Al-shabaab: Miseensi al-Shabaab mana hidhaa Keeniyaa keessatti 'of ajjeese'

Madda suuraa, AFP
Haleellaa shororkeessummaa waggoota shaniin dura yunivarsitii baha Keeniyaatti argamu Gaariisaa irratti raawwatame keessatti gahee guddaa qaba jedhamee kan hidhame miseensi al-shabaab Raashiid Chaarlis, mana hidhaa keessatti 'of ajjeesse'.
Lammiin Taanzaaniyaa Raashid Chaarlis haleellaa du'a namoota 148tiif sababa ta'e qindeessuun himatamee mana hidhaa ture.
Midiyaalee Keeniyaa poolisiifi maddeen mana sirreessaa eeruun akka gabaasaniitti, haleellaa fi uggura yunivarsitii Gaariisaatti guyyoota afuriif gaggeefame keessa harkisaa jira jedhamuun nama himatameedha kan amma of ajjeesse.
Namoota yunivarsitii Gaariisaa irratti halleellaa raawwatan keessaa qindeessitoonni afur tibbuma sanatti battalaan ajjeefamusaanii himamee ture.
Nama amma ofii isaa ajjeesse kanaafi namoota waliin ta'aniiru jedhamuun himataman lama irratti hhimannaan kan baname bara darbe ture.
Haaluma kanaanis miseensoota al-shabaab ta'usaanii poolisiin himuunsaa ni yaadatama.
Nama amma of ajjeese Raashiid Chaarliis irratti adabbiin hidhaa umurii guutuu murtaa'ee ture.
Chaaliis osoo of hinajjeesiin duras dhukkubbiin sammuu mudachuun hakiima biratti dedebii'aa akka ture gaazeexoonni Keeniyaa barreessaniiru.
Gaazeexaan Deeyilii Naashiin gama isaatiin, Chaarilis kan of ajjeese jitaa uffata alakanii walitti fooyyuun jedheera.
Keeniyaan irra deddeebiin halleellaa al-shabaabiin miidhamuunshee ni yaadatama. Halleellaan Yunivarsitii Gaariisaa bara 2015 ammoo barattootaa hedduu kan galaafate ture.
Al-shabaab akka jedhuttis Keeniyaan loltoota ishee gara Somaaliyaatti erga ergiitee kaasee akka biyya diinaatti ilaaluu eegaluun gara fuula duraattis halleellaa isaa akka itti fufuf akeekkachiiseera.















