Gareen haleellaa saaybarii dollaarri miiliyoona 70 Bitkooyiniin akka kanfalamuuf gaafatan

Maxxanfame

Gareen haleellaa odeeffannoo kompitaraa 'Colossal' jedhamuun beekamu duuba jiru tokko, qaamoolee miidhaan haleellaa kun irra gaheef deebisee faayilasaanii akka gadhiisuuf, Bitkooyiniin doolaarri miiliyoona 70 akka kanfalamuuf gaafate.

Gareen REvil jedhamu kun jalqaba haleellaa odeeffannoo kompitaraa kan raawwate Ameerikaa keessatti kan argamu dhaabbata teknolojii Kaseya jedhamu irratti ture.

Isaan booda garuu gareen kun sirnoota kompitaroota miliyoona tokko ol irratti haleellaa raawwachuu beeksiiseera.

Gareen kunis erga maallaqni gaafate kanfalameef booda namoonni ragaalee dhuunfaa jalaa cufame akka argatan akka hayyamu ibseera.

Gareen kunis qabatamaan namoota meeqarratti haleellaa saaybarii kana akka raawwate ifatti hinbeekamu. Haata'u malee ammoo suuqiiwwan Siwiidiin keessatti argaman 500 fi manneen Niiw Ziilaand 11 dhaabbilee haleellaa saaybarii kun irratti raawwatame keessatti argamu.

Dhaabbanni Nageenyaa Saaybarii Huntress jedhamu tokko ammoo dhaabbilee gara 200 ta'an irraatti haleellaan kun raawwatamuu tilmaameera.

Haleellaa saaybarii kanaaf kan jalqaba saaxilamaa ture dhaabbanni Kaseya maamiltoota isaa gara 40 ta'an irratti haleellaan kun raawwatamuu mirkaneesseera.

Haata'u malees dhaabbanni Kaseya kanneen inni sooftweerii dhiyeessuu fi tajaajila odeeffannoo dhaabbileen teeknolojii kennan kan biraa waan jiraniifuu, haleellaa kanaaf kan saaxilaman olaanaa ta'uu danda'a jechuun tilmaama.

Hogganaan Kaseyaa Fireed Vokaalaa madda oduu AFPtti akka himaniitti, namoonnifi dhaabbileen haleellaan saaybarii kun irratti raawwatame gara kuma tokkootti siquu danda'u. Kunis manneen kitaabaa fi manneen wallaansa fayyaa ilkaanii dabalateeti.

Dhaabbileen odeeffannoo teeknolojii kumaatamaan lakkaa'aman haleellaan kun bowwoo mataa olaanaa isaaniitti ta'ee ture. Ammas taanaan yaaddoon kun hin ittifamne.

Falmiitoonni nageenya saaybarii dhuunfaa fi uummataa garuu attamiin haleellaa kana ittisuun akka danda'amurratti odeeffannoo kennaa turan.

Sochiin kunis namoonni ykn dhaabbileen dabalataa miidhamtoota haleellaa kanaa akka hintaane ittisuu akka danda'ame himame.

Ogeessa eegumsa nageenya saaybarii kan ta'an Pirofesar Siiraan Maartii haala kana ''haleellaan saayibarii idil-addunyaa kun kan hineegamneefi walxaxaadha,'' jechuun ibsan.