Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeksaasitti baqattoonni 97 mana jireenyaa tokkotti dhokfamanii argaman
Ameerikaa magaalaa Teeksaas Hawustaniitti baqattoonni 97 maan jireenyaa tokko keessatti dhokatanii argamunsaanii hedduu nama ajaa'ibsiiseera.
Mandara daangaa Meeksikoorraa fageenya K 480 irrratti argamtu keessa baqattoonni jiraatan kunneen erga naannichatti sakkatta'insa taasiisaniin booda argamuun isaanii naasuu uumeera jedhame.
Baqattoota mana jireenyaa keessatti dhokachuun argamaniin wal qabatees poolisiin namoota sadii to'annoo jala oolcheera.
Namoonni seeraan ala namoota dadabarsuun shakkamuun to'annoo jala oolfaman shanan jiraattoota bulchiinsa Ameerikaa Kibbaa yoo ta'an, isaanumtuu kan Ameerikaa jiraatan karaa seeraan alaatiin jedhameera.
Taateen kun kan mudate erga waggoota 20 darban keessatti baayyinni baqattootaa olaanaan dabaluun, keessattuu lakkoofsi daa'immanii garmalee itti guddate baatii Bitooteessaatiin booda jedhameera.
Abbaan alangaa Ameerikaa Jeenafar Loowarii shakkamttoonni hundi ''bu'aa daldaafi ykn bu'aa maallaqaa dhunfaatiif jecha lammiilee biyya alaa seeraan alaatiif dahoo kennuufi dhoksuun himatamaniiru,'' jedhan.
Shakkamtoonni yakka ittiin shakkamaniin yoo balleessaa ta'an addabbii hidhaa hagana waggaa 10 gahuu itti murtaa'uu danda'a jedhameera.
Baqqattoonnis akka gadi hin baanetti kutaa ciisaa lama keessatti itti cufamee ture jedhameera.
Dhiiroonni hundinuu uffata surrii jalaa (paantii) qofaan ta'un kan argaman yoo ta'u, muraasni isaanii guyyoota darbana sadiif nyaataafi bishaan omaa akka hin argatiin himuun gara hospitaala geeffamaniiru.
Baqattoota keessaa shan kan ta'an koronaavaayirasiin qabamunsaannii kan mirkanaa'ee yoo ta'u, bu'aan kanneen hafanii eegamaa jiraachu Waajjirri Fayyaa Hiiyustan ibseera.
Aanga'oonni akka jedhaniitti, qorannichaafi baqattoonni kunneen akka argamaniif sababa kan taate dubartii obbooleessi ishee jalaa akka uggurame ilaalchisuun poolisiitti bilbilaan beeksiifte tokko jedhame.
Dubartiin kunis obboleessa ishee gara Ameerikaatti galchuuf doolaara kuma 11 kanfaltulleen namoonni daddabarsan kunneen ammas dabalataan yoo kanfalte malee si ajjeefna jechuun akka dorsiisan himushee poolisiin ibseera.
Poolisiin mobaayilii shakkamaa tokko hordofuun gara mana jireenyaasaatti imaluun sakkatta'insa taasifameen baqattoota kanneen argachuun danda'ameera.
Qorattoonni akka jedhaniitti, baqattoota mana keessa turan keessaa tokko ''maallaqa yoo kan hin kafalle ta'e gara saanduuqa reeffaatti si galchina,'' jedhamuu dubbateera.
Mana keessattis galmeen tarree namoota maallaqa kanfalaniifi herreegni kanfaltii tokko argamuun ibsameera.
Namoonni manicha kireessaniifi ollaan kana dura sochii addaa tokkolleen arganii akka hin beekneefi manichis tajaajila akkamiif oolfamaa akka jirus akka hin beekne dubbatan.