Gojjam Magaala Marahaawwiitti walitti bu'iinsa duula filannoorratti ka'een miidhaan gahe

Madda suuraa, Merawi Communications
Naannoo Amaaraa godina Gojjam Lixaa magaalaa Marahaawwiitti Kamisa Caamsaa 20, 2021 hiriira gaggeefameen lubbuu namaafi qabeenyarra miidhaan qaqqabe.
BBC'n odeeffannoo argateen guyyaa walitti bu'iinsi kun dhalate dhaabni Bilitsiginnaa damee naannichaa filannoo marroo jahaaffaaf magaalittii keessatti duula nu filadhaa gaggeessaa turan.
Taatee Kamisa darbee kanaan lubbuun namaa darbuu fi miidhaan qaamaas qaqqabuu dhaabni Sosochii Biyyaalessaa Amaaraa(ABIN) ibsa baaseen beeksiseera.
''Barattoota mormii isaanii karaa nagaa dhageessisan irratti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii fudhataniin lubbuun namaa darbee miidhaan qaamaa qaqqabeera'' jedha ibsi dhaabichaa.
Haleellaa barattoota irratti raawwatame kana cimseen balaaleffadha jedheera dhaabichi.
Dabalataanis haleellaan kun akka raawwatu aanga'oota ajaja kennan irratti qorannoon atattamaa gaggeefamuufi tarkaanfiin fudhatamee uummataaf ifa akka ta'us gaafateera.
''Mootummaan Bilitsiginnaa deeggarsa siyaasaa uummatni kennuuf qofa osoo hin taane, mormiis akka ta'utti dhageeffachuuf qophaa'uu qaba'' jedheera.
Mootummaan maal jedhe?
Kominikeeshiniin bulchiinsa magaalaa Mar'aawii waaajira bulchiinsaafi nageenya aanaa Kaaba Meeccaa waabeffachuun akka gabaasetti Poolisiin namoota nagaarratti dhukaasee ajjeeseera jechuun oduun miidiyaaleerra naanna'u gonkumaa dhugaa miti jedheera.
Hoogganaan Bulchiinsaafi Nageenyaa aanaa Kaaba Meeccaa Obbo Tamasgeen Tasfaa 5''duulli filannoo miseensotaafi deeggartoota paartii Biltsiginnaa karaa nagaa akka hin xumuramne kan fedhan jeequmsa uumuuf yaalaniiru'' jedhan.
''Hiriiricha gufachiisuudhaaf daa'imman homaa hin beekne kan hegeeree biyyaa harkaa qabanitti fayyadamaniiru'' jedha waajirri Kominikeeshinii magaalicha.
Hoogganaan nageenyaa aanaa obbo Tamasgeen qaama jeequmsa uumuuf daa'imman homaa hin beekne itti fayyadamaniiru jedhan maqaa hin dhoofne.
Haata'u malee kaayyoon isaanii namoota yakka garaagaraan shakkamnii manneen hidhaa jiran gadhiisisuudha jedhan.
''Poolisiin hiriirri kun karaa nagaa akka xumuramu aarsaa guddoo kaffaleera jedhan. Reebamaniiru, hanqinni qaamaas isaan mudateera jedhan.
Poolisiin reebamuufi hoogganaa poolisii aanaarraa shugguxiin fudhatamuullee himan.
Qonnaan bultoota hiriira kana deeggaruuf bahan reebamuufi miidhaan qaqqabuunis ibsameera.
Poolisiin namoota rakkoo nagaeenyaa kana uuman to'achuuf hojjechaa jira, qorannoon erga dhumee bu'aan isaa uummataaf ifa ta'as jedhaniiru.
Jiraattotni naannichaa BBC'n dubbisa walitti bu'iinsa dhalateen walqabatee sagaleen dhukaasaa dhagahamaa akka tureefi tasgabbii dhabuun akka ture himanii, miidhaa qaqqabe ilaalchisee yaada addaa addaa kennaniiru.
Miidhaa namootarra gahe ilaalchisee hoogganoota nageenyaafi dhaabbilee fayyaarraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin godhame ammaaf hin milkoofne.













