Baqataa Burundii sababii rakkootiin saamunaa omishuu eegale

Maxxanfame

Maqaansaa Innoosant Haavyaarimaanaa jedhama. Lammii Burundii dararaa cimaa keessa darbuun biyyaasaa gadhiisee gara Keeniyaatti baqateedha.

Achiinis kaampii baqattootaa Kaakumaa keessa qubate.

Biyyasaatti barataa gosa barnoota Kemistirii ture.

Innoosanti bara 2015 irraa kaasee saamunaa dhangala'aa oomishuun gurguree galii itti argachuu eegale.

Kaampiin baqattootaa Kaakumaa lafa jireenyaa baqattoota 200,000 ta'aniiti.

Kanaafuu wayita koronaavaayirasiin biyyattii mudatee oomishi saamunaa haalaan barbaachisetti, hammi inni omishu jiraattota kaampichaatiif gahaa akka hintaane hubate.

Kanaafuu gatii oomisha isaa ittiin gurguruu hir'isuun, qaruuraa xiqqeessuun namoonni bitachuun akka weerara covid-19 ittisan gochuuf yaale.

''Namoonni hundu saamunaa argachu qabu garuu hundi bitachu hindanda'an. Kanaafu, bu'aan argadhu osoo hintaanee namoota baayyee dhukkubicha irraa ittisuuf jecha gatiisaan hir'isee'' jechuun BBCtti hime, gaheessa umurii waggaa 35 kan ta'e Innoosanti.

''Akkuma Covid eegaleen fedhii ture guutuuf jecha omisha kiyya parsantaa 75n dabale. Kanaafu Covid-19 daldala kiyyaaf gaarii ture jechuun danda'a. Haata'u malee jaarsooliifi kanneen miidhama qaamaa qabaniif bilisaan kennaan ture,'' jedha.

Gochi Innoosant kunis Dhaabbata baqattoota Motummoota Gamtoomanii UNHCRn baayyee galateeffatame.

Dubbii Himaan UNHCR Eujiin Biyaan ''Baqattoonni Kaakumaa keessatti tatamsa'ina Covid-19 ittisu keessatti gahee olaanaa bahaa jiru'' jechuun BBCtti himte.

''Isaanis waa'ee vaayirasichaa irratti odeeffannoo dabaruu kaasee namoonni of eeggannoo akka taasisaniif gargaaruun gahe baha.''

'Wal gargaaruu'

Itti dabaluunis gatii gadi hir'isuu Mr Innoosanti baayyee hindinqisiifanne jette.

''Baqattoonni jireenya hawaasummaa kan beekaniifi kan wal gargaaaran. Kana duras haalawwan kana fakkaatan keessatti hojii keenya akka hojjannuuf nu gargaaraniiru.''

Mr Innoosanti amma namoota 42f carraa hojii umeera. Daldala isaas Industiriiwwan Glap (God Loves ALl People) jechuun moggaase.

Hojjattoota kenneen keessaa 24 baqattoota yoo ta'an 18 lammiilee Keeniyaa magaalaa Kaakumaa jiraataniidha.

Glap amm omisha isaa eejansiiwwan gargaarsaa dabalatee, dhaabilee daldalaa naannichaafi kanneen kaampichaan alatti argamaniifi dhiyeessa.

"Ejansiiwwanis omisha kiyya bituun kanneen bitachu hindandeenyeefi hojjattoota isaaniif kennu,'' jedhan Baqataan lammii Burundii kun.

Mr Innosanti naannichatti kan saamunaa daldalu isa qofaa miti. Ta'us ammoo dorgommii hinsodaatu. Siriiyyuu omisha qulqullina qabu haala itti omisha irratti ni barsiisa.

''Dubartoonniifi dargaggoonni akka of denda'anii akka kiyyaa kana jireenyasaanii foyyeeffataniif isaan barsiisuun barbaada. Haala naaf danda'amee hundaan hawaasa gargaaruun barbaada,'' jedha.

Tarii yaalii akka isaa kana fa'ituu vaayirasichi akka Kaakumaa keessa hinbabal'ane gargaare ta'a. Akka ragaan UNHCR irraa argame mul'isuutti, hanga ammaatti namoonni kaampichatti vaayirasiin qabamun mirkanaa'e 341 yoo ta'an 10 vaayirasichaan du'aniiru.

Keeniyaa akka biyyaatti namoonni 100,000 vaayirasichaan qabamuufi kanneen 1,700 du'u ministeerri Fayyaa beeksiiseera.

