Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Rasaasni cidhaafi boo'icharratti dhukaafamu baatii lama keessatti namoota 12 galaafateera
Zalaalam Abbabaa guyyaa Sanbataa tokko magaalaa obboleessi isaa kan oggummaan barsiisaa ta'e jiraatu dhaquun xabachaa oolee achuma bule. Bakki kun Naannoo Amaaraa Magaalaa Finoota Salaam jedhama. Achitti wanti hin eegamne isa mudate.
Gaafa Dilbataa miseensoonni maatii ollaa akka obboleessi isaa kun cidhaaf gara Marihaawii isaan waliin deemuuf gaafachuu yaadata Zalaalam.
Yeroo sanatti dhukkubsataa waan tureef waliin deemuuf baay'ee gammaduu baatulleen irra deddeebiin waan gaafatameef tole jechuun waliin deemuu obboleessaa isaa ibsa.
Guyyaa Dilbataa sana misirricha waliin gara mana maatii misirriittii kan Marihaawiitti argamuutti imalan. Achittis naannoo sa'aatii 9 yoo ta'u oduun hin eegamne tokko dhagahame jedha.
Zalaalam obboleessi isaa akka tasaa rasaasa cidharratti dhukaafameen dhahamee du'uun sa'aatii muraasaan booda reeffisaa dhufaa akka jiru itti himame.
Obboleessi du'e kun maatiidhaaf ilma hangafaa ta'uu kan himu Zalaalam, abbaan isaanii wayita inni mucaa waggaa jahaa ture du'uu isaatiin walqabatee itti-gaafatamummaa fudhachuun hundaa isaanii kan bakkaan gahe isa ta'uu gadda cimaan ibsa.
Magaalaa Finoota Salaamiitti barsiisaa fi abbaa mucaa tokkoo ta'uu obboleessa isaa kan dubbatu Zalaalam, baratee maatii gargaaruu wayita eegalutti balaa tasaa kanaan lubbunsaa darbuun maatii rakkina biraa keessa galchuu hima.
Cidha sanarratti dhukaasni baay'een waan dhukaafamaa tureef, rasaasa eenyuun akka rukutamee ajjeefamelleen hanga yoonaatti akka hin baramne dubbata.
Lakkoofsi namoota sababii dhukaasawwan cidha bareechuuf ykn ammoo tibba gaddaatti Naannoo Amaaraatti dhukaafamaniin du'anii dabalaa jiraachuu qoondaaltoonni naannichaa ni himu.
Godinaalee naannichaa rakkoon kun bal'inaan keessatti mudatu keessaa godinni Gojjaam bahaa isa tokkodha.
Aanaalee godinichaa hunda keessatti balaan akkasii akka mudatu, oggeessii miidiyaa fi kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii godina Goojjam bahaa Saajin Olaanaa Simeenah Balaachoo BBC'f mirkanneessaniiru.
Saajin Olaanaa Simeenah yeroo garaa garaatti haala itti fayyadama meeshaa waraanaa fi dhukaasa sirnoota adda addaarratti seeraan ala taasifaman ilaalchisuun caasaa nageenyaa naannichaatti fayyadamuun yaaliin hubannoo cimsuu taasifamuu himu.
Haata'u malee, jijjiramni guddaan waan hin mul'anneef lakkoofsi namoota sirna bo'iichaa fi cidhaarratti rasaasaan rukutamuun du'an haala yaaddessaa ta'een dabalaa jiraachuu dubbatu qondaalli poolisii kun.
Baatii Eblaatii hanga dhuma Caamsaa qofaatti godinicha keessatti namoonni 18 dhukaasa cidhaa fi bo'icharratti dhukaafameen miidhaan irra gaheera jedhu.
Isaan keessaa namoonni 12 lubbun isaanii yoo darbu, kanneen hafan jaha ammoo miidhaa qaamaa sadarkaa adda addaatiif saaxilamaniiru.
Caasaan nageenyaa naannichaa haala kana hambiisuuf yaalii taasisulleen, hawaasni tibba cidhaa fi boo'ichaatti dhukkaasaan dabaaluu akka aadaatti waan fudhateef dhaabsisuun rakkisaa ta'uu himu.
Namoota baatiiwwan lamaan darban keessatti haala kanaan lubbuun isaanii darbe 12 keessaa tokko miseensa milishaa ta'uu kan dubbatan Saajin Simeenah, innis dhukaasa cidha tokkoorratti eegalame dhaabisiisuuf wayita yaalaa turetti rukutamee ajjeefamuu dubbatan.
Keessattuu dhukaasni sirna cidharraa kan miira machiitiin raawwataman waan ta'aniif sababii meeshaa to'achuu dhabuu, hanqina of eeggannoofi dhibaa'ummaan lubbuun namootaa akka darbu dubbatu qondaalli kun.
Cidharratti irra caalaan balaa akkasiitiif kan saaxilaman ammoo firoota dhihoo misirrootaa fi hamaamoota yoo ta'an, darbee darbees balaan kun misirrootas kan mudatu ta'uu himu.
Balaan gocha seeraan alaan qaqqabu kunis lubbuu namootaa galaafachuun alatti, burjaaja'insa hawaasummaa olaanaa hordofsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees, naannichatti aadaan ''dhiiga deebisuu' jedhamu waan jiruuf, maatiin firri jalaa ajjeeffamee haaloo baasuuf maatii nama ajjeessee waan adamsaniif, jeequmsa hawaasummaa walxaxaa uumaa jira jedhan.
Kanaafu gochaa kana dhaabsiisuuf hojjatamu akka qabaatu Saajin Olaanaa Simeenaah hubachiisaniiru.