Kantiibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee hawaasa Musliimaa dhiifama gaafatan

Madda suuraa, @OfficialAdanechAbiebie
Kantiibaa Ittaantuun magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee taatee guyyaa Dilbataa Addabaabaayii Masqalaatti uumameef ''maqaa ofiifi bulchiinsa magaalichaan dhiifaman gaafadha,'' jedhan.
Guyyaa Dilbataa magaalaa Finfinneetti Muslimoonni Addabaabaayii Masqalaatti sagantaa Ifxaaraa taasisuuf walitti qabamuuf turan, hayyamni hin laatamne jedhamuun gara bakkichaa akka hin deemne dhorkamaniiru.
Kana malees, suuraaleen miidiyaa hawaasaarratti guddoo qoodaman akka mul'isanitti, poolisiin namoota walitti qabaman bittimsuuf gaazii imimmaanessu fayyadameera.
Kantiibaa Itti aantuun Adaanach Abeebee sirni Ifxaaraa kaleessa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamuuf ture osoo hin gaggeeffamiin hafuu eeranii, koreen sirnicha qindeessu waliigaluu dhabuusaatiin tahuu eeran .
''Haala nageenyaafi tasgabbii yeroo yaada keessa galchuun, bal'inaafi dheerinni bakka sanaa kan daanga'e akka tahu yaada dhiyeessineen, koreen qindeessu waliigaluu dhabuusaatiin tahuusaa ifa gochuu barbaanna,'' jedhan.
Kantiibaa Ittaantuun magaalattii taateen kaleessa galgalaatin qaamoleen nageenyaa kan socho'an nageenyi hunda keenyaa akka eegamuuf jecha malee, ''tasumaa Ifxaara dhorkuuf miti,'' jechuun fuula Facebook isaanii gubbaa barreessan [Afaan Amaaraatti si geessa].
Hawaasni Muuslimaa lakkoofsa guddaa qabus iddoo garagaraatti mormiisaanii dhageessisaa turan.
Dhaadannoolee "Biyya keenyatti lammii lammaffaa tahuu hin qabnu", "Addabaabaayichi kan keenyasi" akkasumas "Kan soomanarra jiruuf aarri boochisu sirrii miti'' jedhaniifi kaan mormii dhagahaman keessaati.
Guyyoota xumuraa torbee dabrerraa eegalee dhimmi Addabaabaayii Masqalaatti faxara gochuun miidiyaa hawaasaa gubbaa dubbii ijoo ture.
Addee Adaanach taateen kun ''qaamoleen itti gaafatamummaan itti hin dhagahamne tokko tokko, dhimmicha kallattii hin taanetti geessuuf, miidiyaa hawaasaa gubbaatti afarsaa turan,'' jechuun haala kana keessatti hawaasni Muslimaa komiisaa haalli itti dhiyeesse ''kan naamusa eeggateefi naga-qabeessa ture,'' jedhan.
Waa'ee taatee kanaa haga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, @ahmedinjebel99
Dhaabni Halaal Piroomoshin jedhamu "Ifxaara guddicha daandiiraa Itoophiyaatti'' jedhuun sagantaa namoonni 5,000 ol irratti hirmaatan Addabaabaayii Masqalaatti qopheessuuf gaaffii dhiyeessuu ibse.
Kana hordofees Waldaan Kiristaanaa Orotodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef, sirni Ifxaaraa kun Addabaabaayii Masqalaatti otoo hin taane, Istaadiyemii Finfinneetti otoo taasifame jechuun ALI Ebla 28, 2013tti xalayaa barreessite.
Bulchiinsa Magaalichaatti Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaas deebii Komishinii Poolisii Finfinneef barreesseen, Addabaabaayin Masqalaa eebiifamuun dura, tajaajila biraaf akka hinoolle waan ibsameef, kanneen qindeessan bakka gaafatan biraatti akka gaggeessan haa heeyyamamuuf jedhe.
Dhaabbanni sagantaa kana qopheesse akka jedhutti, qaamni mootummaa sagantichi bakka biraatti akka gaggeeffamu gaafateera. Tahus garuu dhaabbatichi bakka jijjiiruun sirrii miti jechuun, sagantaa Ifxaaraa haquuf dirqameera jechuun deebii kenneen ibseera.
Gama biraatiin Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ibsa Dilbata galgala keessa baaseen, sagantaan Ifxaara daandiirraa haala milkaa'en akka xumuramu carraaqeera jedheera.
Bulchiinsi magaalichaa, haala biyyattiin keessa jirtu yaada keessa galchuun, hojiileen ijaarsaa addabaabaayichaa xumuramuu dhabuu akkasumas bal'inaafi dheerinni bakkichaa lakkoofsa hirmaattotaa wajjin danqaa akka hin uumne jechuun, bakka murtaa'etti akka gaggeeffamu akka furmaataatti dhiyeessee ture jedha.
Warri qopheessan garuu saganticha haquu filataniiru jedheera bulchiinsi magaalichaa.
Dabaluunis, haala kana kaayyoo ofiisaaniif itti fayyadamuuf, miidiyaa hawaasummaa gubbaa haal hin malleen afarsaa kanneen turan jiraachuu hubanneerra jedheera.
Itoophiyaatti ji'a Ramadaanaa baranaa keessa magaalota garagaraa keessatti, sagantaan Ifxaaraa daandiirraa gaggeeffameera. Finfinnee, Dasee, Baahir Daar, Kamiseefi kaanittis sagantaaleen akkasii gaggeeffamaniiru.

















