Galiin waggaa Pirezidant Baayidan haalaan xiqqaachuu ragaan gibiraa isaanii mul'ise

Maxxanfame

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan sanada gibira itti kanfalan ifa gochuu Waayit Haawus beeksise.

Akka nagahee gibiraa kanaatti Baayidaniifi haati warraa isaanii waggaa darbe $607,336 kan argatan yoo ta'u, isa keessaa taaksii federaalaa $157,414 kanfalaniiru.

Haa ta'u malee, galiin isaa bara 2020'tti argatan kan bara 2019 argatanirraa xiqqaateera.

Bara 2019'tti gara caalu dubbii taasisaniin, kitaaba gurguraniifi gahee dhaabbilee barnoota olaanootti qabanirraa galii $985,223 argataniiru.

Kana dura garuu Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp sanada gibira itti kanfalan ifa gochuu hin barbaadne ture. Tarkaanfiin Tiraamp kunis erga bara 1970 keessaa yeroo jalqabaafi.

Tiraamp yeroos kan didan ejansii Ameerikaa taaksii walitti qabuufi Tajaajila Galii Keessoo jedhamuun akka hordofaman ibsuuni.

Ragaan gibiraa Baayidan ifa taasifame kan waggoota 22'ti.

Akkaataa dokimantii gaafa Wiixataa gadhiifameen Baayidan yeroo duula filannoo gaggeessan galii argatan keessaa taaksii federaalaa 25.9% kanfaluu Waayit Haawus himeera.

Dabalataan bara 2020 dolaara $30,704 dhaabbilee gargaarsaa 10'f kennaniiru.

Maallaqa arjooman keessaa $10,000 kan ta'u faawundeeshinii Beau Biden maqaa ilma isaanii umrii 46'tti bara 2015 kaansarii sammuun du'en mogga'eefi yeroo ammaa farra miidhaa da'imman irratti dalaguuf kenname.

Ragaan Baayidaniifi haati warraa isaanii Jiil ifa godhan waggoota 20 darbanitti $70,000 dhaabbilee gargaarsa namoomaa dalaganiif arjoomuu agarsiisa.

Akka ragaan Pirezidantii Ameerikaa agarsiisutti qabeenyi Baayidan qaban dolaara miiliyoona 1.2 - 2.88'tti tilmaamama.

Yeroo duula na filadhaa gaggeessan Baayidaniifi haati warraa isaanii bara 2017 $11m akkasumas waggaa itti aanu $4.6m walitti qabaniiru.

Akka ragaalee waggoota 20 olif turan akka agarsiisanitti taanaan Baayidaniifi Giiftiin Duree kana dura kaffaltii taaksii xiqqeessuuf dubbii taasisuun galii argachuuf yaalaa turan.

Yeroo ammaa miindaan waggaa Pirezidant Baayidan dolaara Ameerikaa 400,000 yookiin birrii Itoophiyaa miiliyoona 17'tti dhihaata.

Pirezidant Baayidan yeroo ammaa lammiilee Ameerikaa galiin isaanii $400,000 caalu argatanirraa gibira guddisuuf yaada qabu.

Pirezidantiin Itti-aantuu US Kamaalaa Haarisiifi abbaan warraa isaanii Doug Emhoff illee sanada gibiraa isaanii kan bara 2020 ifa godhaniiru.

Akka Waayit Haawus ibsetti lamaan isaanii galii $1,695,225 argachuufi taaksii federaalaa $621,893 kanfaluu beeksisan.

Kana jechuun galii argatan keessaa 36.7% taaksiif kanfalan. Dhaabbilee gargaarsaaf immoo $27,006 arjooman.

Kamaalaa Haaris kitaaba The Truths We Hold jedhuufi barreessaa jiraniif kanfaltii jalqabaa $359,000 argataniiru.