Filannoo biyyaalessaa danquuf shirri dhoksaan godhamaa ture fashalaa'e jedhame

Madda suuraa, InSA
Shira garee dhoksaan gurmaa'ee filannoo dhufaa gufachiisuuf socho'an jedhu fashalsiisuu humni hojii waloo nageenyaafi tasgabbii beeksise.
Humni waloo kun ibsa Roobii galgala baaseen akka jedhetti, miseensonni diyaasporaa finxaaleyyii ta'an tokko tokkoo qaamolee dhoksaan biyya keessatti ergama hokkaraafi walitti bu'insa akka uumaniif gurmeessaniif deeggarsa maallaqaa, yaadaafi loojistikii kennuun filannoo biyyaalessaa 6ffaa gufachiisuuf socho'aa akka turan beeksiseera.
Garee hokkaraafi walitti bu'insaa dhoksaan gurmaa'an kanarratti hordoffii obsa fixachiisaa taasifameen: gurmaa'inniifi gaggeessitoonni isaanii meeshaalee waraanaa, meeshaalee gara garaafi odeeffannoo sochii deeggarsa maallaqa ergama badisaa kanaaf qophaa'an, akkasumas odeeffannoowwaniifi ragaaleen gara garaa ergama isaanii ilaallatan walitti qabamanii tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsi kun mul'iseera.
Gareen dhoksaan biyya keessaafi alaatti gurmaa'an kunnnen karoora filannoo biyyaalessaa kana gufachiisuuf baafatan hojiirra oolchuudhaaf ammoo miseensotaafi aanga'oota siyaasaafi caasaa nageenyaa mootummaa tokko tokko waliin hariiroo icciitii uumuun aanga'oota ijoo ta'an irratti xiyyeeffachuun adda baasanii ajjeesuun shira biyya goolama keessa galchu qopheessanii dhoksaan sochii taasisaa turuusaanii humni waloo kun ibsa kanaan eereera.
Hariiroo diriirsan kanaan hokkaraafi goolamsa uumuun filannoon biyyaalessaa ittaanu akka gufatuufi adeemsaan ammoo mootummaan ce'umsaa akka hundeeffamuuf karoora baafatanii socho'aa turuus eeree jira.
"Sila Addis Abaabaa zim annilim"
Akka ibsichaatti, "Sila Addis Abaabaa zim annilim" [waa'ee Finfinnee cal hinjennu] jechuun gurmaa'insi namoota biyya alaafi biyya keessaatiin uumame qindeessitoota garee dhoksaa Finfinnee keessatti argamaniif ergama gara garaa kennaa tureera.
Magaalattii bakka gara garaa keessatti dargaggoota dhiibbaa uumuu danda'an filachuun tokkoo tokkoosaanii jalatti ammoo dargaggoota 300 ta'an miseensummaan akka gurmeessan karoorsuun qophii goolii uumuu gochaa turaniiru.
Qindeessitoonni kunneenis karaa miidiyaa hawaasaa guyyaa guyyaan biyya alaarraa ergama badisaa fuudhuun miseensota gara gadii jiraniif dabarsu kan jedhe ibsichi, "Miidhaa dhalattoota Amaaraa irra gahu qolachuuf ummanni Amaaraa hidhatee bahuu qaba" jechuun ergaawwan walitti bu'insa kakaasan daddabarsaa turuu isaanii ibsi kun mul'iseera.
Karaa garee dhoksaan gurmaa'anii kanaa waraqaawwan ergaa "Filannoon ajjeechaa dhalattoota Amaaraarratti xiyyeeffateefi dhiiga daa'immaniirratti taasifamu haa dhaabbatu," jedhuufi hokkara kakaasan qaban facaasuun ummanni mootummaarratti akka ka'uuf taasisuuf qophaa'aa osoo jiranis harkaafi harkatti qabamuusaanii eereera.
Gareen "Waa'ee Finfinnee cal hin jennu'' jechuun socho'u kun ergaa badisaa isaa kana milkeeffachuuf akka isa gargaaruuf odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasaa akka fayyadamu hordoffii taasifameen bira gahameera jedha humni waloo kun.
