Masriitti balaan baaburaatiin namoonni 11 du'anii 98 madaa'an

Madda suuraa, Reuters
Masriitti balaa baaburaa ji'a tokko keessatti yeroo lammaffaaf qaqqabeen lubbu namoota 11 darbee kanneen 98 ta'an irra ammoo miidhaan qaqabe.
Balaan kunis Dilbata waaree booda baaburichi osoo magaalaa guddoo biyyatti Kaariyoorraa gara magaalaa Mansuriyaatti imalaa jiruu ture furgoon baaburichaa afur karaa gadhiisuun kan qaqqabe.
Ka'umsi balichaa battala sanatti hin baramne ture, taatullee Pirezedantiin biyyattii Abdul Fattaah al- Sisiin ka'umsi isaa maal akka ta'e akka qoratamu ajajan.
Abbaan Taayitaa Daandii Baabura Masrii akka ibsetti, konkolaachisaan baabura fi gargaaraan isaa akkasumas qondaaltonni buufataalee baaburaa saddeet wajjin to'atamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Nageenyummaan sirna geejjiba daandiin baabura Masrii dadhabaa yoo ta'u, keessa beektoonni buchiinsi mootummoota dabaree dabeeraadhaan biyyattii bulchan hojiin daandii baaburraatti hojjataa turan hanqina akka qabuu fi to'annoon isaa laafaa ta'u kaasan.
Kamisa darbes Kaaba-Baha Kaayiroo, kutaa bulchiinsa Sharqiyaa keessatti baaburri karaa irra imalaa gadhiise namoota 15 madeesse.
Bitootessaa 26, bara 2021 Kibba Kaariyoo bulchinsa Sohag keessatti baaburri lama walitti bu'uun balaa qaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 19 du'uun, namoonni 185 mada'aatu yaadatama.
Abbaan Alangaa biyyattii akka ibsetti, balaan sun wayita qaqqabu konkolaachisaan baaaburaa tokko fi gargaaraan isaa ''gabbinaa baaburaa keessa hin turre''jedhee himatame, jarri garuu keessuma turre jedhanii waakkatan.
Kana malees, gargaaraan baabura tokkoosaati immoo qoricha sammuu nama adoochu fudhatee akka turetu irratti kaafame.
Balaan mudate sun qaqqabuun dura sirni saffisa baaburaa xiqqeessuuf ykn dhaabuuf baaburatti hojjatame (ATC) hin banamne ture.
Ministirri Geejjiba biyyatti Kaamil al- Wazir, Masriin'rakkoo dandeetti nama baabura hoofuun walqabatu waan qabduuf ''bara 2024tti neetiwoorkii to'annoo baabura maashinaan bakka buufame akka qabaattu waadaa seenan.














