Hojiin aartii dubartootaaf 'bareedinaafi fokkisaan' sadarkaa lakkoofsaa itti kenne kaafame

Images of women in the Uglier and Uglier artwork by Song Ta

Madda suuraa, Song Ta

Maxxanfame

Gaaleriin aartii Chaayinaa magaalaa Shaanghaayitti argamu hojii aartii suuraa dubartootaa ''bareedduu hanga fokkuu'' jechuun sadarkaa itti baase beeksisuu isaatiif dhiifama gaafate.

Hojiin aartii viidiyoo matadureen ''Fookkisa'' (Uglier and Uglier) jedhuufi artistii dhiira tahe Song Ta jedhamuun dhiyaate kun, suuraaleefi viidiyoo jireenya dhugaa dubartoota 5,000 yunivarsiitii keessaa agarsiisa.

Artistichi hawwattummaa isaaf qaban irratti hundaa'uun sadarkaa itti kenne.

Miidiyaa hawaasummaa irratti mormiin mudannaan, gaaleriin OCAT Shanghai hojii kana kaasuu hime.

''Qeeqa erga keessummeessine booda, qabiyyee hojii aartichaafi ibsa artistichaa keessa deebi'uun ilaallee, dubartoota kan salphisu tahee arganneerra. Karaan itti kaafames dhimma mirga abbeentaa kan qabudha,'' jedhe godambaan kun karaa miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weibo jedhamuun.

''Akka godambaa heddummina deeggaru tokkotti, taatee kana akka akeekkachiisaatti fudhanna. Tajaajila keenya fooyyeessuu fi nama kamiifuu nahuun keessummeessuuf itti fayyadamna.''

Song hojii falmisiisaa kana kan qixeesse ALA bara 2013tti yoo tahu, ergasiis waggoota dheeraaf waltajjii garagaraarratti dhiyaateera.

Song piroojektii kana wayita beeksisu, dubartoota kanniin kaampaasii yunivarsiitii keessa wayita isa bira dabran kaasuu hime jechuun South China Post gabaaseera.

Achiis haala inni itti bareedu jedhurratti hundaa'ee lakkoofsa itti kenne - haalaan kan bareeddurraa kaasee haga fokkistutti sadarkaa itti baasuun, viidiyoo sa'aatii torbaa midhaasse.

''Yoo giiftii kaampaasichaa ilaalluu barbaadde gara godambaa kanaatti dursitee ganamaan dhaquu qabda. Kanaan achi, yoo aduun dhiitu iddoon kun waan akka Jaannamaa jirtu fakkaata,'' jedhe.

Song barruu Vice wajjin afgaaffii 2019tti taasiseen, isaafi qarqaartonni isaa suuraalee matadureewwan kanneen akka ''fokkistuu dhiifamni godhamuuf'' fi ''fokkisa dhiifama hinqabne'' jedhaniin qixeessaa turan.

Falmii hojiisaaf wayita deebisu: ''Dhugaa jiru himuuf mirga waanin qabu natti fakkaata.''

Namoonni hedduun Weibo gubbaa jiran aaranii, akkamiin gaaleriin kun hojii aartii ''dubartii hacuucu'' kana akkamiin dhiyeessa jechuun komatan.

Yaadni tokko: 'Barrisaa 2021, ammallee akkamiin ifatti dubartii hacuucca, qaanii tokko malee?'' jedha.

Kan biraan ammoo ''Hojiin aartii kun arrabsoo qofa osoo hin taane, mirga nama dhuunfaa suuraa wajjin walqabatee jiru kan sarbudha. Dubartoonni kunniin akka waraabamaa jiranillee quba hinqaban,'' jedha.