Ameerikaa: Tiraamp gibira kaffalaa akka hin turre saaxilaman

Maxxanfame

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp bara 2016 fi bara 2017 keessa gibira doolaara 750 qofa kaffaluu barruun Niiw York Taayimsi gabaase.

Barruun akka jedheetti Mr Tiraampi waggoota 15 darban keessa waggoota 10f gibira hinkanfale. Himannich garuu Tiraamp 'oduu sobaati' ittiin jedheera.

Barri 2017 bara yeroo jalqabaaf pirezidaant Tiraamp dorgomaniifi Waayit Haawus itti seenaniidha.

Barruun kun ragaa kaffaltii gibiraa pirzidaanti Tiraampi kan waggoota kurna-lamaa akka harkaa qabuufi sanarratti hundaa’uun waggoota 15n darban keessaa waggaa 10 pirezidaantichi gibira akka hin kaffalle ragaa argachuu ibse.

Ragaan kun kan agarsiisu ‘’kufaatii diinagdee hamaa fi diddaa gibiraa bara hedduu’’ ta’uus ibse gabaasi kun.

Pirezidaanti Tiraampi ammoo dubbiin oduu sobaati ittiin jedhan.

‘’An gibira sirriitti kaffalaan ture. Kana hundi keessanuu yeroo gabaabaa keessatti wayita ragaan kaffaltii gibiraa kiyya ifoomu arguuf jirtu. Amman tana oodit ta’aa jira. Yeroo dheeraaf oodit ta’aa ture.’’ Jechuun gaazexeessitootatti himan Tiraampi, erga gabaasi kun ba’ee booda.

‘’Tajaajilli Galiiwwanii Keessaa (Internal Revenue Services-IRS) sirriitti nah in keessummeessan. Akka badaa na hifatu.’’ Jechuun komii dhiyeessan Tiraampi.

Pirezidaanti Tiraampi ragaalee waa’ee qabeenya isaanii mul’isan dhoksuu isaaniirraa kan ka’e yeroo hedduu gaaffiin seeraa isaan qoraa jira.

Erga bara 1970 as pirezidaantiin ragaa kaffaltii gibiraasaanii iccitii godhan pirezidaanti Tiraampi qofa.

Gabaasi kun wayita pirezidaantichi falmii filannoo gaggeessuuf guyyoonni muraasi isaan hafuu fi filannoof torbanoonni muraasi hafanittidha kan ba’e.