Xaaliyaan yeroo jalqabaatiif dubartii dursituu basaasaa godhachuun muudatte

Elisaabeetaa Beelonnii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Elisaabeetaa Beelonnii
Maxxanfame

Duraan ambaasaaddara kan turte Elisaabetaa Beelonniin amma dubartii jalqabaa basaasa Xaaliyaan akka gaggeessuuf muudamte taateetti.

Ministirri Muummee Maariyoo Diraagii, Elisaabetaa Beelonnii akka waajjira basaasa Xaaliyaan hoggantuuf muuduu isaanii Roobii kaleessaa beeksisaniiru.

Dhaabbanni basaasaa Xaaliyaan 'Dippaartimant Oof Infoormeeshin and Sekiyuuriitii' jedhama. Waajirri kun tajaajila basaasummaa kan biyya keessaafi kan alaa to'achuun mootummaa Xaaliyaaniif gabaasa kan godhudha.

Dubartii ganna 63 kan taate Elisaabetaa Beelonnii, dubartii jalqabaa jedhamuun muudamuun ishee kun kan jalqabaa miti.

Dubartii kana 'fakkii jabinaati' jechuun ishee ibsuun dursaan Paartii Liigii Maatewoo Salviiniin dabalate namoonni siyaasaa Xaaliyaan hedduun muudama ishee kana gammachuun simataniiru.

Bara 1958 kan dhalatte Elisaabetaa Beelonnii mana barumsaa dhiirota qofaatiif hayyamamu Inistitiyuutii Maasiimiliyaanoo Masiimoo dubartoota galan keessaa ishee jalqabaas turte.

Ministirri Muummee Xaaliyaan yeroo ammaa Diraagiiniinis manuma barumsaa barattoonni dandttiin eecalanii alamitti baratan keessatti baratan.

Elisaabetaa Beelonnii Viyeenaafi Biraatiislaavaa keessatti dippilomaatii ta'uun erga tajaajilteen booda gara biyyaatti deebitee ministeera dhimma alaa keessa hojjechuu jalqabde.

Ministeera dhimma alaa keessattis gaggeessituu garee Kiraayisis Yuunit ta'uun waggoota afuriif tajaajilteetti.

Yeroo turtii ishee kana keessattis hojiin ijoo ishee kan ture dhimmoota lammileen Xaaliyaan biiyyoota alaatti ajjeefaman ykn miidhaman hordofuu ture.

Kanarra darbees ldhimma ammileen biyyashee Afgaanistaaniifi Iraaq keessatti ukkaamfamaniifi haala Xaaliyaanota Sunaamiitiin miidhamanii hordofaa turteetti.

Aangoo dhimma lammilee biyyattii addunyaa gara garaarra jiran hordofuutiin boodas guddina argachuun barreessituu olaantuu ministeera dhimma alaa ta'uun muudamtee turte.

Muudama kana yeroo argattus bakka sanaaf dubartii Xaaliyaan ishee jalqaba bakka sanarra tajaajilte taateetti.