Pirezidaant Baayidan rakkoo godaantotaa furuu irratti xiyyeeffachuun ibsa kennan

Maxxanfame

Pirezidaantiin US Joo Baayidan erga aangoo qabatanii ibsa yeroo jalqabaaf miidiyaaf kennaniin waa'ee godaantotaa irratti xiyyeeffatanii dubbatan.

Lakkoofsi godaantotaa daran dabaluun walqabatee rakkoo daangaa kibba US fi Meeksikoo gidduutti mudachaa jiru furuuf akka hojjetan himan.

Bakka kanatti daa'imman 17,000 caalan giddu gala mootummaan qopheesse keessa kaa'amanii jiru.

Rakkoo kibba biyyattiitti godaantota mudate kanaaf bulchiinsa Doonaald Tiraamp yakkan Baayidan.

Ibsa isaanii kana keessatti dhimma meeshaalee waraanaa fi waa'ee imaammata dhimma alaas kaasaniiru.

Pirezidaant Baayidan dhiyeessii talaallii Covid-19 kan duraan karoorfame dachaan dabaluun miiliyoona 200'n akka ga'an waadaa galan.

Waayit Haawus seenanii guyyaa 100 jalqabaa keessatti talaallii miiliyoona 200 kennuuf akka hojjetan himan.

Tibba qorri hammaatu keessa lakkofsi godaantota gara US seenanii dabaluun waan haaraa miti kan jedhan pirezidaant Baayidan, rakkoo daangaa kibba US fi Meeksikoo gidduutti mudate kan uume garuu rakkoo bulchiinsaa Doonaald Tiraamp jedhan.

Haalonni humnaa ol ta'an kanneen akka balaa uumamaa, yakkaa fi rakkoon diinagdee lakkoofsi godaantotaa dabaluuf sababoota ijoo ta'uu kan eeran pirezidaantichi, giddu galli baqattoonni keessatti hidhamanii jiran yoom gaazexeessitootaaf banaa ta'a gaaffii jedhuuf deebii gabaabaa kennan.

''Wanti hundinuu iftoomina akka qabaatuuf kutannoon hojjenna. waan hundayyuu ilaaluuf carraa ni argattu.''

Yoomirraa akka ta'e garuu hin ibsine.

Gaaffilee kanneen akka waraana US guutummaatti Afgaanistaan keessaa baasuufi seera meeshaalee waraanaa irratti wayita gaafataman, kunneen rakkoo yeroo dheeraa waan turaniif yeroo gabaabaa keessatti deebisuun akka isaan rakkisu himan.

Pirezidaant Baayidan filannoo bara 2024 irratti hirmaachuuf karoora akka qaban dubbachuun mata duree oduu ta'aniiru. Dhimmi kun namnoota hedduu biratti shakkii uumaa tureera.