Jarman yeroo bara kolonii Naamiibiyaatti duguuggaa sanyii raaawwachuu ifatti amante

Members of a Namibian delegation mourn during a ceremony where human skulls are displayed in 2018 file photo

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Jarman yeroo bara kolonii Naamiibiyaa weerartee turtetti duguggaa sanyii raawwachuu amanuun deeggarsa maallaqaa akka taasistu beeksifte.

Jaarraa 20ffaa keessa koloneessitoonni Jarman saboota Hereeroo fi Naamaa kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesaniiru.

Ministirri Haajaa Alaa Jarman Heeyikoo Maas Jimaata: ''Itti gaafatamummaa seenaa fi naamusaa Jarman bu’uura godhachuun Naamiibiyaafi dhaloota maatiin isaanii ajjeechaa sanaaf saaxilaman dhiifama gaafanna,’’ jedhan.

Maas dabaluunis, beekamtii kennuufi haala suukanneessaa sanaaf mallattoo akka tahuufis, deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 1.34 ni kennina jedhan.

Akka waliigalteen kuni himutti maallaqni kuni yeroo waggaa 30 keessatti kan kennamu yoo tahu, bu’uuraalee misoomaa, fayyaa fi sagantaalee hawaasa fayyadan biroof kan oolu dha.

''Gochaa sana yeroo ammaarra teenyee yoo ilaallu duguuggaa sanyiiti,’’ jedhan Maas. Seenaa kanas otoo itti hin dabaliiniifi irraa hin hanqisiin mari’achuu qabna jedhan.

Dubbi-himaan mootummaa Naamiibiyaa akka AFPtti himanitti ‘’beekamtiin Jarmaniin kennite tarkaanfii jalqabaa karaa sirrii irra nu qajeelchu dha,’’ jedhan.

Hoggantoonni hawaasaa tokko tokko garuu mootummaan biyya gurgure jechuun maallaqa kennames mormaniiru.

Herero rebellion, captives in chains seen in 1904/5 archive image

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni fincila Hereeroo booda qabaman dararaa hamaaf saaxilaman, kaan ijjeefaman

Yeroo duguggaa sanyii maaltu tahe

Beekamtiin Jimaata har’aa kun marii waggaa shanii booda kan dhufe dha. Naamiibiyaan bara 1884-1915tti Jarmaniidhaan weeraramtee turte.

Yeroos Jarman Naamiibiyaadhaan Kibba-Lixa Afrikaa jechuun waamti ture. Ajjeechaan yeroos raawwatame qorattoonni seenaa ‘’duguggaa sanyii jaarraa 20ffaa irraanfatame'' jechuun waamu.

Mootummoonni Gamtoomanii duguggaa sanyii, gochaa ajjeechaa kaayyoodhaan saba, sanyii ykn garee amantii tokko hordofan balleessuuf taasifamudha jechuun ibsa.

Duguuggaan sanyii kuni bara 1904 yeroo koloneessitoonni Jarmanii Naamiibiyaa turan hidhattoonni Hereeroo fi Naamaa lafaafi loon isaanii haleeluu jalqaban.

Yeroos hogganaa waraanaa kan ture Lootaar Voon Tirootaa deebii kanaaf uummanni suni akka duguugamu ajaje.

Saboonni Hereeroo fi Naamaa duguuggaa sanarraa hafan gara gammoojjii akka geeffamaniifi kaampii keessatti hojii humnaa akka hojjetan taasifaman.

Baayyeen isaanii dhukkubaan yoo du’an, dadhabbii jabaa fi beelaan kan lubbuu dhaban jiru turan. Haleellaan saalaa kanirra gaheefi yaalii saayinsiif kan saaxilamanis akkasuma turan.

Sabni ganamaa harka 80 tahus duguuggaa sanaan du’eera jedhameeti yaadama. Lakkoofsi namoota du’anis kumaatamaan kan lakkaa’amu ture.

Kana dura Jarman duguuggaa sanyii raawwatte amantus beenyaa kennuu garuu diddee turte.

Bara 2018tti haftee reeffa namaa akka qaama qorannoo - uummanni adii Awurooppaa olaantummaa akka qaban agarsiisuuf itti fayyadamaa turan, gara Naamiibiyaa deebisteetti. Qorannnoon kun garuu kan adda citefi kuffifamedha.

Waliigalteen ammaa kuni marii Caamsaa kana keessa giddugaltummaa ergamaa addaan taasifameeti dhugoomuu danda’e.

Waliigaltichis ministira hajaa alaa Jarmaniitiin Naamiibiyaatti baatii dhufu mallatteeffama jedhamee eegama. Sana booda paarlaamaa biyyoota lameeniin ragga’a.

Pireezidantiin Jarmanii Firaank Waaltar Isteenmeer immoo ifatti 'nu hofkolchaa’ jechuun dhiifama gaafachuuf Naamiibiyaa deemu jedhameera.