Xaaliyaanitti namtichi waggoota 15'f osoo hin hojjatiin mindaa fudhachaa ture to'atame

Hospitaala Xaaliyaan keessatti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Namtichi biyya Xaaliyaan hospitaala tokko keessatti mindeeffamuun garuu waggoota 15'f osoo guyyaa tokkolleen hojiirratti hinargamiin mindaa Yuuroo 538,000 fudhate tokko irratti himannaan banamuuf ta'uun miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

Namtichi hospitaala kibba magaalaa Kaatanzaarotti argamuufi itti mindeeffame hospitaala 'C'accio' jedhamu kana dhaquu kan dhaabee bara 2005 keessa jedhameera.

Dhimmisaa isaa kunis amma qoratamaa jiraachuu ejansiin oduu biyyattii gabaaseera.

Waggoota hojii osoo hinhojjatiin mindaa fudhataa tureettis kanfaltiin Yuroo 538,000 yookiin Birrii Itoophiyaa miiliyoona 26 ol kan fudhate ta'u himame.

Akkasumas dhimmicha waliin hidhata qabu jedhamuun kan shakkaman qondaaltoonni hospitaalichaa jahas to'annaa jala oolfamuun qorannaan gaggeeffamaa jira.

Shakkamtoonni kunneenis qorannoo cimaa poolisiin qisaasama qabeenyaa damee ummataa biyyattii irratti raawwataman irratti gaggeesseen bira gahuun ta'atamuu danda'aman.

Namni kunis hojjataa hospitaalichaa ta'uun bara 2005 keessatti kan ramadame ture. Haata'u malee innis yeroodhuma sanaa kaasee hojii dhaquu dhaabuusaa hima poolisiin biyyattii.

Kana malees itti gaafatamtuun isaa gabaasa naamusaa akka irratti hindhiyeessine dhorkuuf dorsisaa ture jechuun poolisiin himateera.

Boodarras ittigaafatamtuun sun sooramaan hojii kan dhaabde yoo ta'u, dhimmi nama hojiirratti hinargamne kanaa kunis aanga'aa dubartii sanan booda hospitaalichatti ramadameenis ta'e kutaa qabeenya namaa hospitaalichaatiin kaafamee hinbeekamu jedhame.