Haleellaa saayibarii kaampaani foonii haakaroota 'Raashiyaa wajjin hidhata qabantu raawwate' jedhe FBI

Maxxanfame

Gareen yakka saayibarii Raashiyaa haleellaa kaampaanii dhiyeessaa foonii addunyaarra isa guddicha taherratti aggaamame duuba jira jechuun FBI himate.

Akka FBI jedhetti, garee REvil jedhaman kana haleellaa kaampaanii JBS irratti raawwateef seeratti dhiyeessuuf hojjechaa jira.

Hakaroonni guyyoota dhuma torbeerra sirna dhaabbatichaa kan cabsanii seenan oggaa tahu, oppireeshiniin JBS kan US, Kaanaadaafi Awustiraaliyaa jiru cufameera.

Gareen REvil maqaa Sodinokibi jedhamuunis kan waamamu oggaa tahu - addunyaa gubbaa garee yakka saayibarii haalaan beekamuufi maallaqa hedduus argatudha.

''Haleellaa JBStti raawwate gareen REvil fi Sodinokibi akka raawwatan bira geenyeerra. Jara yaaddoo ta'an kanas gara seeraatti fiduuf hojjechaa jirra,'' jedha ibsi FBI.

''Tattaaffiin nuti gama itti gaafatamaafi adabbii mirkaneessuuf taasisnu itti fufna. Qaamolee saayibarii kana keessaa qooda qaban seeratti dhiyeessuufis ni hojjenna.''

Waayit Haawus guyyaa Roobii waan jedhe, pireezidantiin US Joo Baayidan wayita gitasaanii Raashiyaa Vilaadmir Putiin torban lamaan booda arganitti dhimma haleellaa saayibarii ni kaasu.

''Biyyoonni itti gaafatamummaan itti dhagahamu, yakkamtoota [saayibariif] dahoo hin tahan,'' jedhan pirees sekretariin Jen Psaki.

JBS waan jedhe hojiisaa foon saamsuu Ameerikaa jiru gaafa Kamisaa akka eegalu hime. Dhaabbatichi Ameerikaa keessaa warshaalee foon loonii gurguddoo shan qaba.

Kaampaanichi gosti haleellaa kanaa kan 'ransomware' jedhamu akka tahe ifa godheera - haleellaan 'ransomware' dhaabbanni tokko sirna kompitaraa haakarootaan to'annoo jala ooluun, erga maallaqa kaffale booda kan gadhiifamudha.

JBS haleellaa Dilbataa kanaan maallaqa kaffaluufi dhiisuu wanti hime hinjiru.

2019tti gareen REvil kun haleellaa qindaa'aa digdamaa ol tahaniifi mootummaa Teksaas irratti xiyyeeffatan duuba jira jedhamuun maqaan ka'ee ture.

Ji'a dabre keessas, UStti erga ujummoon boba'aa daddabarsu Colonial Pipeline erga haleellaan ransomware irra qaqqabe booda, dhiyeessiin boba'aa guyyootaaf danqamee ture.

Wayita sana qorattoonni, haleellaan saayibarii sun garee biraa DarkSide jedhamuufi Raashiyaatti hidhata qabuun raawwate jedhanii turan.

Kaampaaniin Colonial Pipeline garee yakkaa kanaaf doolaara miiliyoona 4.4 kanfaluusaa amaneera.

Mootummaan Ameerikaa kaampaaniiwwan haleellaa 'ransomware' irra gahuuf, maallaqa gaafataman akka hin kanfalle gorsa - kunis haleellaa biraa dhufu baraaruuf akka tahe hima.

Erga haleellaan Colonial Pipeline irratti raawwatee guyyootaan booda, gareen yakka saayibarii biraa sirna fayyaa biyyoleessaa Ayerlaand 'ransomware'n faalanii turan.