Wada'n Raashiyaa waggaa afuriif dorgommii ispoorti kamirraayyuu dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Ejeensiin farra dooppiingii addunyaa ,Wada'n, Raashiyaan waggaa afuriif Olompiika Tookyoo dabalatee dorgommiiwwan ispoorti kamirraayyuu dhorke.
Kan jechuun alaabaan fi faaruun biyyaalessaa biyyattii dorgommiiwwan idila adadunyaa akka Oloompiika Tookyoo bara 2020fi Waancaa Addunyaa Qataara bara 2022 irratti akka hin mirmirfamnes hin jedhamnes ta'a jechuudha.
Atleetotni biyyattii qorannoo dooppiingiin bilisa ta'uun mirkanaa'e kana keessa akka hin miidhamneef jecha alabaa walabaa tokko jalatti akka dorgoman ta'uu jedhameera.
Koree hojii raawwachiiftuu 'Wada' murtee kana sagalee guutuun kan murteesse marii Siwiizerlaanditti taa'een murteesse.
Murteen kun kan darbe ejeensiin farra dooppiingii Raashiyaa ragaa qorannoowwan laaboraatorii atleetotaa qorattootatti dabarsee kennuu Amajjii bara kanaatti diduun booda.
Wada'n akka jedhutti ejensiin farra Dooppiingii Raashiyaa murtee kanarratti oliyyannoo yoo gaafate mana murtii jaarsummaa Ispoortii Cas'tti dabarfama.
Pireezidantii itti aantuun Wada Liindaa Helelaand dhorkaan irra kaahame kun ''gahaa miti'' jedhan. Qoqqobbiin irra kaahamu kan laaffatu akka ta'u hin barbaadu jedhaniiru.
Walumaagalattii atleetotni Raashiyaa 168 'Winter Olympics' bara 2018 alaabaa walaba jalatti dorgoman.
Raashiyaan sababuma kanaan walqabateen bara 2015 irraa eegalee akka biyyattii dorgommiiwwan atleetiksiirratti akka hin hirmaanne dhorkamteetti.