Garee miidiyaa hawaasaa lamaan gurmaa'e hojii kakaasuu hojjechaa ture kanaan garee inni tokko miseensota 1,285 kan qabu yoo ta'u, gareen lameessoo ammoo miseensota 308 kan qabuufi qindeessitoota garichaa finxaaleyyii diyaaspoaraa biyya Jarmaniifi Ameerikaa jiraniin kan hogganamudha jedheera.
Hokkaraafi goolama uumuudhaan filannoo biyyaalessaa dhufu gufachiisuun karaa qaxxaamuraafi humnaatiin gara aangootti dhufuudhaaf hawwuun dhoksaan hariiroo uumuun humna socho'u kanneen gaggeessan keessaa Ajajaan Shantamaa Yihunee Jambaree kan rakkoo naamusaatiin miseensummaa raayyaa keessaa gaggeeffame tokkodha jedheera.
Namni kun miseensota raayyaa beeku tokko tokko qaama shira kanaa taasisuudhaaf filachuun odeeffannoo walitti qabuu, akkasumas ergaa kennuun odeeffannoo sochii aanga'oota mootummaa olaanoo ilaallatan walitti qabaa akka ture ibseera.
Akkasumas miseensi duraanii raayyaa ture Komaandar Mulugeetaa Tsigee jedhamu ammoo Ajajaa Shantamaa Yihunee Jambaree waliin garee dhoksaan gurmaa'e kana waliin kan socho'u yoo ta'u, deeggarsa maallaqaa, loojistikiifi yaadaa biyya alaafi biyya keessaa taasifamuufiin gocha seeraan alaa kana akka qindeessan ragaan mirkanaa'uu ibsichi mul'iseera.
Namoonni kunneen irra deddeebiin Finfinneerraa gara naannoo Amaaraa bakkawwan gara garaatti socho'uun, dargaggoota filachuun leenjiillee kennaaf turaniiru jedha.
Dabalataanis, Finfinneefi kutaa biyyaa bakkawwan gara garaatti goolamsi hidhannoon deeggaramu uumuun hokkara qindaa'aa ta'e kakkasuufis dhoksaan socha'aa turuus ni hima.
Yihunee Jambareefi waa'elli isaa Komaandar Mulugeetaa Tsigee namoota gara garaa biyya alaa jira, keessattuu kan Jarman jiraatuufi garee dhoksaa kanaaf qindeesssaa ta'e Tashaala Kabbadaa Idoo waliin odeeffannoo wal jijjiiraafi ergama fudhataa turaniiru jedha.
Ibsi humni hojii waloo nageenyaa Ministeera Raayyaa Ittisaa, Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya Biyyaaleessaa, Komishinii Poolisii Federaalaafi Ejjansii Odeeffannoo fi Tikaan waliin ta'uun kan bahaeedha.
Wixinee heera motummaa fuula 85 qabu
Ibsi kun itti dabaluun fedhii siyaasaa isaanii humnaan guuttachuuf jecha dhalattoonni Amaaraa bakkeewwan biyyatti garaa garaa jiraatanirratti yakki duguuggaa sanyii raawwatameera jechuun caasaa ''Sochii Itoophiyaaf Eenyummaa Amaaraa Deebiisuu'' jedhu uumuun socho'aa turan jedha.
Miseensa garichaa Pirofeessar Abaraa Mashashaa jedhamuufi Ameerikaa jiraatuutiin wixinee heera motummaa fuula 85 qabu seeraan alaa dhoksaatti qophaa'uuu kan hime ibsichi, maxxansiisuufis maallaqni erga akkaawuntii baankii jiraataa Finfinnee Naadawu Zawude jedhamuutti galfameen booda gargalchi 1,000 maxxanfamuun osoo raabsamuuf qophiirra jiruu harkaafi harkatti qabamu beeksiiseera.
