaab waliin loluuf waliigalteerra gahan

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaafi Yunaayitid Kingidam (UK) yaaddoo gareen al-Shaabaab Somaaliyaa irraan gahaa jiru hir'isuuf kan dandeessisu waliin ta'anii ittisuuf waliigaltee mallaatteessan.
Walgahii ministiroota ittisaa biyyoota kanneenii gidduutti Landaniitti gaggeeffameen booda, UKn farra-shororkeessummaafi deeggarsa loltummaa cimsuu akka barbaaddu beeksiftee jirti.
Kunis qarqarawwan galaanaa kanneen indastirii hawwata turizimii Keeniyaatiif murteessoo ta'an keessatti yaaliiwwan mankaraaressummaa ittisuu kan dabalatudha jedhameera.
Keeniyaan erga Onkolooleessa bara 2011 yeroo itti garee jahaadistii al- Shabaabiin waraanuuf biyya ollaa kan taate Somaaliyaatti loltootashee bobbaaftee kaasee xiyyeeffannaa al-Shabaab taatee jirti.
Waggaa wagaanis loltoonni Ingiliiz kanneen kumaatamaan lakkaa'aman Keeniyaa keessatti leenjii ni fudhatu.
Looltoonni UK kunneenis Keeniyaa keessatti leenjii kan taasisan naannoowwan gammoojjii walitti bu'insi jiraniitti bobba'uuf qophii taasisuuf jecha akka ta'e barameera.
Haaluma walfakkaatuun, raayyaan Ingiliizi kanneen jalqaba bara kanaarratti Keeniyaa keessatti bakka leenji'aa turan eegumsi taasifamuuf keessatti ibidda olaanaa mudate hordofuun dhimmichi mana murtiitiin ilaalamuuf ergameera.
Manni Murtii Keeniyaas dhimma badiinsa ibidda yeroo sana loltoota Ingiliiz leenjiirra turaniin eeddoo eegumsi taasifamuufitti ka'e irratti murtee akka kennu eegama.














