Kitaabni lammii Itoophiyaan barraa’eefi badhaasa guddaaf kaadhimame maal hima?

Madda suuraa, Booker
Kitaabni lammiin Itoophiyaa - Ameerikaa Ma’aazaa Mangisteen barraa’eefi mata duree ‘The Shadow King’ qabu badhaasa Buukar jedhamuuf kaadhimameera.
Yunaayitid Kingidamitti(UK’tti) bakka guddaa kan kennamuuf badhaasni Buukar (Booker Prize) asoosamoota Afaan Ingiliziin barraa’an erga dorgomanii booda badhaasa argatanidha.
Kitaabni Afaan Ingiliziin barraa’e kuni bara weerara Xaaliyaanii dubartoota Itoophiyaatti qabsoo cimaa gaggeessan gidduugala godhate.
Qabsoo bilisummaa biyyaaf taasifame keessatti gaheen dubartootaa kitaabilee seenaa keessa guddatee hin mul’atu.
Ma’aazaan seenaa hin himamne jette mul’isuuf tattaaffii taasisteen kitaabicha qopheessuuf waggaan 10 itti fudhatu himte.
Akka Ma’aazaan jettutti kitaabicha qopheessuun salphaa hin turre. Wantootni abdii ishee kutachiisan irra –deddeebiin ishee mudatuu himti.
Jalqaba Afaan Xaaliyaanii baruun dirqama ture. Lammataa wixinee kitaabichaa duraa qofa qopheessuuf waggaa shan akka duraa fudhate himti.
Gidduutti ijibbaatteyyuu barreeffamicha gattee akka turte turtii BBC Focus on Africa’f himteetti.
Waa’ee barreeffamichaa yoo dubbattuus waggaa 10 jalaa fudhatu himte.
‘’Barreefamni of ilaaluufi kaka’umsa gaafata. Takka takka teessumarra taa’anii barreessuun rakkoo ture. Kitaabakoo waliin waliin guddanne.
‘’Badhaasa kanaaf kaadhimamuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame,’’ jechuun dubbatte.
Qabiyyee kitaabichaa
Kitaabichi yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarteefi ka’umsa waraana Addunyaa Lammaffaa jedhamuurratti xiyyeeffata.
‘’Waa’ee Xaaliyaanotaa wantoota jedhaman kitaaba keessa galchuu hin barbaanne. Kanaaf, Afaan Xaaliyaanii baradhe. Xaaliyaanota dubbiseera. Ilmaafi ijoollee ijoollee isaanii dubbiseera.
‘’Yeroo waraanaa wantoota gabaasan, xalayaafi odeeffannoowwan dhuunfaa qoradheera.
‘’Yeroo dandeettiin afaaniikoo cimu, taatonnillee [gaheen isaanii] walxaxaa ta’e’’ jechuun ibsiti.
UK, Ayirlaand akkasumas lammiilee biyyoota kaaniin kitaabonni Afaan Ingiliziin barraa’an dorgommii badhaasa Buukar jedhamu kanarratti hirmaatu.
Ma’aazaa Mangisteen ala lammiin Zimbaabuwee Tsitsi Daangaarembaa kitaaba ‘This Mournable Body’ jedhuun kaadhimamteetti.
Kanneen injifatan jalqaba baatii Sadaasaa ibsamu.