Akkasumas, gareewwan badiinsaa kunneen karoorsaanii badiinsaa kana fiixaan baasuuf miseensootaafi aanga'oota paartii mormitootaafi biyya bulchaa jiruu akkasumas miseensoota nageenyaafi tikaa hojii dhaabaniifi hojirratti argaman tokko tokkoo waliin qindoomuun garee hariiroo hundeeffame waliin hidhata uummachuun hokkora biyyaaleessaa hoogganuuf karoora baafatanii golamsaaf hojjataa turuu ibseera.
Gareedhuma kana keessattis finxaaleeyyiin diyaasporaa 45 biyya Jarmanii jiraatan qaama sochii seeraan alaa kanaa ta'un argamusaanii ibsichi beeksiise.
Namoonni kunneenis caasaa uumanii ''dhaabbata tola-ooltummaa Masarati'' jedhamuufi Fifinneetti argamutti akka haguuggiitti fayyadamuun, haadha qabeenyaa dhaabbatichaa kan taatee Aaddee Masarati Agaaza waliin ta'uun, meeshaalee deeggarsa barnootaa, uffatawwaniifi meeshaalee gara biraa maqaa dhaabbatichaatiin qaraxarraa bilisaan gara biyyaa galan waliin meeshaalee biroo galchaniiru.
Meeshaaleen kun kan bilbilli ittin butamu, meeshaa marii zuumiif tajaajilu, sarvariiwwan teelee fi bu'aalee elektironiksii biraa gara biyyaa galchuun osoo gareewwan badiif ijaaramaniif hiranu harkaafi harkatti qabamusaanii himeera.
Kana malees, gareen finxaaleeyyii diyaasporaa biyyoota garaa garaatti argamaniin deeggaramu kunis keessattuu Finfinneetti hookkora hidhannoon deegarame gaggeessuun filannoo dhufaan akka gufatu taasisuun qaxxaamuraan aangoo motummaa to'achuuf jecha hidhata quunnamtii dhoksaan diriirsaniin, motummaan jalqabarraa kaasee hordoffii cimaa taasisaa turuufi ija dhaabbilee tikaafi nageenyaa duraa kan dhokaate waan hinturreef gochaansaanii kun saaxilamu danda'eera jedheera.
Caasaa garee kanaatti hrimaachuun biyyatti gara hookkora cimaa keessa galchuuf socho'aa fi qindeessaa kan ture komaandar Mulugeetaa Tsiggee Xilaahun fi ajajaa shantamaa Jambaree dabalatee shakkamtoonni 15 akkasumas sanadiiwwan, waraaleen barreeffamaa, laaptooppiiwwan, deeskitooppii, meeshaaleen waraanaafi qara qaban fi dabtaroonni baankii gochaa badii ittiin raawwachuuf qopheessan adda addaa to'annoo jala oolfamaniiru jedha ibsichi.
Akkasumas biiya alaa taa'uun caasaa kana qiindeessaa fi maallaqa, yaadaafii lojestikiin deeggarsa taasisaa kan turan pirofessa Abaraa Mashashaa, Obbo Tashaala Kabbadaa Iidoo, Aaddee Yeharagworqi Gaashaawu, Asifaawu Jabeessaa, Obbo Maaragu, Obbo Biniiyaam, Obbo Kiirubeel, Aaddee Liishaan Ahimad, Dr Gannat, Aaddee Argaash, Injinar Gizaawu fi Obbo Hagaree Addis walita'iinsa biyyoota mituun to'atamuun seeraan gaafatamo gochuuf hojjatamaa jiraachu humni hojii waloo nageenyaa ibsa kanaan beeksiseera.
Gochii ummanni Amaaraa motummaafi obbolaasaa irratti shakkii akka qabaatuuf kakaasuun, gara walitti bu'iinsaafi hookkora hinbarbaachifne akka seenu taasisuun, duutii namoota nagaafi badiinsi cimaan akka qaqabu taasisuun, humnootii biyya keessaafi biyya alaatiin qindomiinaan raawwatamaa ture kunis kan fashalaa'e, qajeelfama motummaa, hordoffii fi tarkaanfii cimaa qaamoolee nageenyaa, hirmmaannaa uummataafi lammiilee biyya alaa jiraataniifi dantaa biyyasaanii dabarsaniin hinkenniineen akka ta'e ibseera.