Akka UNHCR jedhuutti, sababii hokkoraafi tasgabbii siyaasaa dhabiinsaatiin lammiilee Buruundii kuma 300 ol ta'an waggoota 10 darban keessa biyyoota olaatti baqachuuf dirqamaniiru.

Mr Innosanti wayita biyyaasaatii baqatteetti Yunvarsitii Burundiitti Kemistirii baraa ture. Innis firoota haadhasaa kan lubbuun hintureee fi namoota mana isaa qabatan irraa ajjeesuf dorsiisoon akka irra gahaa ture hima.

Erga Kaakumaa qaqabeen boodas, deegarsa namoomaa eegachurra ofiisaatiin galii argachuuf barbaade.

'Attamiin saamunaan akka hojjatamu hinbeeku'

Kaampiichi adda bahee kan jiruufi naannoo egansiiwwan gargaarsaatiifilleen tajaajilawwan bu'uuraa dhiyeessuuf rakkisaa ta'eetti argama.

Mr Innoosanti erga naannicha qorateen booda warshaan saamunaa akka hinjirree hubate. Kana jechuunis omishaalee qulqullinaa bakka biraatii dhufu jechuudha.

"Saamunaan attamiin akka omishamu hinbeeku, kanaafuu hubannoo muraasa argachuuf marsariitiiwwan dubbisu eegale'' jechuun attamiin akka eegale ibsa.

Boodas korsii attamiin akka saamunaan omishamu barsiisuufi ejansii gargaarsaa Federeshinii Lutaraanii Addunyaatiin qophaa'ee irratti hirmaate.

Isaan booda liqaa lammii Burundii kan isa waliin barataa ture irraa argateen namoota isa gargaaran lama waliin hojicha eegale.

Akkasumas UNHCR fi dhaabbile mit-motummaa kan akka 'African Entrepreneur Collective (AEC), dabalatee ejansiiwwan gargaarsaa irraa liqaa argate.

'Sarara jireenyaa hawaasaaf'

"Innosanti baqattoonni attamiin karaa adda addaatiin biyya isaan simataniif gumaachuu akka danda'an kan agarsiiseedha,'' jechuun BBCtti kan himan ammoo dura taa'aa AEC Juli'een Oyilar.

''Kaampiiwwan akka Kaakumaa baayyee kan fagoorratti argaman waan ta'eef, keessattuu tibba ugguraafi dhorkaaawwan gara biraatti, dhaabbileen akka Innosanti kunneen omishaafi tajaajilawwan bu'uraa hawaasaaf dhiyeessuurratti utubaa jireenyaati.''

Qorannoon Baankii Addunyaa 2018 akka adda baaseetti daldalliwwan kuma lamaa ol Kaakumaa keessatti akka argamaniifi waggaa waggaa guddina dinagdee naannichaatiif dolaara miliyoona 50 gumaachaa jiru.

Barsiiftuun teknolojiifi Yunvarsitii Laagboor UKtti damee daldala baqattootaa qo'ataa kan jirtu Micheel icheey, namooonni akka Mr Innoosanti kunneen ilaalcha baqattummaa geedaruuf baayyee barbachisoodha jetti.

''Dandeettiin baqattootaa caliisanii dhiimmoota deeggarsa namoomaa qofaarratti xiyyeeffachurra, yoo carraan akkasii kennameef ni mul'ata'' jetti.

"Namoota akkasii bu'aa bahii keessa erga darbaniin booda akka jireenyasaaniii hanga tokko ogganachuu danda'aniif deeggaruu dandeenya.''

Jijjiramni jireenya Mr Innoosanti keessatti mul'ate daldala kana gaggeessuu qofaa miti. Bara 2017tti dubartii lammii Buruundii kaampicha keessatti wal argan waliin gaa'ila uummataniiru.

Amma ijoollee dhiiraa lama waliin godhataniiru.

''Kaampii baayyeen jaaladha garuu biyya Kaanaadaa ykn Awustiraaliiyaa deemuun daa'imaafi haadha warraa kiyyaaf jireenya gaarii akka jiraatanan barbaada,'' jedha Innoosanti.

Hanga sanattis, hojiisaa babalisuun hawaasa gargaaruu barbaada.

Gosa saamunaa fi omishaalee qulqullinaa 12 dhiyeessuun alatti saanitaayizara harkaa omishaa jira.

"Koronaavaayirasiin addunyaa guutuu miidheera. Haata'u malee nu warra asi Kaakumaa keessa jiruuf haala danda'ame hundaan qulqullina harka keenyaa akka eegannuuf nu gargaareera,'' jedha.