Yaaddoofi abdii kutannaa baqattoota Keeniyaa hanga lubbuu ofii balleessuutti ga'e

Maxxanfame

Erga mootummaan Keeniyaa waa'ee cufamuu buufataalee baqattootaa Kaakumaafi Dadaab dubbattee as jiruu fi jireenyisaanii tasgabbii dhabee jiraachuu fi inumaa baqattoonni hedduun qor-qalbiin isaanii baay'ee miidhamuu baqattoonni dubbisne nutti himaniiru.

Waggaa 27 dura Itoophiyaarraa gara Keeniyaatti baqachuun mooraa baqattootaa Dadaab kan galan Obbo Mohaammad Abdullaahi, yeroo ammaa gara mooraa baqattootaa Kaakumaa, buufata Kalobeyee geeffamanii achi jiru.

Erga mootummaan Bitootessa darbe mooraan baqattootaa akka irraa cufamu UN gaafatee as qalbiin nu rarra'ee yaaddoo hamtuu keessa jirra jedhan.

''Jalqabuma odeeffannoo kana qaamni nutti hime hin jiru. Odeeffannoo waa'ee dhimma keenyaa ta'e kana dhagahuu dhabuu keenyaan daran miidhamneerra. Waan nurra ga'uuf deemu hin beeknu waan ta'eef,'' jechuun qaamni isaan dubbisaa jiru akka hin jirre himan.

''Daangaa yeroo mootummaan Keeniyaa UN'f kenne irratti UN himannaa mana murtiin ga'uun kan guyyaa 14 ture gara ji'a tokkootti siquu quba qabna.

''Kanallee namni nutti hime hin jiru, miidiyaarraa dhageenye. Kan guyyaa 14 sana osoo yaaddofnuu akkasiin dabarsine. Kan ji'a tokkoo kunillee dhumataa jira, waan nurra ga'u hin beeknu,'' jechuun akkaan yaadda'uu himan.

Rakkoon koronaavaayirasii duraanuu harkaa nu qabdi kan jedhan Obbo Mohammad, amma ammoo doorsisi mootummaa fi biyyatti isin deebisna jechuun sammuu keenya daran miidheera jedhan.

''Namni sammuun miidhameera. Of-ajjeesaa jiru. Dheengadda buufatuma an keessa jiru Kalobeyee keessatti, lammiin Sudaan Kibbaa tokko akka malee yaadda'uurraa kan ka'e of-fannisee of ajjeese. Haalli kun nama maraa sammuu dhayeera,'' jedhan Obbo Mohammad.

Namoonni hedduun abdii kutatanii gara lubbuu ofii balleessuutti deemaa jiru kan jedhan Obbo Mohammad fuulduraafillee abdii akka hin qabne himan.

''Waa'ee keenyarratti wayita murtaa'u odeeffannoo hin argannu. Koronaavaayirasiin nu yaaddessa. Gara biyya keenyaa akka hin deebineef haalli biyya keessaa nu yaaddessa. Gargaarsi UN duraanuu xiqqoodha.

''Amma erga koronaavaayirasiitii as ammoo homaayyuu nu gargaaraa hin jiran. Duraan namuu ofumaa tattaafatee hojjetatee bula, amma sababa Covid kana hojjechuunuu hin danda'amu. Hunduu abdii kutatee jira.''

''Nami hunduu akka waan maraatee callisee ofiin haasayaa deema. Kun yaaddoo hamtuudha.''

Baqataan mooraa baqattootaa Dadaab irraa dubbisne kan maqaasaa eeruu hin barbaanne tokko ammoo, erga mootummaan UN'f guyyaa 14 kennee as wanti jijjiirame tokkollee hin jiru jedhe.

''UN namoonni akka gara biyyasaaniitti deebi'an gochuuf hojii waan eegale fakkaata. Garuu wanti ammatti irra ga'ame hin jiru.''

Baqattoonni Keeniyaa jiran irra jireessi isaanii kara biyyoota fooyyee qabaniitti ce'uuf eeggachaa jiru kan jedhan namni kun, garuu gara biyyoota Afriikaa kaanitti dabarfamuuf sodaan jedhu yaaddoo uumeera jedhan.

''Biyyi yeroo dheeraaf keessatti of ijaaran na keessaa ba'i yoo jedhe kana caalaa wanti qor-qalbii namaa miidhu hin jiru.

Bakkuma jirru kana mana keenyaa, qe'ee keenya jennee of amansiifnee jiraachaa jirra. Maatii horanneerra. Garuu battaluma tokkotti mootummaan ka'ii ba'i yoo jedhu baay'ee nama miidha.''

''Baqataa durumaanuu Covid-19 akkaan miidhee jiru irratti kun yoo dabalamu ammoo abdii kutachiisa. Namuu bakka deemu hundatti waan mootummaafi UN murteessan wal gaafata. Yaaddoo qabu ofiin dubbataa deema. Miira maraachuu keessa galamaa jira,'' jedha.

Baqataan Mooraa Baqattootaa Dadaab kan biraan Idriis jedhamu erga baqatee biyyaa ba'ee waggaa 45 ta'uu hime.

Idriis lammiilee Itoophiyaa bara 2017 biyyatti deebi'uuf galmaa'anii turan keessaati.

Yeroo ammaas adeemsuma kanarra jiraachuu kan himu Idriis, ''garuu deemaa jechuu malee eessaa fi maaliin akka deemnu qaamni nu qajeelchaa jiru tokkollee hin jiru,'' jedhe.

''Mooraa Dadaab irraa gara Kaakumaatti humnaan nama geessu. Nuti garas hin deemnu jennee didne. Humnaan nu deemsisuuf wayita isaan jedhan deemnee rakkachuurra biyyatti deebina jenneen. Isas hanga yoonaa haala nuuf hin mijeessine.''

''Tibbana ammoo erga mootummaan Keeniyaa waa'ee mooraan akka cufamuu qabu dubbatee as dhimma kana deebisanii kaasan. Gidduu kana biyyatti deebitu nuun jedhanii jiru.

''Garuu wayita nuti hooggantoota UNHCR bira bilbillu magaalaa Naayiroobii taa'anii deemaa jedhu malee dhufanii nu waliin mari'achuuf iyyamamoo miti. Caamsaa 5 fi 7 marsaan jalqabaa ni eegala nuun jedhan. Rakkoo jabduutu harkaa nu qaba.''

Nama rakkoo itti himatan akka dhaban kan dubbatu Idriis, ''Egereen keenya maal akka ta'u hin beeknu. Namni hunduu waan irra ga'uuf jiru hin beeku. Haalli amma itti jirru yaachiftuudha. Dukkana keessa jirra,'' jechuun baayyee yaadda'uu hima.

Ragaan Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hanga Guraandhala darbeetti walitti qabe akka mul'isutti, mooraa baqattootaa Dadaab keessatti baqattoonni 224,642 akkasumas mooraa Kaakumaa keessatti baqattoonni 206,458 ni argamu.

Waliigalatti baqattoota magaalota Keeniyaa keessa jiraatan dabalatee baqattoota 500,000 biyyoota Afriikaa kanneen akka Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, DRC, Itoophiyaa, Burundii, Sudaan, Yugaandaa, Eertiraa, Ruwaandaa fi kanneen biroo keessaa dhufan keessaa baqattoonni Somaaliyaa walakkaa ol ta'u.

Lammiileen Itoophiyaa ammoo 29,718.