Hidhattoonni Taalibaan daangaa babal’ifachaa jiraachuu hordofuun labsiin sa’aatii daangessuu labsame

Humnoonni Afgaan naannolee Taalibaaniin to'ataman deebisanii fudhachuuf yaalaa jiru

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Humnoonni Afgaan naannolee Taalibaaniin to'ataman deebisanii fudhachuuf yaalaa jiru
Maxxanfame

Mootummaan Afgaan loltoonni Taalibaan magaalota akka hin to’anne dhaabuuf yaalii taasifamuun, Sanbata Duraa irraa kaasee guutuu biyyaatti labsii sa’aatii darbaa labsee jira.

Magaalaa guddittii Kaabuul fi naannolee lamaan alatti, halkan sa’aatii 4:00 irraa kaasee hanga barii sa’aatii 10:00’tti sochoo’uun dhorkaa dha.

Wayita loltoonni idil addunyaa biyyattii keessaa ba’aa jiran kanattti, lolli waraana mootummaa Afgaan fi hidhattoota Taalibaan gidduutti taasifamu baatiiwwan lamaan darbanitti dabalaa dhufee jira.

Gareen hidhattootaa kun walakkaa daangaa biyyattii to’atee jira jedhama.

Loltoonni US achii ba'aa jiraachuu hordofuun ariitiidhaan sochii kan eegale yoo ta’e, naannolee baadiyyaa dabalatee iddoowwan hedduu to’atee jira.

Taalibaan garee Islaamaa ganna 20 dura weerara US’n angoorraa dhiibaman yoo ta’an, yeroo ammaa kana daandiiwwan gurguddoo dhiyeessii dhaabuuf dandeessisanis to’achuutu himame.

Loltoonni isaanii magaalota gurguddoo to’achuufis dhiyaatanii kan turan yoo ta’u, amma yoonaatti garuu hin milkoofneefi.

"Hokkara amma jiruufi sochii Taalibaan dhaabuuf, labsiin sa’aatii darbaa naannolee 31 keessatti labsameera’’ jedhani ministirri haajaa biyya keessaa, haata’u malee Kaabuul, Paanjjishiir fi Naangarhaar labsii sana keessa akka hin jirres dabaluun himaniiru.

Wayita Taalibaan sochiisaa cimsataa jirutti, magaalaa Kandaahaar biratti lolli cimaan geggeeffamaa ture.

Kamisa darbe US haleellaa samiirraa bakkeen hidhattoonni jiru jedhaman irratti kan geggeessite yoo ta’u, turtiin US achitti qabdu Hagayya 31 wayita xumuramu ji’oota itti aananitti maaltu ta’a kan jedhu yaaddoo ta’eera.

Gareen kun Osaamaa Biin Laadan dabalatee anga’oota al-Kaayiidaa haleellaa Fulbaana 11 US keessatti raawwateef gaafatamoodha jedhaman kan baase yoo ta’u, Onkololeessa 2001 weerara US’n angoo Afgaanistaan irraa buufame.

Pirezidantiin US Joo Baayidan, Afgaan kanaan booda dirree humnoonni alaa biyyoota Lixaa gooluuf sharrii xaxuuf itti buufatan akka hin taane waan mirkaneessineef, Ameerikaan loltoota ishee baafachuun waanuma gaariidha jedhanii turani.

Jalqaba baatii kanaarra loltoonni Ameerikaa buufata humna qilleensarraa Baagraam keessaa ba’anii turani. Buufanni kunis tibba tokko loltoota kumaatama kudhaniin lakkaa’ama nkan hammateef oppereeshiniin gurguddaan itti taasifamaa turedha.

Akka xiinxaltoonni basaasaa US jedhanitti Taalibaan baatii ja’a keessatti biyyattii guutummaatti to’achuu danda’a.