Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaakob Zumaa: Deeggartoonni Zumaa to'atamuusaa dhorkuuf manasaa biratti walitti qabaman
Deeggartoonni pirezidaantii duraanii Afriikaa Kibbaa Jaakoob Zumaa 'gaachana' uumuun akka hin to'atamne dhorkuuf yaaluuf jecha manasaa alatti walitti qabaman.
Guyyaa Kibxata darbee ture manni murtii Heeraa himannaa yeroo pireezdaantii turetti malaammaltummaa irratti akka qoratamuuf waamicha dhiyaate diduu isaan yakkamaa ta’uu kan itti murtesse.
Achinis halkan Dilbataatti buufata poolisii dhiheenyasaatti argamuutti gabaasa taasisuun murtee hidhaa baatiiwwan 15 irratti murtaa'e akka eegalu ajajame.
Mr Zumaan garuu murtee darbeerratti ol iyyannoo dhiyeeffatan.
Manni Murtii Heeraa biyyattii iyyata isaa ilaaluuf waliigalulleen, Mr Zumaan yeroo dhumaa akka mana hidhaa itti seenaniif Dilbata kaa'ame raawwachuu baannaan to'atamuu akka danda'u, xiinxaltoonni ni dubbatu.
Deeggartoonni isaa dhibbaan lakkaa'amanis torban kana ala manasaa lixa magaalaa Nkaandlaatti argamuutti walitti qabaman.
Guyyaa Dilbataa ammoo 'gaachana namaa' (human shield) uumuun akka hinqabamne dhorkuuf dhaadachaa dabalataan dhaqaa jiru.
Seera Covidn deeggartoonni walitti qabamuun yakka
"Poolisiin yoo na to'achuuf kan yaalu ta'ee diddaa hinbarbaachifnetu hordofa'' jedhan Jaakoob Zumaa deeggartoota isaa dhibbaan lakkaa'amaniif.
Deeggartoonni isaas uffata aadaa Zuuluu, kaan ammoo tishartii ANC kan fuullisaa irra jiru uffachuun mansaa fulduratti walitti qabaman. Kaayyoon isaanis manni murtii Zumaan akka hidhamu waan murteesseef 'gaachana' uumuun akka hinto'atamne dhorkuufiidha.
Walitti qabamuun deeggartoota isaa kun garuu seera tatamsa'ina Covid-19 ittiisuuf biyyattiin baafte jalatti yakkadha.
Haata'u malee, namoota walitti qabaman kanneen bitiinsuuf poolisoonni bakkichatti mul'atan dhabamuun ammoo, hedduun pirezidaantii duraan kun seeraan ol jechaa jiru.
Mr Zumaan garuu irra deddeebiin hidhamuu kan hinsodaanne ta'uu deeggartoota isaanitti himaa turan. Garuu ammoo duubaan gareen abukaatotaa akka inni mana hidhaa hingalle gochuuf alkanii guyyaa hojjataa jiru.
Manni murtee Heeraa ol iyyannoo Mr Zumaa Adooleessa 12 akka ilaalu himeera. Gama biraatiin ammoo ol iyyannoon mormii ajaja hidhaa mana murtii bulchiinsa KwaaZuuu-Natal irratti Kibxata akka dhagahamu eegama.
Qondaalli siyaasaa duraaniifi maanguddoon waggaa 79 kunis erga waggoota sagaliif aangoorra turanii booda bara 2018tti himannaa malaamaltummaatiin buufaman.
Daldaltoonni adeemsa murtee irratti dhiibbaa taasisuuf qandaaltoota siyaasaa waliin akka hojjatan himatamu.
Aabba Zumaan garuu irra deddeebiin daba siyaasaatiif saaxilamaa ta'uu himan.
Pirezidaantiin biyyattii duraa kunis tokkicha qofa dhaddacha irratti dhugaa kan bahan yoo ta'u, isaan booda garuu dhiyaachuu didan.
Dhimma seeraa biraatiin ammoo, Mr Zumaan baatii darbe keessa, himannaa malaamaltummaa doolaara biiliyoona 5n kan bara 1990mota bittaa meeshaa waraanaatiin walqabaterratti yakkamaa akka hintaane deebii kennanii ture.