AKO Caine Prize: Meroon Hadaroo lammii Itoophiyaa jalqabaa badhaasa kana fudhatte taate

Madda suuraa, Meron Hadero
Lammiin Itoophiyaa Meroon Hadaroo barreessituu jalqabaa badhaasa kabajamaa 'AKO Caine Prize for African Writing' fudhatte taate.
''Guddaan gammade, rifaatuu keessan jira - dorgommiif kaadhimamuun mataan isaa kabaja guddaadha,'' jechuun BBC'tti dubbatte.
Barreeffamni itti mo'atte odeessa waa'ee ilma dhiiraa Geetuu jedhamuufi gargaarsa dhaabbilee miti-mootummaa fi deeggarsa alaa argachuuf dhamahaa ture seenessa.
Hojiin ishee abbootii murtii gammachiiseera jedhameera.
Badhaasa kana waan injifatteef Meroon $13,000 (birrii Itoophiyaa miliyoona walakkaa ol) ni fudhatti.
Meroon eenyu?
Meroon Hadaroon kan dhalattee Itoophiyaa keessa. Haa ta'u malee, guddinni ishee biyya US dha. Maatiin ishee lamaanuu doktaroota fayyaadha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Obboleettiin ishee Makliit Hadaroo milkaa'ina isheef deeggarsi ishee ''akkaan barbaachisaa'' ta'uu himti.
Akka isheen jettutti, yeroo hundaa seenessa ishee waa'ee ''baqattootaa, godaantotaa fi kaan buqqaatiif saaxilamaniin,'' jalqabdi.
Barreeffamni amma itti dorgomtee injifatte, The Street Sweep, jedhama.
Yoomessi kitaaba kanaa hoteela Sharaatan Addis Finfinnee jirudha. Hoteelli kunis bakka Geetuun itti affeerame ture.
''Yeroo achi dhaqe waan hunduu itti bitaacha'uu ija isaa keessa mul'ata,'' jechuun ibsiti.
''Isa kanan gad taa'ee galmeessuu fedhe. Akka hoteela seenu eeyyamamuun isaa? Balballi isaaf banaa ta'un maal akka himuufi bakka bu'u,'' jechuun ibsiti.
Meroon barreeffamoota gabaabaa barreessuu jaallatti. Kanneen keessa ergaa gurguddaa dabarsuun danda'a jechuun amanti.
Isa itti aanu yeroo jalqabaaf asoosama barreessuuf yaada akka qabdu BBC'tti himteetti.















