Bara kana keessa qofa lammiilee nagaan 1,600 ol Afgaanistaan keessatti ajjeefaman -UN

Hidhataa Afgaanistaan meeshaa waraanaa duuba taa'ee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akkuma qaamoleen nageenyaa biyyoota alaa ba'uu eegalaniin haalli nageenyaa biyyattii hammaachaa dhufe
Maxxanfame

Afgaanistaan keessatti lakkoofsi lammiilee ajjeefamanii fi miidhamanii kan bara darbee yeroo akkanaan yoo walbira qabamu garmalee dabaleera jedhe dhaabbanni Motummoota Gamtomanii (UN).

Gabaasa haaraan UN baase akka mul'isutti bara keessa qofa hanga ammaatti namoonni ajjeefaman 1,600 caalu.

Kun immoo kan bara darbe yeroo akkanaan yoo walbira qabamu dhibbeentaa 47n dabaluu agarsiisa jedha gabaasichi.

Lakkoofsi kun ammallee kana caalaa dabaluu danda'a sodaa jedhu qaba UN.

Mootummaan Afgaanistaan waggootaaf garee Taalibaan lolaa ture, gareen kun yeroo ammaa kutaalee biyyattii hedduu qabatee jiraachuu hima.

Biyyoonni addunyaa garaagaraa ergama nageenya eegsisuuf jecha waggoota 20n darbaniif loltootasaanii gara Afgaan ergaa turan ammoo tibba kana heddumminaan ba'aniiru.

Loltoonni idil-addunyaa biyyattii gadi dhiisanii ba'uun gareen Taalibaan walabummaan socho'ee kutaalee hedduu akka qabatu haala mijeesse.

UN bara 2009 irraa eegalee namoota miidhamaniifi ajjeefaman galmeessaa kan jiru oggaa ta'u, gabaasi bara kanaa ajjeechaan kun kan bara hundaayyuu caalaa akkaan akka dabale mul'iseera.

Akka gabaasa UN'tti hidhattoonni mootummaadhaan lolan ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwatame keessaa harka 64 qooddatu.

Dhibbeentaan 25 ammoo hidhattoota mootummaan kan ajjeefaman yoo ta'u, dhibbeentaan 11 dhukaasa mormitootaa fi mootummaatiin ajjeefaman.

Kanneen ajjeefaman keessaa dhibbeentaan 32 daa'immani.

Mariin nageenyaa mormitootaa fi mootummaa gidduu akkaan harkifateera kan jedhan UN'tti Ergamaan addaa Afgaanistaan Deborah Lyons, osoo waraanni kana caalaa hin hammaatin gareen lachuu akka waliin dubbatan akeekkachiisan.

"Gabaasi ba'e lammiileen Afgaanistaan hedduun akka haxaawamanii baduuf deeman kan mul'isuudha. Waraanni adeemaa jiru hin dhaabbatu taanaan bara kana lammiileen hedduun ni dhumu.''

Gareen Taalibaan wayita bara 2001 mootummaan US Afgaanistaan weerare aangoorraa hari'ame.

Bara kana Pirezidaantiin US Joo Baayidan loltoonni isaanii hanga Fulbaana dhufuutti Afrgaanistaan gadi dhiisanii ni ba'u jechuun ibsaniiru.

Ajajaan waranaa Jeneraal Kenneth McKenzie humni waraanaa biyyasaanii haleellaa qilleensarraan loltoota mootummaa Afgaanistaan akka deggeru dubbatan.

Taalibaan ni mo'ata jechuun waan hin yaadamneedha jedhan.

Hagayya 31 booda loltoonni isaanii Afgaanistaan keessa turumoo guutummaatti ba'u kan jedhurratti garuu homaa hin dubbanne.

Torbee darbe loltoonni US qilleensarraan fulaa warri Taalibaan jiran haleeluu eegalan.

Qondaaltonni Afgaanistaan erga gareen Taalibaan lafa qabiyyee isaa babal'ifachuu eegalee as sa'atii sochiin hawaasaa itti taasifamu daangessuun garee kana adamsaa jiraachuu himan.