Ruut Giinsibarg dubartii jalqabaa reeffiishee gamoo Kongiresii US kaa'ame taate

Composite image of Sharron Cohen, Michele Three-foot and Jennifer Carroll Foy
Maxxanfame

Torban tokko dura kan boqotte Haati Seeraa Mana Murtii olaanaa US Ruut Bader Giinsibarg, seenaa US keessatti dubartii jalqabaa reeffi ishee gamoo kongiresii US, Waashingtan DC keessa kaa’ame taate.

Mana murtii olaanaa keessa waggaa 27 kan tajaajilte dubartiin beekamtuun kun dhibee kaansarii rajijiin lubbuun ishee darbeera.

Reeffi ishee gamoo Mana Murtii Olaanaa fulduraa ka’ama'unis namoonni hedduun walitti qabamanii kabajaafi gadda isaanii ibsataniiru.

Umurii ganna 87tti kan boqotte Ginsibarg dhimmaa walqixxummaa kornayaa fi mirga namoomaa irratti cimsitee dubbachuun nama beekamtudha.

Dabalataanis, mana murtii olaanaatti guyyaa daawwannaa lama qabaachuun nama jalqabaadha.

Lakkoofsi namoota kabajaafi gaddaa isaanii ibsuuf dhufanii waan guddateef qindeessitoonni daawwannaaf guyyaan tokko akka hin geenye murteessaniiru.

Saanduqni reeffa ishee dawwannaaf bakkee Mana Murtii Olaanaa dura kan kaa’ame sababa Covid-19 yoo ta’u, namoonni hedduun hiriira galaanii eegaa turan.

Sagantaan reeffa ishee Gamoo kongiresii keessa boqochiisuu kunis, sababa koronaavayirasiin affeerraa qofaan gaggeefama. Kanarattis qondaaltonni olaanoo filataman ni hirmaatu. Kadhimamaan filannoo pirezidaantummaa US Joo Baayidaniifi haatii warraa isaanis argamaniiru.

Yeroo reeffi ishee Jimaata har'aa achi ga’etti, dubbi himtuun Kongirasii Naansii Pelosii haadha alangaa kana akka dubartii US jalqabaa reeffii ishee gamoo sana keessa booqatutti simachuun isheen ‘kabaja guddaa’ akka ta’e dubbatteetti.

Reeffiishee achi kaa'amuun dubartii jalqabaa ta’uun dabalata, Giinsibarg lammii Jiiw-Ameerikaa jalqaba reeffi gamoo Kongireesii US keessa kaa’amedha.

Torban dhufu Bakka Awwaalchaa Biyyaalessa Arlingitan keessatti sirni awwaalchaa ishee ni gaggeefama

Namni jalqabaa reeffii isaa gamoo kongireesii US keessa dawwaannaaf kaa’ame Senaatar Kantakii Henrii Kileey bara 1852 keessa osoo aangoorra jiranu boqatan ture.

Erga sanaatii asi ammoo dhiirota bebeekamoo 33 kabaji kun kennameef keessaa abbootii siyaasaa ykn miseensota waraanaa kan argaman yoo ta’an, Pireezdaant Abrahaam Linkan isaan keessa tokkodha.

Sagantaa daawwanna reeffa Ruut Bader Giinsibarg

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa daawwanna reeffa Ruut Bader Giinsibarg