Kiim Jong-un US waliin 'mari'achuu fi dura dhaabbachuuf' qophiidha jedhan

Madda suuraa, EPA
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Jong-un biyyisaa Ameerikaa waliin 'mari'achuu fi dura dhaabbachuuf' qophaa'utu barbaachisa jedhan. ''Keessattuu dura dhaabbachuuf qophii guutuuti nu barbaachisa'' jedhan.
Kooriyaan Kaabaa kana dura yaaliiwwan bulchiinsi pireezidantii Joo Baayidan walitti dhufeenya dippilomaasii ummachuuf taasiseef gurra hin kenniiniif hafte jirti.
Haasaa ammaa kanaan hogganaa Kiim Jong-un yeroo jalqabaatiif kan bulchiinsa Baayidan irraatti kallatiin yaada kennan.
Walgahiin koree jidduugala Paartii Hojjattotaa kan biyya bulchu kan magaalaa guddittii biyyattiitti torban kana eegale irratti Kiim yeroo jalqabaatiif biyyattii rakkinni nyaataa mudachu dubbatanii ture.
Kiim ''keessattu kabaja biyya keenyaa eeggachuu fi feedhiiwwan misoomaa walabaa keenya mirkaneeffachuuf gutummaan qophaa'u qabna'' jedhan.
Akkasumas naannawa naga qabeessaa fi nageenya Kooriyaa Kaabaa mirkanneessuuf haa qophoofnu jechuusaa midiyaa motummaa KCNAn gabaase.
Walitti dhufeenya tuffiin guutame
Walitti dhufeenyi Kiim hanga ammaa bulchiinsa Baayidan waliin qabu mudammaa fi tuffiidhaan kan guutame.
Filannoo USn dura, Baayidan Kiim 'fincilaa' jechuun waamanii kan ture yoo ta'u, muudama Baayidaniin guyyaa dura ammoo Koriyaan Kaabaa agarsiisa loltummaa misaa'eeloota haaraa taasifte turte.
Ebla keessa ammoo Baayidan Koriyaa Kaabaatiin ''rakkoo cimaa'' nageenya addunyaa jechuu isaanii hordofee, Koriyaan Kaabaa biyyattii irratti fedhii ''imaammata jibbaa gaggeessaa jira'' jechuun ibsa baafte turte.
Ameerikaan ammoo xiinxala imaammata ishee Koriyaa Kaabaa waliin qabdu dhiyeenya kan xumurte yoo ta'u, Odola Koriyaa gutummaatti niwukileerarraa bilisa taasisuu akka itti fuftu dubbattee turte.
Dubbi himtuun ministeera haajaa alaa US Jeen Saaki Ameerikaan Koriyaa Kaabaa waliin ''adeemsa beekumsaa ifaa fi dippilomaasii jajjabeessuu'' hordofti jettee turte. Itti dabaluunis US ''sochii qabatamaa'' taasisuurratti xiyyeeffattis jette.
Kiim kanaan dura Doonaald Tiraamp waliin yeroo sadii wal arganii kan ture yoo ta'u, garuu mariin dhimma niwukileera dhaabuu battaluma dhaabbate.













