Dhimma hidha Abbayyaa ilaalchisuun Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin biyyoota afriikaatti dowwannaa taasisan

Maxxanfame

Mariin dhimma Abbayyaarratti Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti Kinshaasaatti taa'amee ture waliigalte maree erga adda bahameen booda qondaaltoonni olaanoon biyyoota kanneenii gara biyyoota Afriikaa adda addaatti ergamaniiru.

Biyyoonni sadan haala bishaan hidha guddichaa itti guutamuufi itti gadhiifamu irratti waggotaaf marii taa'an illeen waliigalteerra osoo hingahamiin hafeera.

Walgahii Kinshaasaatiin boodas Sudaan walgahichi bu'aa malee kan hafe sababii ejjannoo Itoophiyaan qabatte rakkisaa ta'eef jechuun himataa turte. Masriinis akkasuma ''Itoophiyaan filannoowwan adeemsa marii hunda kufiisuu'' beeksiifte.

Itoophiyaan gama isheetiin mariichi waliigaltee malee hafuusaatiif Sudaaniifi Marsii himatti.

Isaan boodas qondaaltoonni olaanoon biyyoota sadanii dhimma hidha Abbayyaa ilaalchisuun of hubachiisuufi deeggrsa argachuuf biyyoota Afriikaa adda addaatti imalaniiru.

Xiyyeeffannaan isaanis biyyoota miseensa yeroo mana maree nageenya motummoota gamtoomanii ta'aniidha.

Niijar, Tuniziyaafi Keeniyaan biyyoota miseensota yeroo mana maree nageenya UN dha.

Itoophiyaan ganna kana hidhicha marsaa lammaffaaf bishaan akka guttuu beeksiifte jirti. Masriifi Sudaan ammoo marsaa lammaffaan guutamuun dura waliigaltee taasifamu qabaata jedhu.

Kana hordofees Itoophiyaan biyyoonni lamaan garee oggeessoota ragaa waljijjiruuf hojjatu akka ramadaniif gaafachunshee ni yaadatama.

Imala Itoophiyaa gara Niijar

Pirezidaantiin Itoophiyaa Saahilawarqi Zawudeefi Ministirri Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Dr Silashii Baqqalaa waliin ta'uun gara Niijar imalaniiru.

Qondaaltoonni olaanoon kunneenis turtii isaaniin dhimma hidha Abbayyaa irratti pirezidaantii Niijar Mohaammad Baazomiif ibsa taasisuu Dr Silashiin karaa fuula Twitaraatiin beeksisan.

Akkasumas pirezidaantichaa waliin mari'achun alattis Ministiroota waliin mariifi dowwannaa taasisuu himaniiru Dr Silashiin.

Akkasumas tibba dowwanichaatti haala qabatamaa naannoo Tigraay, dhimma marii hidha Abbayyaa, waa'ee filannoo ittaanu fi wal dhabdee Sudaan waliin jirurratti ejjannoo Itoophiyaa beeksisaniiru.

''Itoophiyaan rakkooleen Afriikaa Afriikaanotaan akka hiikamu amanti'' jedhan ministirichi ergaasaanii kanaan.

Gama biraatiin ammoo Ministiir Haajaa Alaafi Ittaanaan MM Damaqaa Makonniin gara Afriikaa Kibbaatti imaluun pirezidaantii biyyatti Siriil Raamaafosaa waliin mariidhuma walfakkaataa taasisuusaanii midiyaaleen gabaasaniiru.

Suudaan maal raawwattee?

Ministirri Haajaa Alaa Sudaan Dr Mariiyaam Alsaadiiq dhimma hidha Abbayyaa irratti dureewwan biyyota Afriikaa garagaaraa waliin marii taasisaniiru.

Ministirittiin jalqaba kan imalan gara Keeniyaatti yoo ta'u, achittis pirezidaantii biyyattii Uhuruu Keeniyaattaa, Ministira Haajaa Alaa keeniyaa Raayichel Omaam fi hawaasa Sudaan kan Naayiroobiitti argaman waliin marii taasisuun isaanii ibsameera.

Marii Pirezidaanti Uhuuruu waliin taasisaniinis Sudaan eejjannoo dhimma Abbayyaa irratti biyyoonni sadan waliigalte irra gahuu qabu jedhu qabaachuu ibsusaanii ministirittiin fuula twitara isaanii irratti ibsan.

Kana malee Ministirri Haajaa Alaa sudaan kun Ruwaandaattis argamuun marii walfakkaataa Pirezidaanti Pool Kaagaamee waliin taasisuun barameera.

Pirezidaanti Uhuruufi Pirezidaanti Kaagaameen ergaa MM Sudaan Haamdook irraa ergameef fudhataniiru.

Masriin hoo Ministira Haajaa Alaashe eessatti ergite?

Ministirri Haajaa Alaa Masrii Saamii Shikurii dhimma hidha guddichaa ilaalchisee ejjannoo Masriin qabdu beeksiisuuf gara biyyoota Afriikaa adda addaatti imalaniiru.

Shikuriin torbaniin dura gara Keeniyaa, Morookoo, Afriikaa Kibbaa, Seneegaal, DR Kongoofi Tuniiziyaatti imalanii ture.

Itoophiyaan mariin biyyoota sadan mariisisuu Gamtaa Afriikaatiin akka itti fufu barbaaddi.

Masriifi Sudaan ammoo osoo waliigalteen hintaasifamiin dura itoophiyaan marsaa lammataa bishaan hidhichaa guutamu hinqabaatu jedhu.

Kana malees Ameerikaafi Gamtaan Awuroppaa akka mariisisaniif fedhii qabu.

Hidha Guddicha Abbayyaa

Hidhi guddichi Itoophiyaa kan ijarsiisaa waggoota shan keessatti xumurama jedhame, waggoota kudhan darbaniif ammalleen ijaarsiisaa hinxumuramne.

Ijaarsiisaa wayita xumuramuutti Afriikaatti hidha guddicha jalqabaa ta'a jedhamee kan eegamu hidhi kun, amma ijaarsiisaa parsantaa 80 irra gahuufi bara dhufaatti irra caalaan anniisaa maddisiisuu eegala jedhamee eegama.