Ameerikaan waa'ee lammiishee Finfinneetti du'e jedhameerratti maal jette?

Madda suuraa, US State Department/FB
Ameerikaan lammiinshee tokko magaalaa Finfinnee keessatti du'uu mirkaneessuun , garuu sababa maatiif jecha odeeffannoo bal'aa kennuu hin dandeenye.
Dubbi himaan Isteet Dippaartimantii US Ned Price haala yeroo irratti wayita ibsa kennan lammiin Ameerikaa filannoo Itoophiyaa taajjabuuf ture magaalaa Finfinneetti du'uu mirkaneessaniiru.
"Lammiin Ameerikaa Finfinnee, hoteela keessatti du'uu wayita ibsinu gaddaa guddaadhaani. Garuu kabaja iccitii dhuunfaa maatiisaaf jecha yeroo kanatti kanarra odeeffannoo kennuu hin dandeenyu,'' jedhan.
Lammiin Ameerikaa dhaabbata Kaarter Senter jedhamurraa bakka bu'uun filannoo Wixata darbe taajjabuuf turan Joon Maarsh Finfinnee Hoteela Raadsan Biluu keessatti du'anii argamuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Dubbi himaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komaandar Faasikaa Fantaa BBCtti akka himanitti dhimma lammii Ameerikaa du'ee argame kanaa poolisiin magaalattii qorachaa jira.
Wixata ganama naannawaa saatii tokkootti Hoteela Raadsan Biluu keessatti lammiin Ameerikaa gur'aachi tokko kan Boordiin Filannoo waraqaa eenyummaa taajjabdummaa filannoo kenneeruuf hoteela keessatti du'ee argameera jedhe qondaalli poolisii kun .
Hojjettuun hoteelichaa akkuma barame kutaa qulqulleessuuf wayita seentu du'uu isaa argitee poolisiif gabaasa goote.
Poolisiin ogeessa tekinikaa bakka sanatti argamanii odeeffannoo erga walitti qabataniin booda reeffi isaa gara buufata fayyaatti geeffame jedhan.
Hanga ammaatti sababii du'a nama kanaa wanti ifatti beekamu hin jiru kan jedhan Komaadar Faasikaan, hanga bu'aan qorannoo ba'utti eeguun dirqama jedhan.
''Namichi kiisa isaa keessatti qorichoonni argamaniiru. Qaama isaarratti madaan ykn mallattoon sababa du'a isaa tilmaamuuf nama dandeessisu hin argamne. Kana irraa ka'uun sababa du'a isaa harka namaan osoo hin taane uumamumaan ykn sababa biraan ta'uu tilmaamni jira. Kun garuu tilmaamadha. Sababni du'a isaa inni sirriin kan beekamu wayita qorannoon reeffaa saayinsaawaa ta'e argamedha.''
Boordiin Filannoo Itoophiyaa namni kun akka keessummaatti dhuunfaan filannoo irratti taajjabaa ta'uun hirmaachuuf waraqaa kan fudhate malee taajjabaa idil-addunyaa beekamtiin kennameef akka hin taane beeksiseera.
Dhaabbanni Kaarter Senter jedhamu du'a hojjetaa isaatiin gadda itti dhaga'ame ibsateera.














