Xaaliyaaniitti konkolaachisaan daa’imman 25 baasii ibiddi itti qabate jalaa baraare

Maxxanfame

Xaaliyaaniitti konkolaachisaan baasii tokko baasii ibiddi itti qabaterraa ijoollee barattoota 25 baraaruu isaatiin galateeffatame.

Namtichi konkolaataan isaa ibiddaan qabamuu isaa dursee rakkoo mudatee hubachuun ijoollee baraare.

Konkolaataan baasii ijoollee guddataa jiran kanneen umriin isaanii ganna 14 fi 16 gidduu jiran gara kaampiitti geessaa kan ture wayita ta’u, karaa lafa keessa qaxxaamuruuf gargaaru fi km 80 Kaaba Miilarraa ibiddi itti qabate.

Ogeeyyiin ibidda dhaamsan saffisaan iddoo ibiddi itti qabate sana qaqqabuun ibiddicha dhaamsaniiru.

Viidiyoon dippartimentii balaa ibiddaa biyyattii baase karaa lafaa jala qaxxaamuruu kana aarrii haguuguufi sochiin tiraafikaa danqamuun hiriirri konkolaatoota dheeraan uumamu agarsiise.

Ijoolleen torba of eeggannoof jecha hospitaala geeffamuun isaanii himameera.

Pirezidantiin naaannoo Lombardii Attiliyoo Fontanaa konkolaachisa baasii dhaabee, otoo ibiddi hin mancaasiin ijoollee baraaruu isaaf galateeffataniiru.

Kana malees namoota tajaajila yeroo muddamaa kennanis galateeffataniiru.

Gartuun ogeeyyii ibidda dhaamsan shan araddaale Lecco fi Bellano jedhaman akeekkachiisni balaa ibiddaa erga isaan qaqqabe booda iddoo ibiddi itti qabate Kibxata qaqqabaniiru.

Ogeessi ibidda dhaamsu tokko Ejensii Oduu Xaaliyaan Adiinkironos jedhamutti akka himetti ibiddi sun gommaan gubachuu isaaniin ka’uu hin hafne jedheera.