Olompikii Tookyoo: Tuniiziyaan Olompikii Tookyoo irratti meedaaliyaa warqii fi meetii Afriikaaf argamsiiste

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Tuuniiziyaa Mahammad Kaliil Jenduubii dorgommii teekwandoo dhiirotaa kiilogiraama 58'n meedaaliyaa meetii argachuun Olompikii Tookyoo bara 2020 irratti Afriikaaf meedaaliyaa jalqabaa argamsiiseera.
Jenduubiin garecha keessatti nama meedaaliyaa warqii argate lammii Italii Viitoo Delaakuwiilaan'tti aanuun meedaaliyaa meetiiargate.
Dorgommichi xumuramuuf hanga sekondiin 15 hafutti morkattoonni lameenuu qabxii walqixa 10-10 kan turan oggaa ta'u, xumura irratti garuu lammiin Italii qabxii dorgommicha mo'achuuf murteessaa ta'e fiduun irra aaneera.
Dargaggeessi umrii waggaa 19 Jenduubiin lammii Itoophiyaa Salamoon Tufaa qabxii 23'n caaluun ture kan mo'atee xumuraaf darbe.
Lammiin Tuuniiziyaa kun meedaaliyaawwan nahaasaa lama keessaa tokko kan fudhate lammii Kooriyaa Kibbaa Jaangi Juu mo'achuun inifannoo gonfatee ture.
Jenduubiin lammii Tuuniiziyaa fageenya dheeraan meedaaliyaa birrii lama argate Mahammad Gaamudiitti aanuun lammii biyyattii meedaaliyaa argate ta'eera.
Gaamudiin meedaaliyaa jalqabaa kan argate Olmpikii Tookyoo bara 1964 qophaa'ee ture irratti argate.

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii bishaan daakuu dhiirotaa meetira 400tiinis lammiin Tuuniziyaa Ahmed Hafnaoui injifachuun meedaaliyaa wrqii argateera.
Dargaggeessi umrii waggaa 18 Ahmed Hafnaoui jalqabarratti suuta jedhaa kan eegale ta'us dhumarratti garuu saffisa akkaan dabaluun daqiiqaa sadii fi sekondii 43.36'n lammii Awustiraaliyaa Jack McLoughlin injifateera.
Tuuniziyaan hanga ammaatti dorgommiiwwan irratti hirmaattee warqii wayita argattu kun isa shanaffaa oggaa ta'u, bishaan daakuudhaan ammoo kun isa sadaffaadha.
Ilma taphataa tapha kubbaa kachoo biyyaalessaa duraanii kan ta'e Hafnaoui, tapha olompikii dargaggootaa bara 2018'tiin meetira 400 irratti saddeettaffaan oggaa xumuru, meetira 800'n ammoo torbaffaan xumure.
Dargaggeessi dorgommii meetira 800 Kamisa dhufu gaggeeffamu irratti hirmaachuun meedaaliyaa warqii argachuuf onnatee jiraachuuf himeera.
Tuuniiziyaan hanga ammaa meedaaliyaawwan 14 dorgommiiwwan Olompikii irratti argatteetti.
Dorgommii Riyoo bara 2016 irratti meedaaliyaawwan nahaasaa sadi kan argatte Tuuniiziyaan Olompikii Tookyoo bara 2020 irrattis injifannoo hedduu argachuuf si'oominaan eegaa jirti.
Dorommichi gosoota ispoortii garargaraan har’a itti fufuun kan geggeeffamu ta’a.
Morkii hanga yoonaatti geggeeffameen, Chaayinaan meedaaliyaa warqii 4 walumaagalaan 8, Jaappaan meedaaliyaa warqii 3 waliigalatti meedaaliyaa 4, akkasumas USA’n meedaaliyaa warqii 2 fi waliigalaan 8 kuufachuun 1-3 ta’anii dursaa jiru.














